Waan facaasan haammachuu: Jechama Seeneet Gizaachoorratti dhugoomaa jiru

Dhalattoota Godina Shawaa Lixaafi hojjettoota mootummaa kan ta’an Obbo Gizaachoo Waldatsaadiqiifi Aadde Saraawit Mokonnin ijoollee dubaraa sadii qabu. Sadeen keessaa tokko Seeneet Gizaachoo jedhamti.

Gaazexaan Bariisaa maxxansaa Amajjii 10 bara 2011tiin gaafdeebii bal’aa daa’ima umriishii bilchina qabaachuun ummata biyyattii uggum jechiiste, Seeneet Gizaachoo wajjin taasise dubbisiisuunsaa ni yaadatama.

Daa’imni waggaa 10fi barattuu kutaa afraffaa tun walaloo dheeraa hanga daqiiqaawwan 20 fudhatu sammuutti qabachuun sochii qaamaafi yadaloodhaan miidhagsitee dhiyeessuufi dhimmoota nageenyaa haala daran mi’aayina qabuun lallabuun beekamti.

Oggaa walaloo sammuutti qabatee gufannaa tokko malee walaleessitu ajab nama jechiisiisti. Ministeerri Nageenyaas dandeettii cimaa daa’ima kanaa hubachuun dhimma nageenyaarratti mana hojichaa wajjin akka hojjettuuf karaa Ministira Mufarihaat Kaamiil waamichi taasifameeraaf.

Gaazexaa Bariisaa iccitii daa’imni hamma qubaa geessu tun dandeettii cimaa akkanaa itti horatte baruuf waa’ee seenduubeeshii akka itti himaniif abbaashii, Obbo Gizaachoofi haadhashii Aadde Saraawwiit wajjin gaafdeebii gabaabaa taasiseera. Haala ittaanuun qindaa’ee dhiyaateera.

Abbaanshii Obbo Gizaachoon manneen barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa aanaalee Jalduufi Cobiitti argamanitti barsiisaa kan turan yoo ta’u, ammaan tana Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Sabbataa keessa hojjetaa jiru.

Abbaan Seeneet, Obbo Gizaachoon ijoolummaadhuma qabanii aartiif jalala guddaa qabu. Kanumarraa ka’uunis carraasaa argatanii ogummicha barachuu baatanis kaka’umsuma mataasaaniitiin fakkii kaasaa, boca bocaa, walaloofi barreeffamoota adda addaa barreessaa turaniiru.

Kennaan keessoosaanii jiru dhalootatti darbuu waan qabuuf daa’imman soddoma manneen barnootaa sadii keessaa walitti qabuun ijoolleesaanii itti makanii aartiifi aadaa Oromoorratti hubannoo ga’aa akka qabaatan, eenyummaa, seenaafi duudhaa ofii akka beekaniif xiyyeeffannaan kafaltii tokko malee fedhii dhuunfaatiin barsiisaa turan.

Daa’imman kunniin moggaasa Gumii Boruu jedhamuun sadarkaa aanaatii kaasee hanga naannoofi biyyaalessaatti waltajjiilee guguddoorratti hojiilee aartii adda addaa dhiyeessuun hirmaataa turaniiru.

Darbees mucaansaanii hangafti, Giiftii Gizaachoo jedhamtuufi miseensa gumichaa turte ayyaana daa’immanii addunyaa Magaalaa Naayiroobiitti kanaan dura kabajamerratti daa’amman Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa bakka buutee waltajjii Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Walta’anii, Antoniyoo Guutareez argamanirratti Ingiliffaan haasaa daqiiqaa sagalii taasisteetti.

Kanarraa kan hubatamu ijoolleesaanii dabalatee miseensonni Gumii Boruu aadaafi duudhaa ofii barachuufi hubachuurra darbee afaanota adda addaa beekuudhaanillee fakkeenyummaan kan eeramu ta’uusaati. Fakkeenyaaf, Seeneet yoo fudhanne afaan dhalootashii, Afaan Oromoo dabalatee Amaariffaafi Ingiliffa sirriitti dandeessi. Waltajjiilee adda addaarrattis afaanota kanneenitti fayyadamuun yaada bulchaataa, yaadqalbii hirmaattotaa dhormatu dhiyeessiti.

Akka Obbo Gizaachoon jedhanitti, miseensonni Gumii Boruu hedduunsaanii dandeettii aartii akka gonfatan ta’eera;baay’ee cimoodhas. Lammaffaa, barnootasaaniitiinillee kutaa keessa jiranitti dorgomaa ta’anii qabxii galmeessisiisaa jiru.

“Hojii aartiirratti bobba’uun nama qara, ija jabina nama gonfachiisee waltajjiilee guguddoo gara garaarratti bahanii yaada ofi dabarfachuufillee nama gargaara, se’ataa, dhaggeeffataafi hubataa nama taasisa. Ijoolleen carraa akkanaa argatan daran cimanii fuulduratti bahu” jedhu.

Akka ibsasaaniitti, Aanaa Jalduutti barreeffama ykn walaloo waraqaarratti barreeffatanii bahanii dubbisuun hafeera. Sammuudhumatti qabatamee bahama. Iccitiin kanaa kallattiin itti agarsiifamuu qofa. Akkuma ijoolleen Arsii, naannawa Boqojjii walirratti ilaalanii gama atileetiksiitiin galaana magarsiisa jedhamuun beekamoofi cimoo ta’an ijoolleen Jalduus gama aartiitiin walumarratti ilaalalii bahaa jiru.

Ka’umsi kanaas daa’immaniif dursanii waa kennuurraa kan madduudha. Ijoollee jaalalaan qabuufi waa dhandhamsiisuun gara fuuduraatti isaan baasa jechuudha. Ka’umsi maatii kanaas kanuma. Maatiin yeroo walii kennuu qaba. Kallattiis walitti agarsiisuu qaba.

Ijoolleen soddomni sun eddii akka gaariitti beekamanii booda nama ittifufiinsaan qabee kunuunsuufi deggaru waan dhabaniif bittinnaa’aniiru. Biyya keenyatti waanti barame jajuu qofa. Jajuufi harka namaa rukutuun nama onnachiisuuf gaariidha.

Garuu waanti jalqabame sun cimee akka ittifufuufi duubaa ammoo kan biraa akka dhufu gochuurratti deggaruun hinbaratamne. Akkuma waliigalaattuu xiyyeeffannaan aartiidhaaf kennamu daran laafaadha. Xiyyeeffannaa dhabuu kanatu duubatti nu hambise malee ijoolleen Oromoo sammuufi dandeettii addaa qaban, fageessanii yaadan, waan egeree har’uma hojjechuu danda’an danuutu jiru jedhu Obbo Gizaachoon.

Dandeettiin Seeneet leenjii qofaan kan argame otoo hintaane uumamumaa kennaa addaa wajjin kan dhalatteedha. Dhimma kanarratti Obbo Gizaachuun oggaa dubbatan, “Jalqaba umriishii waggaa afuriitti gara gumii aartii Boruutti oggaan maku waan ijoollee birootiif kenne manatti itti kenninaan dursitee qabatte. Adeemsuma keessa gara waltajjiitti fide. Waaqayyo maatiifis biyyaafis wajjummaan nuuf haa guddisuu waltajjii dhuftees kanin eegeefi hin yaadneen ol taatee argamte” jedhu.

Ittifufuunis, waa’ee mucaa kanaa ibsuun na dhiba. Gaaffii gaafatamteef oggaa deebii kennitu, walaloo dubbistu qofan ilaaluu danda’a. Waliin jireenya keessatti waanti ishiin gaafattu waan addaati. Waanin hineegneefi deebisuu hindandeenye na gaafatti. Kanaanis baay’een qoramaa jira. Kanarrattis hamman danda’u dhugaarratti hundaa’een deebisaaf. Waan hindandeenye ammoo gaafadheen sii fidan jedhaan jedhu.

“Umriin kee hoo nama hanganaatii maaliif hindandeenye” jettee akka isaan gaafattullee eeruun, ta’us hanguman danda’e deebisaafi gaaffiishiis keessummeessaa kan wajjin jiraatan ta’uu ibsu.

Seeneet daran cimtuufi gaafattuudha. Mirga daa’immanii, dubartoofillee ni falmiti, ni quuqamti. Otoo akkashiitii rakkoon tokkollee hinuumamu” jechuun waa’ee cimina mucaasaanii ragaa bahu.

Ennaa umriinshii kanaa gadii bifaanis ta’e filannaa rifeensaatiin taphataa kubbaa miilaa kilaboota ‘Juventusiifi Arsenaal, Jarviinihoo’ jedhamu waan fakkaataa turteef Jarviinihoo, Jarvii jechaanii turre jdhu.

Iccitii maqaanshii Seeneet jedhameefis oggaa ibsan hangaftishii, Giiftiin eddii hojii artiitiin sirriitti beekamtee baatee booda Seeneet turtii waggaa torbaa booda dhalatte. Gaafa Seeneet dhalattu ‘kun murteessituudha’ jenne. Waan ishiin sun jalqabde ishiin kun hindhiistu, qabattee fuulduratti baati waan ta’eef qaama murteessaa, Seeneetiidha isheen kan jedhurraa mogga’eef jedhu.

“Isheen Seeneetiidha, waan jalqabame fiixaan baasti jennee moggaafneef. (Seeneet caasaa mootummaa Ameerikaa keessatti qaama murteessaadha). Waaqayyos abdii keenya nuu guutee Seeneet taatee waan kennameef qabattee fuulduratti nuu baate” jechuun dubbatu.

Hawwiisaanii oggaa ibsanis, hawwiin mucaan kanaa guddaadha. Hawwiinshii kun akka milkaa’uufiif hawwii kooti. Tokko hojii aartii jalqabame kana sirriitti qabattee baatee akka guutummaa biyyaatti fudhatama akka argattu hawwa. Lammaffaa, barnootashiitiinis daran cimtuudha. Kana barsiisonnishiis ragaa bahuuf jedhu.

Akka tasaa ta’ee barumsi jala darbe yoo jiraate dubsiteefi tilmaamtee maal akka ta’e qorattee itti qaqqabdi. Barumsashiitiin fullaatee iddoo guddaa geessee deebitee biyyashii akka tajaajiltun hawwa. Kanaafis hamma humna keenyaa ni gargaarra. Ammaan tana jiruufi jireenyi keenya waa’eedhuma ishii ta’eera jjechuun eeru.

Waajjira Fayyaa Aanaa Jaldu, Magaalaa Goojjootti argamu keessa kan hojjetan haati Daami’a Seeneet, Aadde Saraawit Makonnin gamasaaniin,Ijoolleen keenya sammuufi dandeettii gaarii akka qabaataniif akka addaatti waan taasifameef jiraachuu baatus hojiilee adda addaatiin akka hinqabamneef gargaaraa turre, jirra” jedhu.

Ittifufuunis, “Akka cimaniif keessumaa abbaansaanii, Obbo Gizaachoon haala addaatiin utuba, duuka bu’a. Aanis gama kootiin hojii irraa hir’isuurraa eegalee nin gargaara. Waa’een aartiin ana keessas waan jiruuf akka irratti cimanin nan barbaada. Seeneet akkana cimatti jennee hin yaadne. Seeneet uumamumaan cimtuudha. Kanaafis qaxalee koo jedheen waamaan” jedhan.

Seeneet ijishii xiqqummaadhamashiitii jalqabee waan imimmaan hinqabanneef daran rakkatti. Dhibee alarjikii ijaati jedhame kana wal’aansisuuf hanga humna keenyaatti yaalii guddaa goonneerra jedhu.

Otoo ishiin marayyaa (manatsirii) keewwattee waltajjiirratti walaloo dhiyeessituu kan argite Atileet Koloneel Daraartuu Tulluu mucaa kana baasiishiitiin waldhaansisuuf hamma tokko itti deemaa turteetti. Ammayyuu ijjishii guutummaatti hinfayyine. Waa’een wal’aansashii adeemsumarra jira. Sadarkaa olaanaadhaan wal’aansisuuf ammoo humna dinagdee kan isaan daangesse ta’uus maatiin kun eeru.

Walumaagalatti, tokkoffaa akkuma “Ijoollee karaa inni itti adeemurratti qajeelchi, oggaa guddates isarraa hingoru” jedhamu san ijoolleen bu’aa maatii waan ta’aniif dandeettiifi kennaa addaa dhala dhala ofii beekanii aadaafi duudhaa ofii itti dabalanii guddisuun dhaloota abdii biyyaa ta’u horachuudha.

Gama kanaan maatiin Seeneet waan facaasan haammachaa jiru jechuun ni danda’ama. Maatiin biroos fakkeenyummaa maatii kanaa hordofuun har’a boru hojjechuurratti xiyyeeffachuun dhala biyyaafi lammiif eebba ta’u bocuurratti haa xiyyeeffatu.

Lammaffaa inni dandeettiisaa qabu mucaa bilchaattuu, xobbeefi qabeenyaafi abdii biyyaa taatee dhukkuba ijaatiin rakkachaa jirtu akka wal’aansa fooyya’aa argattu gochuun barbaachisaadha.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

5 Comments to “Waan facaasan haammachuu: Jechama Seeneet Gizaachoorratti dhugoomaa jiru”

  1. Pingback: healthy lifestyle
  2. Pingback: JZ-500
  3. Pingback: Diyalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *