Shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaatti Qiddus Giyoorgis dursa qabate

Finfinnee: Walmorkii Kubbaa Miilaa Kilaboota Liigii Piriimeerii Itoophiyaa marsaa duraa, torban 13fa Sanbataafi Dilbata darbe magaaloota naannoolee addaddaatti itti fufee yoo olu, sadarkaan kilabootaa geeddarameera.

Shaampiyoonaa kanatti torban darbe sadarkaa arfaffaarra kan ture kilabni hangaftichi Qiddus Giyoorgis torban sadiif dursaa kan ture kilaba Buna Itoophiyaarraa fudhachuudhaan dursaa jira.

Qiddus Giyoorgis dursa kan fudhate kilaba Tigraay Walwaaloo Addiigiraat 1-0n mo’achuun yoo ta’u, Bunni ammoo sadarkaasaarraa kan sigigaate Jimmaa Abbaa Jifaariin 1-0n mo’amuuni.

Walmorkiiwwan birootti Maqalee Indartaan Poolisii Kibbaa 2-1n, Shiree Indasillaasee Dadabiit 1-0n mo’ataniiru. Raayyaan Ittisaafi Hawaasaan, Walaayittaa Diichaafi Baahir Daar haala walfakkaatuun 1-1n, Magaalaan Faasiiliifi Adaamaan 0-0n adda ba’aaniiru.
Taphni marsaa duraa xumuuramuuf taphni tokko tokko qofti wayita hafutti Qiddus Giyoorgis qabxii 24n dursaa jira. Bunni Itoophiyaa qabxii 22n lammaffaa yoo ta’u, bulchiinsi magaalaa Hawaasaa ammoo qabxii 21n sadaffaadha.

Kilaboonni Maqalee Indartaa, Bunni Sidaamaafi Magaalaan Faasiil garaagarummaa galchaan walcaalanii qabxii 20n, sadarkaa arfaffaadhaa hanga ja’aaffaarratti argamu. Kilabni Oromiyaa bulchiinsi magaalaa Adaamaa qabxii 19n, Magaalaan Baahir Daar qabxii 17n, Walwaaloo Addiigiraat qabxii 16n sadarkaa torbaffaadhaa hanga sagalaffaa qabataniiru.

Akkasumas, bara darbee shaampiyoonaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan ture kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar shaampiyoonaa baranaa kanarratti ejjeennoon isaa gadi bu’uudhaan qabxii 12n sadarkaa kurnaffaarratti argama.

Kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa kilaboota Afrikaafi walmorkii Waancaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaarratti hirmaachuun lameenittuu mo’amuun gulaalaa ala ta’uun isaa kan yaadatamuudha.
Kilabni Ummatoota Kibbaa Walaayittaa Diichaafi kilabni Tigraay Sihul walqixa qabxii 11n, Dirree Dhawaafi Raayyaan Ittisaa garaagarummaa galchaan walcaalanii walqixa qabxii 10n sadarkaa 11fadhaa hanga 14farratti argamu.

Ummatoota Kibbaa bakka bu’uudhaan barana liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan makame kilabni Poolisii Kibbaa qabxii shaniin waggoota dheeraaf liigii piriimeerii keessa kan tureefi yeroo tokko shaampiyoona Itoophiyaa kan ta’e Dadabit qabxii afuriin sadarkaa dhumaarratti argamu.

Haaluma kanaan kilaboonni lameen kunneen tapha marsaa duraa kanatti ejeennoon isaanii xiqqaa waan ta’eef gara liigii biyyaaleessaatti gadi bu’uuf waan jedhan fakkaatu. Sagantaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa akka mul’isuutti walmorkiin torban 14fa boruufi iftaanis itti fufee yoo olu, boru Isataadiyoomii Jimmaatti, Jimmaa Abbaa Jifaariifi Baahir Daar, Adaamaatti Magaalaan Adaamaafi Walaayittaa Diichaa akka taphatan beekameera.

Akkasumas Magaalaa Shireetti kilaboonni Tigraay Shiree Indaasillaaseefi Walwaaloo Addigiraat, Istaadiyoomii Maqaleetti Maqalee Indartaafi Raayyaan Ittisaa, Hawaasaatti Bunni Sidaamaafi Dadabiit ni taphatu.

Iftaan ammoo Istaadiyoomii Hawaasaatti kilabni Magaalaa Hawaasaafi Dirree Dhawaa, Istaadiyoomii Finfinneetti ammoo liigicha dursaa kan jiru Qiddus Giyoorgisiifi magaalaan Faasiil walfalmu jedhamee eegama.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Recommended For You

One Comment to “Shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaatti Qiddus Giyoorgis dursa qabate”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *