Yunivarsiitiin Bulee Horaa gara baruu barsiisuu idileesaatti deebi’e

Yunivarsiitii Bulee Horaatti hojiin baruu barsiisuu sababa rakkoo nageenyaatiin addaan citee ture Wiixata darberraa kaasee eegaluusaa pirezidaantiin yunivarsiitichaa, Doktar Caalaa Waataa ibsan.

Pirezidaantichi  ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka ibsasaaniitti, ji’a darberraa eegalee rakkoo nageenyaatiin hojiin baruu barsiisuu yeroof addaan citee kan ture yoo ta’u, rakkoolee barattoota gidduutti uumaman furuuf waltajjiin marii bal’inaan gaggeeffameera. Kanaanis walta’insa Abbootii Gadaafi amantii, hawaasa yunivarsiitichaafi barattoota waliin mariin nageenyaa adeemsifamuutiin waliigalteerra gahuun danda’ameera.

Kanaanis Amajjii 2 bara 2011 irraa eegalee barattootni barnootasaanii addaan kutanii gara qe’eesaaniitti deebi’anii turan akka galmaa’aniif yunivrasiitichi haaldureewwan mijeessaa turuusaas ibsaniiru. Irraa caalaan barattootaas ykn dhibbantaan 75 barattoota naannoo Amaaraarraa dhufan dabalatee gara barnoota idileesaaniitti deebi’uusaanii himaniiru.

Muraasni garuu odeeffannoowwan dogoggoraa ykn sobaa karaa miidiyaalee hawaasaa darbaa jiraniin mokfamanii otoo hindeebi’iin jiruu jedhanii, hanga torbee ittaanuutti hatattamaan gara gabatee barnootaatti dacha’uu akka qaban dhaamaniiru.

Barattoota naannoo Amaaraarraa ramadamuun yunivarsiitichatti barachaa turan garuu ammoo sababa rakkoo nageenyaatiin Yunivarsiitii Bahaar Daariifi magaalashee keessa qubatanii iyyachaa turanis hatattamaan deebi’uu akka qaban kallattiilee adda addaatiin waamicha taasisaa turreerra kan jedhan Doktar Caalaan, wayita ammaa nageenyi Yunivarsiitii Bulee Horaafi magaalaa Bulee Horaa amansiisaa ta’uu dubbataniiru.

Kanaafis barattootni naannolee biyyattii hundarraa dhufan marti Yunivarsiitiin Bulee Horaatti sodaafi yaaddoo tokko malee barachuuf mirga guutuu kan qaban waan ta’eef, hanga har’aatti sababoota garagaraatiin gara qe’eefi maatiisaaniitti kanneen deebi’an dacha’uun akka barnoota ittifufan gaafataniiru.

Haaluma walqabateen barattootni Naannoo Amaaraa Yunivarsitii Bulee Horaatti barataa turaniifi yeroof Magaalaa Bahaar keessa qubatanii turan kallattiifi furmaataa mootummaan kenne magaalittii gadi dhiisanii akka bahan akeekkachiisa bulchiinsa magaalattiirraa kenname hordofuun magaalittii gadi dhiisanii bahuusaanii ittigaafatamaa Ittaanaan Biiroo Eegumsa Nageenyaafi Tikaa Naannoo Amaaraa, Obbo Gadabee Hayiluu ibsuusaanii kan gabaase BOIdha.

Takkaalliny Gabayyootiin

 

Recommended For You

2 Comments to “Yunivarsiitiin Bulee Horaa gara baruu barsiisuu idileesaatti deebi’e”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *