Yunivarsitiin Finfinnee dorgommii qaxxaamura biyyaan mo’ate

Finfinnee: Qopheessummaa Waldaa Ispoortii Yunivarsitiiwwan Itoophiyaatiin yeroo jalqabaaf dorgommiin qaxxaamura biyyaa Dilbata darbe Jaanmeedaatti kan adeemsifame yoo ta’u, Yunivarsiitiin Finfinnee olaantummaan xumureera.

Yunivarsiitiin Finfinnee olaantummaan kan xumure walumaagalatti qabxii 42n yemmuu ta’u, waancaafi meedaaliyaa warqii fudhateera. Yunivarsitiin Dabra Birhaan qabxii 50n, Yunivarsitiin Jimmaa ammoo qabxii 71n lammaffaafi sadaffaa ta’uun akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Fiigicha kiiloo meetira saddeetii kan dubartoota jidduutti adeemsifameetti, Achaashi Kiinaxibabiifi Kaasaayi Agummaa Yuunivarsitii Baahir Daarirraa tokkoffaafi sadaffaa yoo bahan, Addisee Caaqsuu Yunivarsitii Finfinneerraa lammaffaa baateetti.

Dorgommii dhiirotaa kiiloomeetira kudhaniitti ammoo Ashannaafii Taaddasaa Yunivarsitii Finfinneeraa tokkoffaa ba’uun meedaaliyaa warqii yoo badhaafamu, Haalafoom Tasfaayi Yunivarsitii Maqaleerraa lammaffaa, Ababaawu Yaneewu ammoo Yunivarsitii Baahir Daarirraa sadaffaa ta’uun meedaaliyaa nahaasaa argataniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Ispoortii Yunivarsitiiwwan Itoophiyaa Obbo Abbaayi Balaayinee akka jedhanitti, kaayyoon dorgommichaa atileetonni dorgommii kanarratti dhiiraaf dubaraan tokkoffaa bahan dorgommii qaxaamura biyyaa yunivarsitiiwwan addunyaa ALA bara 2019 Xaaliyaanitti adeemsifamurratti hirmaachisuuf yaadameeti.

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa yunivarsitiiwwan addunyaa kun ALA bara 2020 booddee biyya keenyatti akka gaggeefamuuf waldichi ammumaa kaasee dadammaqiinsa gochaa akka jirus ibsaniiru.

Waldaan kun shaampiyoonaa ispoortii yunivarsitiiwwan Afrikaa bara 2018 magaalaa Maqaleetti gaggeeffame ga’umsaan bahachuusaa kan ibsan Obbo Abbaayi, dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa keessummeessuuf humna ga’aa qabna jedhaniiru.

Ispoortiin Yuunivarsitiiwwan Itoophiyaa kan jalqabame hundeefama Koleejii Yuunivarsitii Finfinnee wajiin wal qabate bara 1943 ta’usaa kan tuqan Pireezidaantichi,hanga bara 1954 Yuunivarsitiin Haayila Sillaassee hundeefameetti Ispoortichi waggaa waggaadhaan adeemsifamaa ture.

Waggoota 68 kan lakobsise Ispoortiin Yuuniivarsitii kun rakoowwan adda addaa isa mudhachuudhan si’a tokko ho’inaan, yeroo biroo ammoo qaxxaamuruudhaan har’aa gaheera jedhaniiru.

Wayita ispoortiin kun jalqabu kolleejjiiwwaniifi yunivarsitiiwwan muraasa kan turan yoo ta’u, har’a garuu guutummaa biyyatiitti Yuniivarsitiiwwan 42 gaheeraa jedhanii, hirmaannaan akaakuuwwan ispoortii keessatti qabanis yeroodhaa yerootti dabalamaa dhufuusaa eeraniiru.

Ispoortiin Yunivarsitiiwwan Itoophiyaa kanaan dura koreedhaan gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa garuu waldaatti guddachuudhaan akaakuu ispoortii addaddaa keessatti ga’umsa barattoota yunivarsiitii cimsaa jiraachuun hubatameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Yunivarsitiin Finfinnee dorgommii qaxxaamura biyyaan mo’ate”

  1. Pingback: sex boy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *