Bishooftuu: Komishiniin Misoomaafi Tajaajila Hawaasummaa Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yasus Itoophiyaa, wiirtuu horsiisa qurxummii ammaayaawaa Bishooftuutti argamu tibbana eebbisiiseera.
Pirezdaantiin waldichaa Luba Yoonaas Yiggazuu sirna eebbichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Waldaan Warra Wangeelaa Makaana Yasus dubbii Waaqayyoo barsiisuun cinatti kutaalee hawaasaa harka qaleessa ta’aniif loogii tokko malee tajaajila misoomaafi hawaasummaa kennaa turteetti; ammas ittuma jirti. Kanaanis keellaawwan fayyaafi manneen barnootaa ijaaruutiin, akkasumas qabeenya uumamaa kunuunsuutiin qoodashee bahachaa turteetti.
Wayita ammaas naannolee hunduma keessatti karaa caasaalee waldichaa diriiraniin haalli jiruufi jireenya lammiilee akka fooyya’uuf aadaa hojiifi qusannaa, godaansa seeraan alaa ittisuuf, dargaggootaaf carraa hojii uumuuf, akkasumas haqummaa hawaas-dinagdee mirkaneessuuf barsiisuurratti kan argamtu ta’uus eeraniiru.
Kana milkeessuuf ammoo caasaalee mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa waliin qindoominaan hojiilee bal’aa hojjechaa akka jirtus eeranii, wiirtuun horsiisa qurxummii ammayyaawaa Bishooftuu kunis qaamuma kanaati jedhu.
Komishinarri Komishinii Misoomaafi Hawaasummaa waldichaa Obbo Girmaa Boorashee ammoo akka ibsanitti, komishiniin waldichaa waggaatti bajata qarshii mil.700 ol ramaduun pirojaktota manii misooma waaraa mirkaneessuuf akka biyyaalessaatti karoorfame 255 hojjechiisaa jiraachuu himu.
Wiirtuun horsiisa qurxummiin ammaayyaawaa Bishooftuu kunis qurxummii horsiisuun alatti giddugala leenjiin addaddaa itti kennamu ta’ees kan tajaajilu ta’uusaa ibsu. Yeroo tokkottis keessumaa dargaggoota hojii ofiin uummachuuf kaka’umsa qaban hanga 600 keessummeessee leenjisuu kan danda’u ta’uus eeraniiru.
Pirojaktii wiirtuu horsiisa qurxummiifi leenjii addaddaa xumuruuf qarshii miliyoonni 7.5 baasii ta’uusaa himanii, kana keessaa dhibbantaan 29 Ejensii Misoomaa waldaalee Nezerlaandi(ICCO-Cooperation)niin kan haguugameedhaa jedhaniiru.
Barreessaa olaanaan Federeeshinii Lutariyaan Lubni Doktar Maartin Yungee gamasaaniin akka jedhanitti, biyya lafaarratti hojiin ijoo waldaalee kiristaanaa dubbii waaqayyoo barsiisuu ta’uyyuu hojiilee misoomaarratti bobba’uun mootummaafi ummata bira dhaabachuun murteessaadha.
Baroota darban keessattis keessumaa Waldaan Warra Wangeelaa Makaana Yasus dirqama qabdu bahachuuf hojiilee misoomaa hedduu hojjechuun lammiilee harka qalleessaafi galii gadaanaa qaban gargaaraa turteetti; ammas deggaruurratti argamtii jedhaniiru.
Wiirtuun horsiisa qurxummiifi leenjii garagaraa kennu kunillee akkuma biyyaatti daraggoota abdii kutataniif carraa kan kennu ta’uusaa ibsanii, haalaan akka itti fayyadaman yaadachiisaniiru. Dhaabbileen amantii hunduu jireenya hawaasummaa jijjiiruuf dirqama uumaan isaanitti kenneedha jedhanii, qindoominaan misoomaafi tajaajila hawaasummaa, akkasumas badhaadhina biyyasaaniif kutannoon hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
4 Comments to ““Misoomaafi tajaajila hawaasummarratti hirmaachuun qooda dhaabbilee amantiiti” – Doktar Maartiin Yungee”