Nagaa buusuu keessatti shoorri amantootaa olaanaadha

Rakkoo nageenyaa Oromiyaa Lixaa keessatti mudachaa tureen jiruufi jireenyi dhala namaa sadarkaa yaaddessaa keessa kan ture yoo ta’u, haalli kun yaaddoo egeree biyyaa ta’uurra darbee gaaga’ama qabeenyaa qaqqabsiiseera.

Bakka nagaan hinjirretti jijjiiramnis ta’e guddinni kan hin yaadamne yoo ta’u, rakkoon gama kanaan mudatu akka furamuuf tumsa abbootii amantiifi manneen amantii garagaraa walirraa cituu akka hinqabneedha kan himamu.

Kabaja ayyaana cuuphaa tibbana magaalaa Finfinnee Dirree Hurufa Boombiitti (Jaanmeedaatti) gaggeeffamerratti rakkoo nageenyaa Oromiyaa Lixaatti mul’ataa ture ilaalchisuun faarfattoota Afaan Oromoo Bataskaana Maaramii Caffee Araaraa dubbisneerra.

Faarfattoonni kunneen akka jedhanitti, amantiin kamuu nagaa labsa. Nagaan furtuu rakkinaafi madda jijjiiramaa waan ta’eef rakkoon mudachaa jiru karaa manneen amantii xiyyeeffannoo keessa seenuu akka qabuudha kan dubbatu.

Faarfataa Hayilamikaa’el Taaddasaa dabalataanis ogeessa seeraa yoo ta’u, nageenyi biyyaa boorahuun dhiibbaa biroollee qaqqabsiisuu dandaha jedha. Kana furuuf ammoo hirmaannaan manneen amantii daran jajjabaachuu akka malu dubbata.

Namni akkuma fuullisaa garagaraa ilaalcha gara garaa qabaachuu akka adanda’us eeree, dhaloonni sagalee Waaqayyootiin yoo qabameen  badiin dhaqqabaa jiru yaaddessaadha jedha. Kanaafis dhaabbileen amantii tattaaffii cimaa taasisuun akka irraa eegamu dubbata.

“Waaqayyo nagaadha ilmaan nagaammoo uumaasaanii fakkaachuuf nagaaf tumsuu qabu” kan jedhu Faarfataa Hayilamikaa’el dhimma nageenya biyyaaf yeroon kennamee hojjetamuu akka qabuudha kan dubbatu. Karaa aadaas ta’e karaa amantii Oromoon nagaaf dursa akka kennu eera.

Ayyaana cuuphaa yeroo kabajnu nageenya buusuuf  dhiifamni ykn qalbii diddiirrannaan yeroo itti ta’udha jedhee, addaddummaa eenyummaan, afaaniin gargara baasnee wal hammeessuun sirrii akka hintaane eera.

Sababnisaas akka sagalee qulqulluu waaqayyootti amantoonni  gadameessa tokko keessaa akka bahaniitti ilaalamu, kun waan ta’eef ilaalchi jibbaafi waldhabdeen obboloota gidduutti uumamaa jiru amantii kamiinuu kan deeggaramu miti jedha. Amantiin kamuus ta’e sirni Gadaa nageenya labsu jedha.

“Oromoon oggaa nawaa walgaafatu, ‘Nageenyi badhaadhaa’ jechuunsaa ummatichi nageenyi bakka guddaa akka qabu agarsiisa. Ooliin nagayaa, buliin nagayaa jedha Booranni yeroo nagaa gaafatu” jechuun ibsa.

Akka ibsa faarfatichaatti warri Harargee nagayaa jedhamanii wayita gaafataman yoo Rabbi jedhe nagayaa jedhu. Oromoon yoo buna dhugu bunaafi nagaa hindhabinaa jedhee eebbisa kunis  Oromoon nageenyaaf kabaja guddaa kan qabu ta’uu waan agarsiisuuf nageenya buusuuf tumsuun dirqama.

Nageenya uumaan nuuf kenne kunuunfachuu dhabuun dadhabina keenya kan jedhu Hayilamikaa’el, amantiidhaan, sanyiidhaan, lagaan osoo wal hinqoodiin karaa aadaas karaa manneen amantiis tumsi nageenyaaf taasifamu cimuu qaba.

Amantiinis ta’e aadaan rakkoon nageenyaa akka uumamu hineeyyamu, sababnisaas hawaasa itti jiraatu sanaaf miira ofitti amanamummaa kan horan waan ta’eef qindoominni abbootii amantiifi jaarsolii biyyaa daran fooyya’uu mala.

Oromoon waaqatti amana waaqa sodaata, walkabaja waliif birmata, gochaan walitti duuluun har’a qaqqabaa jiru kun aadmalee waan ta’eef dhaabachuu qaba jedha faarfatichi.

Faarfataa Diyaaqon Nagaash Shifarraas gamasaatiin dubbii dubbateen akka jedhetti sabni lafarra jiru marti Addaamirraa kan argamedha. Dhumnisaas biyyoodha. Kun waan ta’eef ilaalcha hamaan wal ilaalaa nageenya walii booressuun dhaabachuu mala.

Tajaajiltoonni manneen amantiis rakkoon nageenyaa kun matumaa akka baduuf nageenya labsuu qabu kan jedhe Faarfataan kun keessumaa saba tokko ta’anii walitti deebihuun sirrii miti.

Akkuma Waaqayyo nageenya nubarsiise nullee nageenya waliif labsaa jijjiiramaaf kaachuu qabna kan jedhe Diyaaqon Nagaash, ilaalcha xixiqqoon walqooduun ajaja uumaa ofii cabsuu waan ta’eef of qusachuufi waliif oo’uun dirqama ta’uu eera.

Akka inni jedhutti kan darbeef dhiifama waliif gochuun miira tokkummaafi obbolummaatiin waliin jiraachuuf barsiisni manneen amantii cimuun irra jiraata.

Walumaagalatti Oromiyaan dachee Oromootarraa haftee kanneen birootiif abdii horuu dandeessu hamma taatetti ilaalcha xixiqqaan walqooduun nageenya hawaasa bal’aafi sosochii hawaas dinagdee sabichaa ugguruun karaa aadaas ta’e amantii kan hinjajjabeeffamne waan ta’eef hunduu nagaaf tumsuu qaba.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

12 Comments to “Nagaa buusuu keessatti shoorri amantootaa olaanaadha”

  1. Pingback: a fantastic read
  2. Pingback: bk8
  3. Pingback: steenslagfolie
  4. Pingback: sex video
  5. Link pyramid, tier 1, tier 2, tier 3
    Tier 1 – 500 connections with inclusion contained in articles on writing sites

    Secondary – 3000 link +Redirect connections

    Tertiary – 20000 connections mix, feedback, entries

    Using a link structure is useful for web crawlers.

    Demand:

    One reference to the platform.

    Keywords.

    True when 1 key phrase from the page subject.

    Note the extra feature!

    Important! Top links do not coincide with 2nd and 3rd-rank links

    A link structure is a instrument for boosting the circulation and backlink portfolio of a website or virtual network

  6. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *