Finfinnee: Artistootniifi atileetonni Oromoo dheengadda Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti akkaataa indastirii aartii Oromoo dinagdeedhaan ijaaruun danda’amurratti mari’ataniiru.
Doktar Darajjee Garafaa Ogeessa fayyaafi xiinxalaa siyaasaa yoo ta’an, qabsoo siyaasa ummata Oromoo keessatti qooda aartiin bahachaa ture ilaalchisee waraqaa dhiyeessaniiru.
Akka isaan ibsanitti, sirnoota duriirraa kaasee hanga har’aatti artistootni Oromoo haalota mijaawaa hintaane keessatti qabsoo siyaas-dinagdee Oromoo finiinsuun jijjiiramoota har’a akka biyyatti argamaniif ka’umsa ta’aniiru. Adeemsa kana keessatis bu’aa bahii hedduu keessa kan darban yoo ta’u, gufuuwwan hedduunis mudachaa tureeraa jedhan.
Teknoloojiin fayyadamuu dhabuu, humni dinagdee ummatichaa hojiilee aartiitti akka hinfayyadamne gochuu, jiruufi jireenyi ummata Oromoo faffaca’aa ta’uufaa akka fakkeenyaatti eeraniiru. Kunimmoo indastiriin aartii Oromoo akka hinguddanneef hudhee kan qabedhaa jedhanii, hunda dursa humna dinagdee horachuun barbaachisaadha. Kanaaf ammoo artistootni gurmaa’anii sadarkaa naannoofi biyyaatti konsartii addaddaa qopheessuun murteessaa ta’uu yaadachiisan. Mootummaafi dhaabbilee misoomaa waliinis qindoominaan hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.
Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa waltajjicharratti yaada kenneen akka jedhetti, sirnoota darbanirraa kaasee hanga har’aatti qabsoo siyaas-dinagdee Oromoo cimsuu keessatti shoorri artistootaa daran olaanaa ture. Keessumaa ammoo waggoota kurna lamaan darban keessa sirna maqaa dimokiraasiitiin ummata Oromoo dararsaa ture jijjiiruuf hojii artistootni hojjetan shallaggii keessa galuu akka hindandeenye dubbateera.
Ummatni Oromoo dinagdeedhaan akka ijaaramu ykn cimu gochuu keessattis qoodni artistootaa baay’ee guddaa ture kan jedhu Weellisaa Hacaaluun, garuu har’a indastiriin aartii Oromoo deggarsa tokko malee qophaasaa dhaabatee jira. Jijjiiramootni biyyattii keessatti mul’achaa jiranis bu’aa qabsoo Oromoo ta’uyyuu kallatii hundaanuu dantaan artistoota Oromoo eegamaa waan hinjirreef mootummaarratti komii akka qabu ibsateera.
Wayita ammaa indastirii aartii Oromoo dinagdeedhaan ijaaruuf haalotni mijataa yaa jiraatan malee, waldhabdeen ABOfi ODP gidduutti mul’achaa ture hojiisaaniirratti dhiibbaa uumuusaas ibseera. Kunimmoo artistootni Oromoo sabboonaa ta’uun mirga ummatasaanii akka hinfalmineef danqaa ta’uu danda’eeraa jedhe.
Kanaaf hoggansi mootummaa ODPs ta’e ABOn garaagarummaa kaayyoofi sagantaasaanii akkuma jirutti fudhachuun fayyadamummaafi mirga ummatni Oromoo biyya kana keessatti qabu mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban ibseera. Qabeenyi indastirii aartii Oromoos ummatuma Oromoo maraa waan ta’eef, ummatichi siyaas-dinagdeedhaan cimnaan fayyadamummaan artistootaas walumaan mirkanaa’aa jedheera.
Artisti Takkaalliny Tasfaas hirmaattota waltichaa keessaa tokko yoo ta’u, taphootaafi baacoo addaddaa hawwataa ta’an ummataaf dhiyeessee bashannansiisuun kan beekamuudha. Akka inni jedhetti, wayita ammaa sadarkaa indastiriin aartii Oromoo irra jiru baay’ee gadaanaadha. Kunis har’uma kan gadi bu’e osoo hintaane dhiibbaa sirnootni mootummaa Itoophiyaa darbanii ummata Oromoorratti geessisaa turan waliin kan walqabatuudha.
Eenyummaa ummata Oromoo balleessuuf aartii ummatichaa cunqursaa kan turan yoo ta’u, keessumaa ammoo hojiileen aartii Oromoo hawaasa idil-addunyaa biratti akka hinbeekamneef ukkaamfamaa turuusaa addeesseera. Har’allee indastiriin aartii Oromoo deggarsa mootummaa gahaa ta’e osoo hinargatiin qabsoo siyaas-dinagdee finiinsaa jiraa jedhee, mootummaan tumsa gochuu akka qabu gaafateera.
Artisti Asaffaash Ayyaanoo ammoo fiilmiiwwan addaddaafi diraamaa gaggabaaboo hojjechuutiin kan beekamtu yoo ta’u, baroota darban keessa aartiin Oromoo tumsa ummatichaan cimee dhaabachuusaa dubbatti. Indastirii aartii Oromoo dinagdeedhaan ijaaruun qooda ummatni Oromoo siyaas-dinagdee Itoophiyaa haaraa keessatti qabu kan qajeelchu waan ta’eef faayidaansaa olaanaa ta’uu ibsiteetti.
Baroota darban keessa qabeenya artistootni sassaabbachuun kuufatan akka hinjirre kan dubbattu Artisti Asaffaash, ummatni Oromoo dinagdeedhaan utubamee cimnaan galiin artistootaas walumaan kan guddatu ta’uusaa eerteerti. Kanaafis boruu keenya qajeelfachuuf sagantaa warraaqsa dinagdee mootummaa naannichaan hojjetamaa jiru tumsuun murteessaadhaa jetteetti.
Mootummaa naannoo Oromiyaa bakka bu’uun waltajjicha kan gaggeessan Itti gaafatamaan damee ijaarsaafi siyaasa baadiyyaa Waajjira Giddugaleessa ODP Obbo Addisuu Araggaa kallattii indastiriin aartii Oromoo itti guddatu kaa’aniiru. Kanaanis qabsoon aartii Oromoo kaleessa hidhaa keessatti deemsifamaa ture jijjiirama har’aa fidee jiruuf mootummaan xiyyeeffannaadhaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Ummata Oromoo siyaasaan dammaqee jiru aartiidhaan sosochoosuun jijjiirama dhufe gara qabsoo dinagdee caalmaa qabutti ceesisuudhaaf waldaa artistootaafi atileetaa, akkasumas dhaabbilee misoomaa waliin ni hojjetamaa jedhaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
8 Comments to “Indastirii aartii Oromoo dinagdeedhaan ijaaruu gaafata”