Bunni Itoophiyaa mo’amus dursaa jira

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa marsaa duraa torban 12fa Kibxataafi Roobii darbe magaalota adda addaatti kan adeemsifame yoo ta’u, Bunni Itoophiyaa mo’amus liigicha dursaa jira.

Walmorkiiwwan adeemsifamanitti kilabni Tigraayi, ‘Maqalee 70 Indirtaa’ jedhamu liigicha dursaa kan jiru Buna Itoophiyaa 1-0n, Bunni Sidaamaa Raayyaa Ittisaa 2-0n, Hawaasaan Poolisii Kibbaa 3-2n, Adaamaan Walwaaloo 1-0n yoo mo’atan, Shireefi Dirree Dawaan, Baahir Daariifi magaalaan Faasiil qabxii walfakkaatu, 0-0n adda bahaniiru.

Bunni Itoophiyaa taphawwan kudha lama adeemsifachuudhaan qabxii 22n liigicha dursaa kan jiru yoo ta’u, kilaboonni Kibbaa Hawaasaafi Bunni Siidaamaa garaagarummaa galchaan walcaaluun garuu ammoo qabxii lamaan gadi siqanii lammaffaafi sadaffaarra qubataniiru.
Magaalaan Faasiil qabxii 19n afraffaa, Qiddus Giyorgisiifi Adaamaan garaagarummaa galchaatiin walcaalanii walqixa qabxii 18n shanaffaafi jahaffaa ta’aniiru.

Maqalee 70 Indirtaan qabxii 17n, Baahir Daariifi Walwaaloo Addigraat walqixa qabxi 16n, Dirree Dawaafi Walaayitaa Dichaan qabxii 10niin, Raayyan Ittisaa sagaliin Shireen saddeetiin sadarkaa torbaffaadhaa hanga kudha sadaffaarratti argamu.

Shaampiyoonaa liigii piriimeerii Itoophiyaa bara darbeetti abbaa waancaa kan ture Jimmaa Abbaa Jifaar, qabxii jahaan, Poolisiin Kibbaa qabxii shaniin, Dadabiit qabxii afuriin sadarkaa kudha afraffaadhaa hanga kudha jahaffaarratti argamu.

Walmorkiin marsaa duraa xumuramuuf taphawwan sadii qofatu isa hafa. Jammaa Abbaa Jifaar dabalatee kilaboonni sadarkaa dhumaarratti argaman kunneen shaampiyoonaa bara 2012 ol ce’uuf carraan isaan qaban baay’ee yaaddeessaadha.

Keessumattuu taphattoota bebbeekamoofi garee biyyaalessaaf filachiisaa kan ture Dadabit, sadarkaa dhumaarratti waan argamuuf gara liigii biyyaalessaatti gadi sigigaachuuf qarqararra gaheera.

Kaleessa maqaa olaanaa kan qabu Dadabit dandamachuuf taphawwan isa hafanitti hamilee cimaadhaan taphatee mo’achuutu isarraa eeggama. Kana ta’uu baannaan carraan isaa dukkanaawaa ta’uu hinoolu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Bunni Itoophiyaa mo’amus dursaa jira”

  1. Pingback: fox888
  2. Pingback: auto body shops

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *