Itoophiyaatti filannoon biyyaalessaa 6fa bara dhufu kan gaggeeffamu yoo ta’u, gaaffiin ‘yaa dheeratu moo hindheeratiin’ jedhu bifa faashinii fakkaatuun dhiyaachaa jira. Sababni dheerachuufi haaluma sagantaa taa’een gaggeeffamuunsaa garuu sirnaan eeramee hanga har’aatti gurra ummataan waan gahe miti.
Kunis yeroowwan hafan keessatti hojiileen ariitiin raawwatamuu qaban maal maal akka ta’an adda baasuun barbaachisaa ta’uyyuu osoo hinhojjetamiin jiraachuusaa kan mul’isuudha. Sababni quubsaan filannoon biyyaalessaa akka dheeratuuf barbaadame jiraannaan yoo dheereffames balaa kan qabu hinfakkaatu.
Paartiilee siyaasaa dabalatee qaamoleen tokko tokko filannoon akka dheeratu waan barbaadaniif yeroo hedduu irra deebi’uun wayita gaaffii dhiyeessan argamu. Isaan kunneen ammoo filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf nageenyi amansiisaa ta’e murteessaa ta’uusaa akka sababa ijootti kaasu. Kanas ta’e sana filannoo bara dhufu guutuu biyyattiitti adeemsifamaa ilaalchisee gaheen qooda fudhattootaa maal ta’uu akka qabu gabaabinaan dhiyeessuufan yaala.
Bu’uurarraa filannoon, aangoo ummataa abbummaatiin karaa itti mirkaneessaniidha. Ummatni paartii siyaasaa fedhu karaa itti gara aangootti fiduufi kan biraa ammoo na gaha jechuun karaa ifaafi qaroominaatiin ofirraa buusudha.
Qixa kanaan ummatni filannoo biyyaalessaa bara dhufuu akka adeemsifamu ni barbaada moo hinbarbaadu jedhanii gaafachuun, aangoon kan ummataati moo kan ummataa miti jedhanii gaafachudha.
Ummatni filannoon akka gaggeeffamuuf yoomillee kan fedhu waan ta’eef gaaffiin bifa kanaan ka’u kun barbaachisaa nattti fakkaatee hinmul’atu. Ummatni nageenya kan barbaadu ta’uusaas kan gaafatamu waan hintaaneef, wantoota nagaa booressan ittisuuf yoomiyyuu waardiyyaa kan dhaabatu ta’uusaa beekuun murteessaadha.
Kanaaf ammoo qaamoleen ajandaa garagaraa qaban hawaasa keessa seenuun nageenya akka hinbooressineef mootummaa waliin hojii olaantummaa seeraa kabachiisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Fakkeenyaaf, qaamoleen ergaawwan miira ummataa kakaasuun hojjechaa oolan filannoon biyyaalessaa bara 2012tti akka gaggeeffamuuf warreen ciminaan hojjetaniidha. Haa ta’u malee, paartileen siyaasaa filannoo biyyaalessaarratti dorgomanii karaa qaroomina qabuun aangoo ummataa walharkaa fuudhuu danda’u jedhanii abdachuun garuu rakkisaadha.
Yaadoleen dogoggoraa, “Ani yoon hinfilatamne, adeemsi filannichaa guutummaatti hatameera, haqaqabeessa miti” jedhan fedhiifi faayidaan ummataa balaarra akka bu’u kanneen taasisaniidha. Kunimmoo jeequmsi biyyattiitti akka qabatu kanneen godhan keessaa kan jalqabaati jechuun kan danda’amuudha.
Qaamoleen hoggayyuu gocha akkasii qindeessaniifi hojjetan kunneen ammoo bakka bu’oota ummataa osoo hintaane deggartoota paartilee siyaasaa qofa ta’uusaanii kan argisiisudha. Kunimmoo paartileen siyaasaa filannoon biyyaalessaa dheerachuu qabaafi hinqabuurratti yeroosaanii gubuurra, gaariis ta’u badaa bu’aa filannoo biyyaalessaa fudhachuurratti wal marii’achuun barbaachisaadha. Kana fiixaan baasuufis deggartootasaaniif hubannoo uumuun ykn ammoo sirna filannoo haqaqabeessa, nagaafi dimokiraatawaarratti leenjii gahaa kennuun isaanirraa kan eegamuudha.
Akkuma biyyoota Awurooppaafi Afrikaa tokko tokko paartiileen siyaasaa bu’aa filannoo adeemsifameen mo’aman isa mo’ateen, “Baga gammadde” jechuun waljajjabeessan biyyanattis amaleeffamuu qaba. Filannoon biyyaalessaa nagaan eegalamee akka xumuramuuf shoorri paartilee siyaasaa ammoo daran olaanaa waan ta’eef, irratti hojjechuuf ammumaan qophaa’uun isaanirra jira.
Filannoo biyyaalessaa bara 1997tti adeemsifame milkeessuu keessatti waldaaleen siivikii gahee guddaa osoo hinbahanne ta’ee, qophiin paartilee siyaasaa baay’ee gadaanaa ture. ADWUIn ammoo qophii waldaalee siivikii kanneenii sirriitti waan hubateef gariinsaanii akka walitti makaman godheera; muraasa ammoo akka diigaman taasiseera. Gochi akkasii garuu raawwatamuu hinqabu ture.
Fuulduarratti garuu filannoo dura, wayitii filannoofi filannoo booda shoorri waldaalee siivikii keessumaa nageenya mirkaneessuu keessatti qaban tilmaamaan kan ibsamu miti. Kunimmoo waldaaleen kunneen filannoo biyyaalessaa yeroo 6faa milkeessuuf maal gochuu akka qaban kaasuun barbaachisaadha. Adeemsi filannoo gaggeeffamuu ifa, dimokiraatawaafi haqaqabeessa, akkasumas nagaan akka xumuramuuf gaheen lammiilee hangam akka ta’e barsiisuufi hubachiisuun isaanirraa eegama. Hojiin kun ammoo egeree Itoophiyaa kan murteessu waan ta’eef, waldaaleen siivikii itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahachuuf yeroo kamirrayyuu caalaa qophii gochuu qabu.
Mootummaanis itti gaafatamummaa guddaa kan qabu waan ta’eef, gahee mootummaafi paartii gargar baasuun hojjechuu qaba. Hundarra ammoo biyya nageenyishee eegameefi karaa dimokiraatawaarra imaltu uumuuf halkaniifi guyyaa dhimmamuun murteessaadha. Keessumaa mootummaan boordii filannoo biyyaalessaa, dhaabbilee haqaa, raayyaa ittisa biyyaafi miidiyaaleen bilisaan hojii idileesaanii akka gaggeeffataniif gidduu seenuurra cimsuun kan barbaachisu ta’a.
Dimshaashumatti, humnootni ummata bakka bu’uuf tattaafachaa jiran marti aangoon kan ummataa ta’uusaa beekanii akkaataa fedhii ummataafi biyyaa eeguun kan socho’an taanaan filannoo dimokiraatawaa, haqaqabeessaafi bilisa ta’e gaggeessuun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan taanu ta’uusaa hubatamuu qaba. Yoo hintaane garuu egeree biyyattii badiif kan saaxilu ta’uunsaa waan hinoolledha.
Takkaalliny Gabayyootiin
7 Comments to “Filannoo biyyaalessaafi qooda fudhattoota”