Atileetonni keenya injifannoo olaanaa gonfatan

Finfinnee: Torban kana biyyoota adda addaatti dorgommiiwwan atileetiksii fageenya adda addaatiin adeemsifamaniin, atileetonni Itoophiyaa korniyaa lameeniinuu haala dinqisiisaa ta’een injifannoo boonsaa galmeessisaniiru.

Fiigicha maayila tokkoo kan Ameerikaa, Niwuyoorki Siitiitti dhirotaan adeemsifameetti Atileeti Yoomiif Qajeelchaa sa’aatii gaarii iddoo sanaa fooyyessuudhaan mo’ateera.
Sadarkaa dargaggootaatti fiigicha kiiloo meetira kuma sadii, kuma shaniifi kuma kudhaaniin injifannoodhaan kan beekamu Yoomiif Qajeelchaa fiigicha maayila tokko kana kan xumure daqiiqaa 3:48.46 ta’uun beekameera.

Addunyaarratti rikardiin fiigicha maayila tokkoo kanaan dura Atileetii beekamaa Morookoo, Haashim Elguraaziin qabamee ture daqiiqaa 3:48.45 yoo ta’u, Yoomiif ammoo sa’aatii kana fooyyessuuf maayikiroo sakandii 0.01 qofatu isa hafe.

Yoomiif Qajeelchaan Shaampiyoonaa Atileetiksi Addunyaa ALA bara 2018 Ingilizi, Landanitti atileetota beekamoota jidduutti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma shaniin Muktaar Idiriis meedaaliyaa warqii Itoophiyaaf akka argamsiisu ga’ee olaanaa kan taphate ta’uusaa yaadannoo dhiyooti.

Dorgommii sanarratti fiigicha meetira kuma shaniifi kuma kudhaniin shaampiyoona Olompikiifi Atileetiksii Addunyaa kan ture dhalootaan Somaalee lammummaan Ingilizi kan ta’e Mofaaraa dadhabsiisuudhaan meedaaliyaan warqii harka Itoophiyaa akka galtu godheera.
Atileeti Mofaaraan mo’amuudhaan wayita lammaffaa bahu, “Kan namo’e Yoomiif Qajeelchaati malee Muktaar Idirisi miti” jechuudhaan cimina Yoomiif ragaa baheera.

Yoomiif dorgommii maayila tokkoo kana wayita xumuru, “Rikardii Addunyaa nan fooyyesssa jedheen ture. Qilleensi iddoo sanaa garuu baay’ee qorraafi bubbisaa waan tureef na rakkiseera.Gara fuula duraatti akkan fooyyessu abdiin qaba” jedheera.

Gama biraan ammoo dorgommii walakkaa maaraatonii Raaki Raas Alikaayimaalitti adeemsifameetti atileetonni Itoophiyaa atileetota biyyoota biroo osoo of gidduu hingalchiin tokkoffaadhaa hanga afraffaa ba’uun mo’ataniiru.

Dorgommii kanatti atileeti Sambaree Tafarii sa’aatii 1:05.45n tokkoffaa, hiriyaan ishee Natsaannat Guddataa haala walfakaatuun sa’aatii 1:05.45 walqixa galuudhaan sarara dorgommiichaa kutanis teknika kaameeraatiin lammaffaa ta’uuf dirqamteetti. Zeeyinab Yimar ammoo sa’aatii 1:05.46n, Daggituu Amaaraa sa’aatii 1:06.09n sadaffaafi arfaffaa ba’aniiru.
Dorgommii dhiirota jidduutti gaggeefameen ammoo atileetonni Itoophiyaa Abbaadii Haddisiifi Fiqaaduu Haftuu dhumarratti of dagachuudhaan atileetii Keeniyaatiin durfamanii lammaffaafi sadaffaa bahaniiru.

Tashoomaa Qadiidaa

Recommended For You

3 Comments to “Atileetonni keenya injifannoo olaanaa gonfatan”

  1. Pingback: carts vape

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *