Hojjetaan dandeettii qabuun ramadamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee:Hojjetaan mootummaa dandeettii, beekumsa, gahumsaafi naamusa qabuun dorgommiidhaan ramadamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Manneen hojii gurmaa’ina haaraan hundaa’an keessatti hojjetaan hundi caasaa haaraarratti gita hojii isa madaaluu irratti dorgommiin ramadamaa jiraachuu ibsa kaleessa har’a kennaniin beeksisaniiru.

Jijjiirama gama siyaasaatiin dhufeen qofa ummanni sadarkaan jiru fayyadamaa ta’uu waan hin dandeenyeef, tajaajila hawataafi si’ataa dhiyeenyaan ummata bira qaqqabsiisuuf gurmaa’insaafi caaseffama mootummaa bu’urarraa jijjiiruun dirqama ta’uusaatiin qorannoo waggaa tokkoof taasifameen manneen hojii mootummaan bifa haaraatiin akka gurmaa’an taasifameera jedhan.

Gurmaa’insi haaraa kunis jijjiirama bu’uraa manneen hojii mootummaa keessatti fiduuf kaayyeeffatamee kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, qabeenya mootummaafi ummataa qisaasama malee fayyadamuun ummanni dhiyeenyaan tajaajila si’ataafi wayitaawaa akka argatuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuus hoogganaan biirichaa ibsaniiru.

Yeroo ammaa manneen hojii bifa haaraan gurmaa’an keessatti hojjetaa sadarkaan jiru dandeettii, beekumsa, gahuumsaafi naamusa qabuun dorgommiidhaan karaa bilisaafi haqa qabeessa ta’een ramadamaa jira jedhan, Doktar Biqilaan.

Ramaddii hojjettootaa kana keessatti hojjetaan mootummaa kamuu ramaddiin ala akka hintaaneefi mana hojii isa hojjechiisuufi bu’aa buusuu danda’u keessatti kan ramadamu ta’a jedhan.

Hojjetaan kamuu ramaddii taasifamaa jiru ala ta’a jedhee yaaddoo keessa akka hingalleefi hanga ramaddiin kun xumuramutti bakkuma jirutti tasgabbiidhaan hojii idileesaa akka raawwatu Doktar Biqilaan dhaamaniiru.

Ramaddiin hojjettootaa mootummaa kun Ammajjii 30/2011 kan xumuramuufi hojjetaan ramadames sammuu haaraadhaan ummataaf tajaajila si’ataa kallattii kennuu danda’urratti leenjiin kan kennamuufi gara hojiitti kan galamu ta’uu ibsaniiru jechuun kan gabaase Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaati.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Recommended For You

3 Comments to “Hojjetaan dandeettii qabuun ramadamaa jiraachuun ibsame”

  1. Pingback: Masturbation Video

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *