Biyya keenyatti mootummaan federaalaas ta’e kan naannolee eddii hoggansi haaraan gara aangootti dhufee otuma hudhaaleen adda addaa mudatanii tarkaanfiilee ciccimoo heddu fudhatamaniin bu’aalee abdachiisoon danuun ni ta’u jedhamanii hin yaadamne gama hundaan galmaa’aniiru.
Keessumaa akka mootummaa federaalaatti waajjiraaleen mootummaa hundi karoota guyyoota 100 baafatanii irratti hojjetaa turaniiru. Raawwiinsaas tibbanuma Ministira Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmadiin qoratameera.
Gama Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiinis (BMNO) karoora qabame milkeessuuf sektaroonni naannichaa kilaastaroota hojii sadiin jechuunis misooma qonnaafi bu’uuraalee misooma baadiyyaa, sektara hawaasummaafi misooma magaalaa jedhamuun gurmaa’anii hojjetaa turan, jiru.
Raawwiin hojii ji’oota jahan darbanii gurmuulee kanneeniis hoggansa olaanaa naannichaatiin tibbana qoratameera. Kanaanis waajjiraaleen kilaastara hawaasummaa raawwii hojii gaarii qabu. Raawwiin hojii waajjiraalee kilaastara qonnaas gama omisha qonnaa guddisuutiin karooraa ol kan agarsiisu ta’ullee gama dhiheessii ekisteenshinii qonnaatiin hanqina guddaatu jira.
Omishni argamaa jirus carraa naannichi qabuun walbira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaadha. Misooma qonnaa naannichaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf dhiheessiin tajaajila makaanaayizeeshinii xixiqqaa hanga guguddaatti jiraachuu qabuuyyu.
Teknolojiwwan humna qonnaan bulaatiin hojiirra ooluu qaban baay’inaafi qulqullinaan dhiheessuu, akkasumas dhiheessii guddistuu callaa sadarkaa barbaadamuun dhihaachuu otoo qabanii hinmilkoofne. Omisha argachuu maddiitti rakkoon qulqullinaan omishanii gabaaf dhiheessuus ni jira.
Dhangaggummaan biyyoo naannichatti lafa hektaara 1.7 irratti mul’atus qonnaan bultootatti yaaddoo guddaa waan ta’eef asiidummaa biyyoo hir’isuuf tooftaalee adda addaatti fayyadamuu maddiitti furmaata waaraa argamsiisuuf qorannoon sadarkaasaa eeggate hingeggeeffamne.
Kanaaf, dinagdee naannichaas ta’ee biyyattii guddisuuf misooma qonna baadiyaarratti xiyyeeffachuun sadarkaa duraatti hojjetamuu akka qabuufi ogeessonni qonnaas ogummaa qabaniin tajaajlila irraa eegamu sadrakaa olaanaan kennuu qabu.
Sadarkaa kanatti carraa hojii babal’suuf xiyyeeffannaan kenname cimee ittifufuu qaba. Raawwii hanga kurmaana kanaatti jiruun carraan hojii dhaabbii %45 yoo ta’u, raawwiin gama bu’uuraalee misoomaatiin jirus gadi aanaadha.
Pirojektota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka ijaaramaniif mootummaan bajata qarshii biliyoona l.3 qabeef keessaa hanga yoonaatti %16 qofa kan raawwatame. Caalbaasiin pirojektotaa hanga ammaatti raawwatamuu dhadhabuunis hanqina guddaadha.
Pirojektonni bishaan dhugaatii waggoota 10 ol lakkoofsisan, Ginbichuu Fantaalleefi Faadis dabalatee pirojektonni 10 yoo xumuramanillee kan Arsii Nageelleefi Shiraaroo Shaallaa deggarsa addaa waan barbaadaniif irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.
Qabannaafi qubannaa seeraan alaa baadiyyaafi ijaarsa seeraan alaa magaalotatti babal’achaa jiru seera qabsiisuurrattis xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.
Tajaajila mootummaatiin walqabatee ummanni ammas dararamaa waan jiruuf hoggantoonniifi hojjettoonni mootummaa humna guutuufi qajeelummaafi qindoominaan hojjechuu qabu.
Walumaagalatti akkuma pirezidaantiin BMBO, Obbo Lammaa Magarsaa jedhan waajjiraaleen raawwiinsaanii gadaanaa ta’e sababoota tarreessuu keessaa bahanii ija hojiisaanii fayyadamummaa ummataatiin ilaaluun tarkaanfii hatattamaa fudhachuun ji’oottan hafan of kennanii kutattummaafi si’aayinaan hojjechuu qabu.
GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES
We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel. https://globalbusinessltd.co.uk/
Global business elite
copper cathode
aluminium wire scrap
scrap processor
scrap cpus
waste paper scrap
fridge compressor scrap
cable scrap
scrap copper wire
waste paper for sale
ceramic cpu scrap
icumsa 100
cpu scrap
wholesale sugar suppliers uk
scrap processor
scrap central processing units
occ paper scrap
occ waste paper scrap
nut prosper globe
ocopper cathode specifications
sachet water filling and sealing machine
insulated copper wire scrap
waste paper supplier
recycled copper wire
copper scrap wire
occ waste paper suppliers in uk
processor gold recovery
waste paper supplier
ccopper wire scrap millberry