Loon bishaan dhabanii miidhamaa jiraachuu horsiisee bultootni Booranaa komatan

Aadde Dansaa Gaayyoo horsiisa loonii irratti bobba’anii jiruusaanii gaggeeffachaa kan jiran yemmuu ta’an, waliigalaaan looniifi re’oota dhibba lama ol akka qaban dubbatu.

Godina Booranaa aanaa Dubluq keessa kan jiraatan dubartiin dureettiin tun, qabeenya loonii kanaan ijoolleeshee barsiifachuu bira dabartee daa’imman maatii harka qaleessaa fudhattee barsiisuudhaanis akka naannawaa sanaatti nama beekamtuudha.

Hanga ammaatti ijoollee maatii harka qalleessaa 10 ol ta’an barsiisuudhaan sadarkaa olaanaadhaan gahuushii kan himan Aadde Dansaan, manguddoota umrii jaarrummaasaaniitti nama gargaarsa barbaadan gargaaruudhaanis qooda lammummaashee bahachaa jiraachuu dubbatti.
Quuqama ishiin ummatasheetiif qabduufi deggarsa ishiin nama rakkataaf taasifturraa ka’uudhaanis maqaan “haadha hiyyeessaa” jedhamu mogga’eeraaf.

Icciitiin ofirraa hafanii ummata naannichaa akka deggaran isaan taasise kun immoo horsiisa loonii ta’uusaafi sababa bonni dheerachaa dhufuun immoo yeroo ammaa kana loon waan nyaataniifi bishaan dhabuudhaan miidhamaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo gama nyaata looniitiin jiru furuuf iddoowwan tokko tokkotti lafa margaa qophaatti dalla’uun eegalamuusaafi kun immoo waan iddoo hundatti babal’achuu qabu ta’uusaafi dhimmi bishaanii garuu ammas gaaffii horsiisee bulaa naannichaa ta’ee ittifufuu ibsu.

Kunuunsi margaa yeroo ammaa Aanaa Dirreetti taasifamaa jiru rakkoo guddoo nyaata loonii irratti horsiisee bulaa godinichaa muudataa jiru furuu keessatti fakkeenyummaa qabaachuusaa kan himan immoo horsiisee bulaa Elamaa Kashuu, ummatichi faayidaa kana hubatee gandasaatti lafa margaa tuttuqaa loonii irraa bilisa ta’e qopheeffachuu eegalus bishaan irratti abdii kutachaa jiraachuu dubbatu.

“Tarsiimoofi imaammanni hawaasa horsiisee bulaa giddugaleessa hintaasifanne Oromiyaa keessatti hojirra ooluu hindanda’u” kan jedhan immoo Bulchaan Godina Booranaa, Obbo Dhengee Boruu komiin hawaasichi qabu sirrii ta’uu himu.

Booranaaf loon qabeenya qofa osoo hintaane eenyummaafi mallattoo waan ta’eef, wantoota looniif barbaachisan hunda guutuudhaaf hamma humnisaanii danda’e kan tattaafatan ta’uusaafi iddoo humnisaanii hanqatettis dhaabbilee misoomaa tumsa gaafachuudhaan komii hawaasa horsiisee bulaa kana furuudhaaf hojjachaa jiraachuu ibsu.

Yeroo projektootni bishaanii dhugaatii looniifi jallisiif ta’an bal’inaan ijaaramaa jiraachuusaaniifi akka fakkeenyaattis bara darbe aanaa Yaa’a Bal’ootti birrii miiliyoona 36n ijaarame yeroo ammaa tajaajila kennuu eegaluusaa ibsaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

4 Comments to “Loon bishaan dhabanii miidhamaa jiraachuu horsiisee bultootni Booranaa komatan”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *