Rakkoo walitti hidhaminsa gabaafi dhiyeessii furuuf

Ejensiin Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa aadaa hojii gamtaa babal’isuun fayyadamummaa qonnaan bulaa qabatamaan mirkaneessuufi fedhii hawaasaa guutuun gabaa tasgabbeessuuf kan hojjetuudha.

Sochii jalqabame kana milkeessee itti quufinsa maamilootasaa dhugoomsuuf dameewwan qonnaan alatti daldalaafi aadaa qusannaa babal’isuun miirri hirkattummaa akka badus hojjetaa  jira.

Kun ta’us, bakkeewwan garagaraatti rakkoon walitti hidhaminsa gabaa fayyadamummaa omishtootaa hubaa kan jiru yoo ta’u, hudhaa kana furuuf sochii ejensichi taasisaa jiru maal akka fakkaatu Daarektara Ittaanaa Ejensii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Abdii Mohaammad waliin gaafdeebii taasisne akka armaan gadiitti dhiheessina.

Bariisaa: Hundeeffamni waldaa hojii gamtaa maal karoorfatee kan ka’eedha?

Obbo Abdii: Waldaan hojii gamtaaa bu’uura guddina waan hundumaati. Keessumaa hiyyummaa hir’isuuf, rakkoo waliinii furuuf, gabaa tasgabbeessuuf, omishaafi daldalaa walquunnamsiisuuf, teknolojii ammayyaa babal’isuun ce’umsa qonnarraa gara indastiriitti taasifamu milkeessuudha.

Bariisaa: Ejensichi erga hundaa’ee hojiiwwan fakkeenya gaarii maal maal dalageera?

Obbo Abdii: Akkuma “Harki baay’een hojii salphisa” jedhamu ejensichi hundeeffamasaarraa kaasee aadaa waliin hojii babal’isuun omishaafi omishtummaan akka guddatu taasiseera.

Yeroo ammaattis waldaalee hedduu hanga sadarkaa gandaaf gareetti gadi bu’uun ijaaruun aadaa qusannaa, aadaa teknolojii qonna ammaayyaa babal’isuufi faayidaa tokkummaan qabu qabatamaan agarsiisaa jira.

Bariisaa: Ergamni ejensichaa fayyadamummaa qonnaan bulaan omishasaarratti qabu mirkaneessuu erga ta’eetii komiin walitti hidhaminsa gabaa waliin jiru maaf furamuu dhabe?

Obbo Abdii: Bakkawwan hundatti ta’uu baatus iddoowwan garagaraatti walitti hidhaminsa gabaa mijeessuuf hojii hojjetmeen qonnaan bulaan fayyadamaa ta’aa jira.

Fakkeenyaaf qonnaan bultoota Asallaa garbuu omishan fayyadamaa taasisuuf yuuniyeniin bittaa garbuu raawwatu akka hundeeffamu ta’ee komiin kanaan dura ture furamuutti jira.

Qonnaan bultoonni omishasaanii kallattiifi gatii madaalawaan yuuniyeniif kan dabarsan yoo ta’u, yuuniyenichis Warshaa Biqila Asallaatiif dabarsuun riqicha  jijjiiramaa ta’aa jira.

Bariisaa: Omishtoota qamadiif maaltu yaadameera laata?Qonnaan bultootni omisha qamadiirratti bobba’anii jiran sanyii haadhoo gabaatti baasanii gurgurachuun alatti waldaa isaan harkaa fuudhu dhabuun gatii gadi aanaan akka gurguran taasifamaa jiran kanneen akkamiin ilaaltu?

Obbo Abdii: Dhimmi kun yaaddessaa ta’aa tureera. Haa ta’uutii omishtootni qamadiis fayyadamummaansaanii akka mirkanaa’uuf yuuniyeniitti gatii madaalawaan akka gurgurataniif haalli mijataan uumamee jira.

Fakkeenyaaf Yuuniyeniin Qonnaan Bultoota Luumee Adaamaa omishtoota qamadii naannawichatti argaman waldaan ijaaruun omishasaanii gatii madaalawaan akka gurguratan taasisuun alatti warshaa midhaan daakuufi daabboo tolchu babal’isuu danda’eera. Jiraattotni naannawa magaalaa Mojoos dhiyeessii daabboorraa tajaajilamaa jiru.

Kana malees, ijaaramuun warshaa daakuufi daabboo kun dargaggoota hojidhabeeyyii hedduuf carraa hojii kan bane yoo ta’u, waldaan hojii gamtaa kun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun alatti lafee dugdaa hawaasa bal’aa ta’ee tajaajilaa jira.

Sochiin gama kanaan jiru akka gufatuuf sababa kan ta’an daldaltoota seeraan alaa yoo ta’an, tarkaanfii gama kanaan mootummaan kallattii maraan fudhachaa jirus furmaata kennaa jira.

Bariisaa: Rakkoon daldaltoota seeraan alaan qaqqabaa jiru kun dhiyeessii qoricha aramaarrattillee komiin akka ka’u gochaa ture maaliifi?

Obbo Abdii: Komiin dhiyeessii qoricha aramaa waliin ka’u sirriidha. Qorichi kun sharafa alaan alarraa galaa kan ture yoo ta’u, akkaataa karoorfameen waliin ga’uun hindanda’amne ture.

Daldaltootni seeraan alaa ammoo qaawwa kanatti fayyadamuun humnaa ol gatii dabaluun qonnaan bulaa baasii hinmalleef saaxilaa turaniiru.

Tasgabbii dhabuun gabaa kun ammoo omishaafi omishtummaa qonnaan bulaarratti miidhaa qaqqabsiisaa tureera.

Tarkaanfii gama kanaan mootummaan fudachaa ture akkaataa karoorfameen akka hinmilkoofneef haalli mijata turuu dhabuusaarraa kan ka’e yoo ta’u, walitti hidhaminsi gabaa qoricha wajjin walqabatee ka’us karaa waldaalee akka furamuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Bariisaa: Hojii kanaan dura hojjetameen bu’aan argamaa jiru quufsaadha jettuu?

Obbo Abdii: Bu’aa quufsaa galmaa’eera; qonnaan bulaan hedduus fayyadamaa ta’eera. Ta’us ga’aadha kan nama jechisiisu miti. Sabanisaas sochiin daldaltoota seeraan alaa fayyadamummaa qonnaan bulaan omishaafi omishtummaarratti qabu qabatamaan akka hinmirkanofneefi akka harkifatu  taasisaa waan jiruuf xiyyeeffannoo kan gaafatu ta’aa jira. Isa kana gamanumaa furuuf karooraan itti deemamaa jira.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

3 Comments to “Rakkoo walitti hidhaminsa gabaafi dhiyeessii furuuf”

  1. Pingback: advertising scam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *