Murtoo ABOfi yaada hayyootaa

Waldhabdee ABO Jaal Daawudiin hogganamuufi mootummaa gidduutti uumamee ture ifaajjii yeroo dheeraatiin booda Kibxata darbe xumura waan argate fakkaata. Guyyichi Oromoo hedduuf guyyaa guddaa ture.

Jaal Daawud waraanasaanii abbootii Gadaatti dabarsanii kennuuf waadaa galuunsaanii namoota hedduu biratti miira gammachuu akkuma uume sodaa uumuunsaas hinoolle. Namoonni waltajjirratti yaada kennan tokko tokkos “waraana kan ajaju ajajaa waranaa waan ta’eef murtoon kun hojiirra oolmaarratti harkifannaan isa mudachuu danda’a. Jaal Daawud kallattiidhumaan utuu ajaja dabarsanii wayya” jechuun yaada kaasaniiru.

Gaazexaan Bariisaas dhimma kanarratti, Daarektara Ittaanaa Dhaabbata Qo’annoo Imaammataa Afrikaa Bahaa Doktar Biraanuu Leenjisoo dubbiseera. Akka isaan jedhanitti murteen darbe gaarii ta’us haalli raawwii ifaa miti. Waraana ajajuu kan danda’u ajajaa waraanaa waan ta’eef raawwiinsaa abbootii Gadaatiif gufuu ta’uu danda’a. Silaa gaarii kan ta’u Jaal Daawud kallattiidhumaan osoo “har’aa kaasee waraanni dhaabateera” jedhanii labsanii ture.

Utuu kana ta’ee abbootiin Gadaafi koreen tekinikii hundaa’e kallattiidhaan haala waraanni hidhannoosaa karaa nagaatiin hiikkatee kaampii seenurratti kan hojjetuu ta’uu kaasanii, gama mootummaatiinis murteen kenname hedduun ifaa akka hintaaneefi tokko tokkorratti bu’uureffachuunsaa raawwiif rakkoo ta’uu akka malu ibsaniiru.

Abbootiin Gadaa ummata Oromoo biratti bakka olaanaa waan qabaniifi paartiidhaan ol waan ta’aniif waraanni ajaja isaanii ni dida sodaa jedhu akka hinqabne Doktar Biraanuun ibsaniiru.
Ogeessi Seeraafi Imaammataa Doktar Biraanamasqal Abbabaa gamasaaniin, murteen kenname gamtokkeen ittigaafatamummaa jala baqachuu gamtokkoon ammoo dhugaa kan qabu waan fakkaatuuf ajaji kallattiidhaan ajajaa waraanaatiin utuu kennamee nama keessatti shakkii hinuumu ture jedhu.

Abbootiin Gadaafi jaarsooliin ummata biratti bakka guddaa kan qaban ta’ullee dhimmi kun utuu bu’uura heeraatiin hiikamee caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’u eeranii, hundaafuu abbootiin Gadaa osoo yeroo hinfudhatiin hojiitti akka seenan dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

One Comment to “Murtoo ABOfi yaada hayyootaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *