Leenjiin kenniisa murteefi leenjisummaa kubbaa kachoo kenname

Finfinnee: Federeeshnii Kubbaa Kachoo Itoophiyaatiin yeroo yeroodhaan kennamaa kan ture leenjiin leenijstootaafi kenniisa murtee baranas guyyoota sadiif ogeesota kubbaa kachoof kennamuudhaan Roobii darbe xumurameera.

Leenjii kanarratti kan hirmaatan barsiisota ispoortii yunivarsitiiwwan addaaddaafi leenjistoota kilaboota kubbaa kachoo biyyaa keessaa ta’uusaani lnistiraaktarri Kubbaa Kachoo Biyyooleessaa Obbo Waalalliny Fiqaaduu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, kaayyoon leenjiin kun kennameef ispoortiin kubbaa kachoo dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti haalaan babal’isuuf yaadameeti.

Dhababileen barnoota olaanaa bu’uura ispoortii biyyaatti kan jedhan Obboo Waalelliny, yunivarsitotni biyyaa keenyaa oggeessota ispoortii kubbaa kachoo horachuudhaan dorgomtoota ciccimoo ta’uu qabu jedhaniiru.

Federeeshiniin kubbaa kachoofi dhaabbileen barnoota olaanaa guddinaafi babaldhina ispoortichaaf qindoominaan hojjechuun akka isaanirraa eegamus ibsaniiru.

Leenjii kanarratti leenjistoonniifi murtee kennitootni kubbaa kachoo 20 ol hirmaachusaanii kan eeran inistiraaktarichi, federeeshiniin kubbaa kachoo leenjicha itti fufiinsaan kan kennu ta’uus ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

 

Recommended For You

2 Comments to “Leenjiin kenniisa murteefi leenjisummaa kubbaa kachoo kenname”

  1. Pingback: sex gay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *