“Hariiroon Oromoofi Sidaamaa eegalan sadarkaa biyya waliin ijaaruutti ce’uu qaba” -Obbo Qaarree Cawwichaa, Bulchaa Godina Sidaamaa

Finfinnee: Maatii Kush keessatti sabootni Oromoofi Sidaamaa baay’ina ummataatiinis ta’ee bal’ina lafa irra qubataniitiin akkasumas daangaa dheeraa wajjummaan qooddachuudhaan maatii takko.

Ilmaan kuush kunniin ollummaafi obbolummaa maatii tokkoo qofa osoo hintaane, gama aadaa, duudhaa, afaaniifi seenaatiinis hedduu walfakkaatu.

Sabootni seenaafi seeraanis walitti hidhamiinsaafi firooma dhiigaa cimaa qaban kunniin seenaa qabsoo biyya kanaa keessatti durirraa kaasee hariiroo cimaa kan qabaniifi walitti dhufeenyi dur gabrummaa jalaa bahuuf eegalame amma gara biyya waliin ijaaruutti ce’uusaa Bulchaan Godina Sidaamaa, Obbo Qaarree Cawwichaa ni dubbatu.

Bara durii qabsaa’otni Oromoo kanneen akka Leenchoo Lataafi kan Sidaamaa Obbo Waldaamaanu’el Dubbaalaa sirna cunqursaarratti waliin eegalan Qeerroofi Ejjattoof bu’ura cimaa ta’uusaafi kanaanis jijjiirama amma dhufe keessatti shoora olaanaa bahachuun danda’amuusaa ibsu.

Akka ibsa Obbo Qaarreetti; qabsoo lubbuu dargaggoota hedduu gaafateen biyyattiin jijjiirama abdii qabeessakeessa galteerti. Haa ta’uu malee akkuma ummanni cunqurfamaan injifannoo dhufetti gammade jiru namootniifi gareewwan injifannoo kana boodatti deebisuuf socho’an akka jiran hubatamee of eeggannoo cimaan taasifamuu qaba.

Mariin torbee darbe Hawaasatti hayyoota Oromoo waliin taasifames hariiroo saboota lameenii haaraa uumuuf osoo hintaane, isuma dur ture sana itti fufsiisuufi Qeerroofi Ejjattoonis walitti dhufeenyaafi waliin jireenya ummattootaarratti akka cimuu yaadamee kan qophaa’e ture.

Qabsoo sabni Sidaamaa gaggeessaa ture keessaa inni guddaan mirga ofiin of bulchuu gonfachuu yemmuu ta’u, yeroo ammaa manni maree naannichaa dhimmicha raggaasisee Boordii Filannoo Biyyaaleessaatiif dhiheessuudhaan guyyaa riferandamiin gaggeeffamu eeggachaa jiraachuus ni dubbatu.

Bara hundeeffama Maccaafi Tuulamaarraa kaasee hariiroon hayyoota saboota lameeniitiin eegalame cimaa ta’uu kan himan immoo qabsaa’aa Oromoo, Jaal Leencoo Lataati. Isaanis hariiroon kun qabsaa’ota Sidaamaa kanneen akka Waldaamanu’el fa’aa miseensa Waldaa Mancaafi Tuulamaa taasisuurraa kan eegalu ta’uu dubbatu.

Qubee Laatinii afaanota lameeniin akka barsiifamuufis jalqaba kan eegalan hayyoota saboota Oromoofi Sidaamaa ta’uufi afaan ofiitiin barachuu raggaasisuu keessattis saboota lameen kan durse kan hinturre ta’uu ibsu.

Yeroo ammaa ummanni Sidaamaa mirgi ofiin ofbulchuusaa harkifachuusaatiin komachaa jiraachuufi qaamni dhimmi ilaalus deebii hatattamaa kennuufii akka qabu Jaal Leencoon gaafataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

One Comment to ““Hariiroon Oromoofi Sidaamaa eegalan sadarkaa biyya waliin ijaaruutti ce’uu qaba” -Obbo Qaarree Cawwichaa, Bulchaa Godina Sidaamaa”

  1. Pingback: sex tour 15

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *