Finfinnee: Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indastirii erga hundeeffamee waggoota afur kan lakkoofsise yoo ta’u, umurii gabaabaa keessatti paarkiiwwan indastirii 11 ijaarsisuu danda’eera. Kanneen keessaa paarkiiwwan indastirii jaha hojii keessa seenuun misooma dinagdee biyyattii utubaa akka jiranis hubachuun danda’ameera.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaafi To’annoo Baasii Mootummaa Roobii darbe raawwii hojii ji’oota jahaa korporeeshinichaa kan gamaggame yoo ta’u, ijaarsi paarkiiwwan indastirii haaraa kanneen akka Qilinxoo, Bahaar Daar, Dabra Birhaan, Arartii, Ayishaafi Boolee Lammii lakkoofsi 2 akkaataa sagantaa qabameen deemaa akka hinjirre ilaaleera.
Kana waliinis paarkiiwwan indastirii ijaaramanii hojiitti galaniifi haaraa ijaaramaa jiran keessatti tajaajila wiirtuu tokkoo (tajaajila daldalaa, ittisa balaa tasaafi abiddaa, wal’aansaa, baankii, gumruukii, poolisiifi invastimantii) haala barbaadamuun kennamaa waan hinjirreef abbootiin qabeenyaafi hojjettootni rakkachaa akka jiranis miseensota koree dhaabbichaan gaafatameera.
Gaggeessituun hojii korporeeshinichaa Aadde Lalisee Namee gaaffilee miseensota koree dhaabbiirraa dhiyaataniif deebii kennaniiru. Akka isaan jedhanitti, korporeeshinichi ALI bara 2007tti erga hundeeffamee kaasee hojiilee hedduu hojjechuun misooma dinagdee biyyaa utubaa jira. Kanaanis waggaatti sharafa alaa hanga dolaara miliyoona kudha tokkoo argamsiisuu danda’eeraa jedhan. Hundarra ammoo lammiilee kuma 45 oliifis carraa hojii banuun rakkoolee hawaasummaa biyyattii furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuusaas ibsaniiru.
Ijaarsi paarkiiwwan indastirii haaraa garuu akkaataa sagantaa qabameen xumuramuu akka hindandeenye ibsanii, addaan ciccituu humna ibsaa, hojjettootni guyyaa yeroodhaa yerootti gadi lakkisuuniifi rakkoo nageenyaan walqabatee hordoffiifi to’annoon qixa barbaadameen deemuu dhabuunsaa akka rakkootti kaasaniiru. Wayita ammaa garuu rakkooleen kunneen furamaa waan jiraniif ijaarsa paarkiiwwan indastirii kanneenii xumursiisuuf tattaaffii guddaan taasifamaa jiraa jedhaniiru. Kanaaf ammoo qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatuufi abbootiin qabeenyaa, akkasumas hawaasni bal’aan tumsa gochuu akka qaban gaafataniiru.
Paarkiiwwan indastirii hunda keessattis tajaajilli wiirtuu tokkoo si’ataa akka hintaane amananii, yeroo gabaabaa keessatti sirreessuuf kallattiin kan kaa’ame ta’uusaa ibsaniiru.
Dameewwan korporeeshinicha keessa jiraniifi qooda fudhattoota waliin haala salphaa ta’een odeeffannoowwan addaddaa fudhachuufis ta’e daddabarsuuf sirni ammayyaawaa teknoloojiitiin deggarame hojiirra oolchuurratti qaawwi mul’achaa tureeraa jedhanii, ji’oota jahan hafan keessatti kan furamu ta’uusaa himaniiru.
Galmi guddaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii warshaalee addaddaa babal’isuutiin omishni alergii akka guddatu hundarra ammoo lammiileef carraan hojii akka uumamu gochuudha.
Kun dhugoomnaan ammoo yeroo gabaabaa keessatti biyyattiin biyyoota galii giddugaleessaa qaban cinaa hiriiruuf carraa akka argattu kan godhuudha.
Takkaalliny Gabayyootiin
9 Comments to “Ijaarsa paarkiiwwan indastirii haaraa duubatti harkifachaa jiran”