Nageelleetti dorgommiiwwan fayyaafi manneen barnootaa gaggeeffaman

Nageelee: Godina Gujii, Magaalaa Nageelleetti walmorkiiwwan ispoortii akaakuuwwan adda addaa waggaa waggaadhaan adeemsifamuu eddii jalqabamee bubbuleera.

Walmorkiin kun baranas Istaadiyoomii Nageelleefi dirreewwan ispoortii adda addaatti Amajjii 16 bara 2011 irraa eegalee adeemsifamaa ture Dilbata darbe haala miidhagaadhaan xumurameera.

Walmorkichi kan gaggeeffamu kilaboota fayyaa dhaabbilee mootummaafi dhunfaa, akkasumas manneen barnoota magaalattii jidduutti.

Kilaboonni 12 kan irratti hirmaatan walmorkii kubbaa miilaatti kilabni ispoortii fayyaa Kiliinika Saahil kilaba Waldaa Afooshaa Kaampii 43fa Magaalaa Nageellee 1-0n mo’achuuni. Kilabni Waldaa Afooshaafi Raabsa Qorichaa Federaalaa damee Nageellee 2fafi 3fa ta’uun walduraa duubaan meedaaliyaa meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Kana malees taphataa, galcha eegaafi murtii kennaa kanneen ta’aniifis badhaasiwwan adda addaa kan kennaman ta’uu qindeessaan waldorgommii ispoortiifi leenjii Waajjira Ispoortii Magaalaa Nageellee, Obbo Taammiraat Abaataa dheengada aGaazexaa bariisaatti himaniiru.

Oduudhuma walfakkaatuun shaampiyoonaan manneen barnootaa magaalaa Nageellee 12 jidduutti korniyaawwan lameeniin gaggeeffamuusaafi kanaanis Manni Barumsaa Sadarkaa 1fafi Marsaa 2fa Shoolaa walumaagalatti waancaawwan jaha fudhachuudhaan shaapiyoona ta’uusaa Obbo Taammiraat eeraniiru.

Manni Barumsaa Qophaa’inaa waancaawwan sadii fudhachun lammaffaa, manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Masaraa 2fa Makaanaa Iyyasuus sadarkaa sadaffaa ta’un xumuruusaaniis beeksisaniiru.

Walmorkii kubbaa miilaa guyyaa shaampiyoonichi itti raawwatame dhiirota jidduutti adeemsifameen Manni Barumsaa Sadarkaa 1fa Marsaa 2fa Nageellee (Liiban) gitasaa Shoolaa taphaan caalee waancaa fudhachuusaa qindeessichi himaniiru.

Kaayyoon shaampiyoonichi itti adeemsifame dargaggoota magaalattii waltti fiduudhaan tokkummaan jaalalliifi obbolummaan jidduusaaniitti akka cimu gochuu maddiitti shaampiyoonaa manneen barnootaa Godina Gujiirratti taphattoota ciccimoo magaalattii bakka bu’uun hirmaatan filachuuf ta’uu ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

One Comment to “Nageelleetti dorgommiiwwan fayyaafi manneen barnootaa gaggeeffaman”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *