Tibbana jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantiifi bakka buutonni kutaalee hawaasaa biyyattii keessaa baba’an kuma tokkoofi 200 Finfinneetti walga’anii turan.
Yommuu gara galma walitti qabamaniitti seenamu uffataa aadaa Oromoo dabalatee hundumtuu kan aadaafi amantiisaa ibsuufiin miidhagee yommuu ilaalan ajandaa biyyaalessaa hunda hirmaachisu tokkoof walitti qabamuu isaanii tilmaamuuf nama hindanqu.
Kaayyoon walitti qabamasaaniis ajandaa ho’aa si’anaa kan ta’e waa’ee nageenyarratti mari’achuufi. Jaarsolii biyyaa, abbootii amantiifi bakka buutota ummataa kanas konfiransii bal’aa “Jaarsolii biyyaa nageenya biyyaaf” jedhu qopheessuun kan waame Ministeera Nageenyaati.
Baniinsa konfiransichaarratti argamuun haasawa kan taasisan Ministirri Nageenyaa, Aadde Mufariyaat Kaamiil akka jedhanitti, jaarsoliin biyyaa jibbi akka dhibamu, walmiidhuun akka hinjiraanneefi hunduu jaalalaan biyyattii tursiisuuf ifaajaa turaniiru. Ammas biyya rakkooleen garagaraa itti aggaamame kana fayyisuuf ga’eensaanii olaanaa waan ta’eef dhimma nageenyaarratti isaan waliin hojjechuun dhimma filannoo hinqabneedha.
Jaarsoliin abbaa ogummaa ta’uusaaniitiin duudhaalee biyyattii haala dhaloota amma jiruuf ta’uun ga’oomsuun dirqama lammummaafi jaalala biyyaa ta’uu eeranii, dhaloota walitti fiduufis riqicha ta’anii hojjechuu akka qaban hubachiisu.
Godina Booranaa, Aanaa Areeroorraa kan dhufan Abbaa Gadaa duraanii Guyyoo Gobbaa Bulee gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, nageenyi nama hundaafuu kan barbaachisuufi hojii guyyuu keessatti murteessaadha. Yoo nageenyi hinjirre namni ba’ee galuu, horiin bobbaatee deebi’uufillee ni rakkatti. Kanaaf waan namaafis ta’e lubbuqabeeyyii kaaniif barbaachisuufi murteessaa ta’e kana kunuunsuun dirqama.
Sirni Gadaa nageenyaaf bakka olaanaa kan kennuu yoo ta’u, kana keessatti immoo ga’een abbootii Gadaa murteessaa waan ta’eef abbootiin Gadaa nageenya eegsisuufi dhaloonni akka kunuunsu gochuu keessatti adda durummaan ittigaafatamasaanii ba’achuu akka qaban hubachiisu.
Jaarsolii biyyaa Gaammoo irraa kan dhufan maanguddoo Sadiqaa Saam’ee gamasaaniin, waldhabdeen xiqqaatus guddatus bakka mara jiraachuu akka danda’u kaasanii, naannawaasaaniittis rakkooleen garagaraa kan mul’atanillee hammaatee rakkoo cimaa akka hinfidneef jaarsoliin jaarsummaa aadaa yaada hawaasaa waliin walitti hidhuun hojii cimaa hojjechuusaanii dubbatu.
“Naannawa keenyatti dargaggoonni abbootiisaanii dhaga’aniifi abboomaman ni jiru. Kun immoo carraa guddaadha. Dhiheenya kanas dargaggoonni naannawa keenyaa waldhabdeef yommuu ka’an jaarsoliin dhiisaa jedhanii marga qabatanii fuuldurasaanii jilbeenfatanii yommuu kadhatan battalumatti dhiisaniiru. Kanaafis akka biyyaatti ministirri muummee nu galateeffataniiru; badhaasa nageenyaas arganneerra” jedhu.
Gocha kana dargaggoonni bakka biraas irraa barachuun jaarsolii biyyaa waliin nageenya eegsisuuf dhaabbachuu akka qaban dhaamu.
Naannoo Amaaraa, Godina Kamisee, Aanaa Jillee Dhummuugaatti bakka buutuu dubartootaa kan ta’an Aadde Faaxumaa Siraaj, nageenyi jiraachuun dhala namaatiif murteessaa ta’uusaatiin kunuunsuun dirqama jedhu. Isaanis naannawasaanitti keessumaa dubartoonni nageenya maatii eeguurraa kaasee bakka guddaa waan qabaniif kanarratti akka xiyyeeffataniif hojjechaa akka jiran ibsu.
Saamraawiit Girmaatiin
6 Comments to “Jaarsolii biyyaa nageenya biyyaatiif”