“Qaroomni waa qora, morkiin waa balleessa” -Abbaa Gadaa Ibreen Jiloo

Waggaa lama dura qabsoo haadhawaa ummanni biyyattii keessumaa Qeerroon taasiseen jijjiiramni dhufuun ni yaadatama. Jijjiirama kanaanis ummanni guutuu biyyaa gammadee gammachuusaa waltajjiiwwan garagaraarratti ibsataa ture.

Jijjiramni haaromsaa qabsoo ummataatiin dhufes yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramoota hedduu galmeessisuun sadarkaa addunyaarrattillee beekamtii argateera. Hidhamtoonni siyaasaa hedduun gadi lakkiifamuun, baqattoonni siyaasaan biyyaa ba’an biyyattii deebi’uun, miidiyaaleen ugguraman banamuun, paartiileen siyaasaa shoroorkeessummaan moggaafaman irraa ka’uun gara biyyaattii seenuun, hattoonni qabeenya biyyaa saamaa turan waan itti bu’amu hinfakkaanne seera jala ooluun tarkaanfiiwwan muraasa mootummaan haaromsaa fudhatee ittiin jajameedha.

Haa ta’uutii gammachuun injifannoo ummanni dhandhamatu kun ji’oota muraasa darbuu hindandeenye. Keessumaa Oromiyaatti yaalii biyya diiguu hattoonni biyya saamaa turan taasisan cinaatti waldhabdeen paartiilee Oromoo lama gidduutti uumame ammas ummata aarsaa hinmalle kanfalchiisaa jira. ODPfi ABOn waliigaltee Eertiraatti irra ga’an hojiitti hiikuu dhabuutiin qeerroon Oromoo har’as jijjiirama argame akka hindhandhamanne ta’aa jira.

Gocha kana daa’imni, shamarri, dardarri, maanguddoon, jaarsi, dubartoonni, abbootiin Gadaafi haati siinqeellee balaaleeffataa jiru. Torban darbe abbootiin Gadaa Gujii torban nagaa labsanii waraannii akka dhaabatuuf gaafataniiru. Haati siinqees paartiileen lamaan waldhaga’uu akka qabaniifi waraana akka dhaaban karaa gumiisaanii gaafataniiru.

Ammas jaarsoliin biyyaafi abbootiin Gadaa Oromiyaa keessa jiran waamichuma walfakkaatu dhiheessu. Godina Booranaa, Aanaa Gomoleetti Abbaa Gadaa Oromoo Gabraa kan ta’an Ibreen Jiloo ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, paartiileen lamaan waldhaggeeffachuun waliigalteesaanii hojiitti hiikuu qabu. Waliigalteesaaniirrattis iftooma uumuun irraa eegama.

“Anii akka abbaa Gadaatti ummanni keenya rakkachuu hinfedhu. Wantichis daran nama gaddisiisa. Yemmuu ABOn alaa gale wantota irratti waliigalame keessa hinbeeknu. Garuu erga galee waldhaban jechuun safuudha. Wanti kun Oromoofis Itoophiyaafis hintolu. Kanaaf dhimma kana mariidhaan hiiku malee morkii hinbarbaachisu”.

“Qaroomni waa qora, morkimmoo waa balleessa waan ta’eef taa’anii ilaafi ilaameedhaan rakkoosaanii hiikachuu malee waraanni hinbarbaachisu. Yoo isaan waldadhaban jaarsoliifi beekaa Oromoo waamanii rakkoosaanii yaadaan sirreessuu qabu malee rasaasaan sirreessuu hinqaban” jedhu.

Godinasaaniitti ammaaf rakkoon jiraachuu baatus dursanii qeerroofi qaamota siyaasaa paartiilee lamaanii waliin marii taasisaa jiraachuu kaasanii, yoo rakkoon jiraates abbootii Gadaa wajjin taa’anii mari’achuu malee karaa cufuufi dinagdee ummataa ugguruu akka hinbarbaachisne irratti waliigaluusaanii dubbatu.

Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleetti jaarsa biyyaa kan ta’aan Sheeh Bakiir Mohaammad gamasaaniin akka jedhanitti, waldhabdeen eenyuufuu waan hinfayyadneef rakkoo jiru mariidhaan hiikuu wayya. Waldhaggeeffachuun ibsama ammayyummaafi nama beekaa ta’uusaatiin walmorkiin hafee waldhaggeeffachuun rakkoon jiru hiikamuu qaba.

Kana keessattis jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantii sochii abbootiin Gadaa eegalan cinaa hiriiruu akka qaban kaasanii, paartiileen lamaanis ummatasaaniif dursa kennuun yeroo gabaabaa keessatti rakkoosaaniitti xumura gochuu akka qaban gaafatu.

Saamraawiit Girmaatiin

 

Recommended For You

4 Comments to ““Qaroomni waa qora, morkiin waa balleessa” -Abbaa Gadaa Ibreen Jiloo”

  1. Pingback: dee88
  2. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *