Sagantaa misoomaafi guddina dinagdee haaraa

Jijjiiramoota akka biyyaatti dhufaniin walqabatee dhaabbbilee mootummaa addaddaarratti fooyya’insi taasifamaa turuusaafi ammas taasifamaa jiraachuusaa kan beekamuudha.

Sochiiwwan daldalaafi invastimantii biyyattii fooyyessuufillee sagantaan misoomaafi guddina dinagdee haaraa diriiruusaa Ministirri Muummee mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad hoggantootaafi ogeessota dhaabbilee faayinaansii waliin wayita mari’atan ibsaniiru. Kunis damee carraa hojii uumuu keessatti kan hammatamuufi biyyattiin damee daldalaafi invastimantiitiin caalaatti dorgomaa akka taatu  kan taasisudha.

Sagantaan kunimmoo dhaabbilee mootummaa kudhan keessatti hojiirra kan oolu yoo ta’u, hojiilee hedduu ta’an kan of keessatti hammateedha. Fakkeenyaaf, seerotaafi hojmaata dameewwan daldalaafi invastimantiirratti fooyya’insa taasisuu, tajaajila si’ataa kennuufi dhiyeessa liqii maallaqaa mijeessuun warreen ijoodha.

Galmi qabame ammoo sagantaa misooma dinagdee haaraa qophaa’e kana haalaan hojiirra oolchuutiin ALI bara 2020tti sadarkaa Itoophiyaan amma irra jirturraa fooyyessuun galii lammiilee guddisuudha.

Sagantaan misooma dinagdee haaraan diriire kunis keessumaa daldaltoota haaraa hojii ijaarsaarratti bobba’aniif rakkoolee kenniinsa eeyyamaa waliin walqabatanii jiran kan furuudha. Kunis, asiin dura adeemsa eeyyama daldalaa baafachuuf akka ulaagaatti guutamuu qaban kanneen akka waliigaltee kiraa, maqaan dhaabbataafi labsiin chaappaa akka hafu ta’eera. Dhimma kana xumurachuufis yeroo dheeraa fudhachaa kan ture gara guyyoota sadiitti akka gadi bu’uu akka qabu taa’eera.

Hojmaatni dhaabbilee daldalaa naannoleefi federaalaa, akkasumas manneen hojii mootummaa waliin marsariitii odeeffannootiin walqunnamsiisuu dandeessisu diriireera. Daldaltootni marsariitii odeeffannoo fayyadamuun gibiraafi taaksii yeroo gabaabaa keessatti akka kaffalaniif haalli kan mijate yoo ta’u, tajaajilli si’ataas walumaan akka kennamuuf  akka kallattiitti qabameera.

Itoophiyaan biyyoota alaa waliin karaa galiifi baasiitiin itti walqunnamtu hojmaatawwan sagantaa haaraa diriire kanaan fooyya’insi kan taasifamu yoo ta’u, abbootii qabeenyaa damee kanarratti hirmaataniif faayidaa guddaa kan qabaatudha.

Sagantaa haaraa kana keessatti haalli itti liqiin maallaqaa daldaltoota jalqabaaf itti kennamu hojiirra kan oolanidha. Kanaanis dhaabbileen faayinaansii kan durii caalaa akka babal’ataniifi guddatan, akkasumas tajaajilli liqii wabii amansiisaatiin akka kennamuuf  ni deggaramu. Sagantaa misoomaafi guddina dinagdee haaraa diriire ilaalchisee ogeessotni damee kanaa ni dubbatu.

Yunivarsiitii Finfinneetti Doktar Axilaawu Alamuu barsiisaafi Ogeessa dingadee yoo ta’an, waggoota kurnan lamaaf guddinni dinagdee mootummaa misoomawaatiin durfamaa ture gonkumaa hafuu akka qabu dubbatu. Kunis, “Deggartoota koo qofaa misoomaafi guddina dinagdeetiin cimsuun qaba” yaada jedhu kan of keessaa qabu waan ta’eef, lammiilee hedduu fayyadaa akka hinturre ibsu. Sagantaan haaraa bahe kun garuu deggarsi mootummaa dhaabbilee dhuunfaaf taasisuu qabu kan jajjabeessu fakkaataa jedhanii, kunimmoo adeemsa sirriidha jedhu.

Baroota darban keessa hojmaatiwwan walxaxaa ta’an hedduu waan turaniif, lammiileen hojii daldalaarratti bobba’uuf fedhii guutuu hinqaban ture kan jedhan Doktar Axilaawu, kanarraa kan ka’e namootni daldalanii gibiraafi taaksii kaffaluun guddina dinagdeef bu’aa buusan hambisuu danda’uusaa himu.

Liqii maallaqaa ilaalchisees daldaltoota jalqabaa hundaaf liqiin barbaachisaa ta’uusaa eeranii, keessumaa bu’aa qabeessummaa hojii daldalaa erga haalaan sakatta’amee booda daldaltoota kanneeniif liqiin kennamuu akka qabus dubbatu.

Waldaa Ikonomistoota Itoophiyaatti Doktar Taakkalaa Alamuu ammoo Ogeessa dinagdee yoo ta’an, sagantaan misoomaafi guddina dinagdee haaraa bahe kun gaarii ta’eyyuu rakkoon ilaalchaafi dandeettii raawwachiistoota yaaddessaa ta’uusaa dubbatu. Kunimmoo sagantaa haaraa diriire galmaan gahuuf qaamolee hojicha raawwachiisaniif leenjiin hubannoo gabbisu bal’inaan kennamuu akka qabu addeessu.

Kana malees, wayita sagantichi hojiirra ooluu eegalutti buufataalee sakatta’insaa waliin walqabatee sodaa kan qaban ta’uu himu. Kunis hir’achuun buufataalee kanneenii tarii daddabarsa meeshaalee waraanaafi maallaqaa mul’achaa jiru kan hammeessu waan ta’eef xiyyeeffatamuu akka qabu gorsu. Seerotniifi dambiiwwan daldalaa asiin dura jiranis laafaa waan ta’aniif, sagantaa misoomaafi guddina dinagdee haaraa diriire kana keessattis sirnaan ilaalamuu qaba jedhu.

Dimshaashumatti, sagantaan misoomaafi guddina dinagdee haaraa diriire kun haalaan hojiirra oollaan caalaatti lammiilee biyyattii kan fayyadu waan ta’eef, dhiibbaa dhaabbilee faayinaansii biyyoota alaarraa bilisa ta’uu akka qabu ibsa ogeessota kannenirraa kan hubatamuudha. Kunis dhaabbileen kunneen fayyadamummaa isaanii giddugaleessa godhatanii waan hojjetaniif biyyoota guddinarra jiraniif miidhaa qabaachuusaas eerameera.

Takkaalliny Gabayyootii

Recommended For You

3 Comments to “Sagantaa misoomaafi guddina dinagdee haaraa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *