Ispoortiidhaan hubannoo faalama qilleensaa cimsuu

Finfinnee: Ispoortiin jireenya dhala namaa keessatti iddoo guddaa argachaa kan dhufeefi ummata addunyaa walqunnamsisuu keesatti gahee olaanaa kan qabuudha. Akkasumas, namni fayyaasaa eeggachuuf, bashannanuuf, qaamasaa cimsachuuf, sammuusaa bilisa taasisuuf faayidaa ni qaba. Dandeettiifi ga’umsa nama dhuunfaas ta’e garee madaaluufis ni gargaara.

Ispoortiin guddina gama dinagdeetiin taasifamu keessattis gahe guddaa taphachuun invastimantii babal’isuufi hiyyummaa xiqqeessuu keessatti gahee mataasaa kan taphatuudha.

Waltajjii dorgommii nagaa ta’uudhaan seeraafi danbii mataasaatiin qajeeluun injiifannoo argachuuf qabxii ofii foyyeessuu, dandeettii ofii madaaluuf sochii taasifamu keessatti humna omishaa uumuuf ispoortiin shoora olaanaa taphata.

Ispoortiin sochii qaamaa maddiitti hojiiwwan gaarii hojjechuufis waltajjii guddaadha. Ummanni waa’eef fayyaasaafi ittisa dhibeerratti akkasumas kutaalee hawaasa addaddaaf xiyyeeffannaa akka kennuufi hubannoo akka argatuufis ni fayyada. Kanaafi yeroo baay’ee guyyaa fayyaa ummata addunyaa, guyyaa dubartootaafi daa’imman addunyaa sababeeffachuun dorgommiiwwan addaddaa adeemsifamaa turaniiru.

Kanumarraa ka’uun dhiheenya kana atileetii Itoophiyaa tokko waltajjii ispoortii qopheessuun dhiibbaa faalama qilleensaarratti hubannoo ummataa cimsuuf yaada gaarii qabatee dhihaateera.

Atileetiifi leenjisaa Muliyyee Iyyaayyu jedhama. Dhalate kan guddate naannoo Amaaraa Gondar Kaabaa, aanaa Dambiyaati. Ispoortii kan jalqabe akkuma atileetota biyyattii harka caaluutti manaa gara mana barumsaatti wayita deeddeebi’u daqiiqaa 30-40 miilaan wayita deemaa ture ta’uu dubbata.

Atileet Muliyyeen dorgommiiwwan biyya keessaafi biyyooleessaa adda addaarratti Itoophiyaa bakka bu’uun yeroo baay’ee hirmaateera. Hirmaannaa qofa osoo hinta’iin meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaas badhaafameera.

Atileetiin kun wayita ammaa addunyaa yaaddoo guddaa keessa kan galcheefi itti yaadamu kan qabu jijjiirama qilleensaafi dabala ho’iinsaa kaayyoo jedhuun dorgommii atileetiksii kiiloo meetira 15n magaalaa Finfinneetti akka adeemsifamu ibseera.

Dorgommiin kun kan adeemsifamu Guraandhala 10 bara 2011 magaalaa Finfinnee, Addabaabaayii Saamitiitti akka ta’u atileetiichi himeera.
Ispoortiifi uumamni kan addaan hinbaaneefi jireenya ilma namaaf dawaa ta’uusaaniitiin hirmaattonni dorgomichaa yaada gaarii fiduudhaan tokko ta’uun hojjechuutu isaanirraa eegama jedheera.

Dorgommii kanarratti atileetota beekamoo irraa kaasee hanga guddattoota waggaa 11 oliitti namoonni kuma 40 kilaboota, naannoolee, bulchinsa magaalootaa, waldaalee ispoortii, dhaabbilee adda addaarraa baba’aan akkasumas deggartoonni yaadichaa ni hirmaatu jedhamee akka eegamus addeesseera.

Fiigicha kiiloo meetira 15 kan daandirratti gaggeeffamu kanarratti korniyaan lameen kan hirmaatan yoo ta’u, gootittiin Olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi Pirezdaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa koloneen Daraartuu Tulluu argamuudhaan akka jalqabsiistuus ibsameera.

Dorgommicharratti atileetonni 1-20ffaa bahan meedaaliyaa dabalate akkuma sadarkaasaaniitti badhaasa kanaan dura kennamaa ture caalaa badhaasni addaa akka kennamufis atileetichi mul’iseera.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Recommended For You

18 Comments to “Ispoortiidhaan hubannoo faalama qilleensaa cimsuu”

  1. Pingback: putto33
  2. Pingback: cardetailing
  3. Pingback: lucabet
  4. análisis de vibraciones
    Aparatos de calibración: fundamental para el operación uniforme y efectivo de las dispositivos.

    En el campo de la innovación actual, donde la productividad y la seguridad del equipo son de suma importancia, los aparatos de balanceo desempeñan un rol vital. Estos aparatos adaptados están desarrollados para ajustar y fijar partes móviles, ya sea en equipamiento industrial, medios de transporte de traslado o incluso en electrodomésticos caseros.

    Para los técnicos en soporte de dispositivos y los ingenieros, trabajar con aparatos de equilibrado es fundamental para garantizar el funcionamiento uniforme y confiable de cualquier aparato móvil. Gracias a estas herramientas modernas innovadoras, es posible reducir considerablemente las oscilaciones, el zumbido y la esfuerzo sobre los rodamientos, prolongando la tiempo de servicio de piezas costosos.

    También relevante es el rol que cumplen los equipos de balanceo en la soporte al consumidor. El asistencia experto y el mantenimiento regular empleando estos dispositivos posibilitan proporcionar soluciones de gran nivel, aumentando la contento de los compradores.

    Para los responsables de empresas, la inversión en equipos de ajuste y detectores puede ser esencial para incrementar la eficiencia y productividad de sus aparatos. Esto es especialmente trascendental para los inversores que dirigen modestas y intermedias emprendimientos, donde cada elemento cuenta.

    También, los dispositivos de balanceo tienen una gran implementación en el campo de la protección y el monitoreo de calidad. Permiten encontrar potenciales errores, impidiendo mantenimientos onerosas y averías a los sistemas. Más aún, los datos recopilados de estos sistemas pueden utilizarse para optimizar métodos y mejorar la visibilidad en buscadores de búsqueda.

    Las campos de uso de los dispositivos de ajuste abarcan diversas ramas, desde la elaboración de transporte personal hasta el monitoreo de la naturaleza. No interesa si se refiere de extensas producciones manufactureras o pequeños establecimientos de uso personal, los equipos de ajuste son indispensables para garantizar un operación óptimo y libre de fallos.

  5. Pingback: clash
  6. Pingback: Las Vegas SEO

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *