Dargaggoonni Oromiyaa atileetiksiidhaan olaantummaa gonfatan

Asallaa: Shaampiyoonaan Atileetiksii Dargaggoota Itoophiyaa umrii 20 gadi waggaa waggaadhaan magaalota naannolee addaddaatti adeemsifama. Shaampiyoonichi baranas naannoo Oromiyaa Godina Arsii, Magaalaa Asallaatti yeroo 7faf adeemsifameera.

Shaampiyoonaa kanarratti naannoleen, bulchiinsonni magaalaa, kilaboonni, waldaaleen ispoortii dhuunfaadhaniifi atileetonni 360 caalan korniyaawwan lameeniinuu hirmaataniiru.
Istaadiyooma Magariisa Asallaatti guyyoota shaniif gaggeeffamaa kan ture shaampiyoonaa baranaa dargaggoonni Oromiyaa korniyaawwan lameeniinuu olaantummaadhaan xumuraniiru.

Kanaanis dubartootaan qabxii 146, dhiiraan ammoo qabxii 187n walumaagalatti qabxii 333 argachuudhaan abbaa waancaa shaampiyoonaa atileetiksii dargaggoota Itoophiyaa bara 2011 ta’uu danda’eera.

Burqaa atileetotaa kan ta’e godinni Arsii, shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa kan beektotaa, dargaggootaafi dargaggoota guddattootaa yeroo baay’ee keessumeessuudhaan kan beekamu yoo ta’u, kan baranaa kanas haala miidhagaadhaan keessummeessuu danda’eera.

Oromiyaan shaampiyoonaa kanarratti atileetota bulchiinsa magaalaafi kilaboota bebbeekamoorraa hirmaachisuudhaan dargaggoota biyyattiif abdii boru ta’an hedduu garee biyyaalessaafi kilaboota adda addaatti akka makaman kaadhimsiiseera.

Walumaagalatti, shaampiyoonaa baranaa kanatti, qabxii 196n Bunni Sidaamaa lammaffaa, shaampiyoona kilaboota Itoophiyaa ta’uun waancaafi meedaaliyaawwan duguugee fudhachun kan beekamu Raayyaan Ittisaa qabxii 169 sadarkaa sadaffaa argachuu danda’eera.

Kaayyoon shaampiyoonaan kun itti qophaa’eef shaampiyoonaan Atileetiksi Dargaggoota Afrikaa umrii 20 gadi kan barana Aljeeriyaatti adeemsifamurratti atileetota Itoophiyaa bakka bu’an filachuuf akka ta’es beekameera.

Dorgommiiwwan guyyaa maahessaa adeemsifamanitti fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dhiirota jidduutti gaggeeffameen Lammii Mul’ataa kilaba Buraayyuurraa tokkoffaa, Alamaayyoo Sintaayyoo naannoo Amaaraarraa lammaffaa, Zarfee Wandimmuu Akadamii Leenjii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaarraa sadaffaa ta’uun akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa badhaafamaniiru.

Utaalcha ol ka’insaa kan dhiirota jidduutti adeemsifametti Lammii Girmaafi Taaddasaa Taakkalaa Wiirtuu Leenjii Atileetiksii Xirunash Dibaabaarraa tokkoffaafi sadaffaa yoo bahan, Alamuu Qixxaataa ammoo Oromiyaarraa lammaffaa baheera.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Recommended For You

One Comment to “Dargaggoonni Oromiyaa atileetiksiidhaan olaantummaa gonfatan”

  1. Pingback: more helpful hints

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *