“Namni qalamee araarri bu’a taanaan ana qalaatii jeequmsa keessaa nu baasaa” – Obbo Hayilee Gabree

Abbootii Gadaa, Haadholiin siinqee, hayyoonni Oromoo, bakka buutoonni paartilee siyaasaa Oromoo qeerroon, folleen, aartistoonniifi bakka buutonni kutaalee hawaasa garagaraa Kibxata darbe Giddugalaa Aadaa Oromootti walga’aanii turan. Hunduu galma seenanii bakka qabatanii dhufaatii keessummoota guyyichaa eegu. Turtiin booda hogganaan ABO Jaal Daawud Ibsaafi Durataa’aan ODP Doktar Alamuu simee bakkasaaniif qophaa’ee qabatan.

Sagantaan guyyichaas dhufaatii isaanii booda akka aadaa Oromtichaatti eebbaan eegale. Sana booda kallattiin gara kaayyoo sagantichaa isa ta’e sirna araaraatti seename. Walitti qabaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Bayyanaa Sanbatoofi Abbaan Caffee Caalaa Soorii waltajjiitti ba’anii kaayyoo walitti qabamichaa ibsan.

Kaayyoon isaas bu’uura gumiichifi Waldaan Siinqee Addooyyee Oromoo waamicha araaraa taasisaniin araara buusuun nageenya Oromiyaa bakkatti deebisuufi. Abbootiin Gadaa aalangeesaanii, haadholiin siinqeemmoo siinqeesaanii qabatanii waltajjiitti ba’aanii araara buusaa jedhanii kadhatan. Qaamoleen lamaaniis kadhaasaanii fudhachuusaanii ka’aanii dhaabatanii sagalee tokkoon mirkaneessaniif.

Kanaa booda Dura taa’aan ODP Doktar Alamuu Simee haasawaa taasisaniin, Oromoon wareegama qaalii qarreefi qeerroon akkasuma ummanni taasiseen carraa biyya bulchuu argachuusaa himanii, kanas duudhaa Sirna Gadaatiin gaggeessuuf jalqabuma Ministirri Muummee ibsuusaanii ibsu. Kanaafi demokraasii hojittii hiikuun hiidhamtoonni hedduu kan hiikaman, paartileen biyya ambaatti baqatan labsiin isaaniirratti labsame irraa ka’uun kan biyyatti galan jedhu.

Bu’uura kanaan ABOn Jaal Daawudiin hogganamus marii yeroowwan addaddaatti taasifameen booda gara biyyaa dhufuusaanii eeranii, yeroosis akkuma paartiilee alaa galan kaanii ulaagaa taa’e eeganii dhufuusaanii himu. Ta’uus yeroo booda sababa hanqinoonni muraasni uumamaniifi waraanni biyya keessa hidhannoodhumaan socho’uu eegaluusaaniis ni kaasu.

Kanarra darbes yakkoonni garagaraa humna hidhatee socho’uun uumamuun ummanni keessumaa ummanni Wallagga afranii ba’ee galuufillee rakkannaan mootummaan olaantummaa seeraa akka mirkaneessu gaafachuusaa kan ibsan Doktar Alamuun, mootummaanis waamicha fudhachuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf dirqame malee waraana akka hinlabsine hubachiisan.

Oromoon abbaa biyyaa ta’ee walwaraanuun fafa ta’uu eeranii, ammas qaamni lama hidhate biyya tokko keessatti socho’uu waan hinqabneef Waraanni Bilisummaa Oromoo waamicha nagaa fudhatee meeshaasaa yoo barbaade abbootii Gadaa yookiin jaarsa biyyaatti kennuun rakkoon jiru akka furamuu gaafataniiru. Kana taanaan mootummaan waan irraa eegamu hunda ba’aachuuf abbootii gadaa fuulduratti waadaa akka seenu addeessu.

Hayyuu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaas gamasaaniin, dhaabnisaanii yoomiyyuu Oromoorratti waraana banuufi waraanatti deebi’uu akka hinbarbaanne kaasanii, waliigalteen Eertiraatti taasisan hojiitti hiikamuu kan dhabeefis mootummaan waadaasaa waan hinkabajneef ta’uu dubbatu.

Ammas hanqinoonni jiran akka furaman gaafatanii, dhimma WBOn walqabatees dabarsanii abbootii Gadaafi ummatatti kennaniiru. Kanaa booda dhimmi waraanaa isaan osoo hintaane abbootii Gadaa akka ilaallatuuf waan barbaachisu isaan waliin akka xumuran waadaa seenaniiru. Yommuu kana ta’ummoo mootummaan wabii dhaabbataa (institutional garantee) akka dhaabuuf gaafataniiru.

Hayyuun Oromoo Obbo Hayilee Gabree haasaa waltajjicharratti taasisaniin, waa’een WBO waa’ee ummataa ta’uusaatiin abbootii Gadaatiin hiikamuu mala; xiyyeeffannaa olaanaas kan barbaaduudha jedhu.

“Ani Amma Obbo Baqqalaa hinjedhu, Doktar Mararaa hinjedhu. Oromoon hundi walitti fidee qalee araara buusuu qaba. Yoo horii kan qalan ta’e binnee qalla. Namatu qalamee araarri bu’a taanaa ana qalaatii jeequmsa keessaa nu baasaa” jechuun imimmaan ofirra lolaasaa abbootii Gadaa gaafatan.

Dhumarratti yaada murtii irra gaa’ame kana hojiittii hiikuuf koreen teknikii namoota 71 jechuunis abbootii Gadaafi haadha Siinqee 54, qaamolee garagaraa keessaa namoota 10, ABOfi ODP keessaa namoonni sadii sadii qabate hundaa’eera.

Saamraawiit Girmaatiin

(Suurri Tsahaay Niguseetiin)

Recommended For You

7 Comments to ““Namni qalamee araarri bu’a taanaan ana qalaatii jeequmsa keessaa nu baasaa” – Obbo Hayilee Gabree”

  1. Pingback: DevOps consulting
  2. Pingback: bk8
  3. Pingback: hihuay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *