Jijjiiramoonni mul’atan Artisti Umar Suleeymaaniin oggaa ibsaman

Waggoota hedduuf ogummaafi humna artii fayyadamee siyaasa ummata Oromoo dammaqsuuf hojjechaa kan tureefi jiru, Artisti Umar Suleeymaan tibbana gara biyyasaatti deebi’eera. Artistichi Gaazexaa Bariisaa wajjin gaafdeebii bal’aa kan taasise yoo ta’u, ibsa inni jijjiiramoota akka biyyaatti argaman ilaalchisee kenne keessaa muraasni kunooti.

  • Jijjiiramootni Itoophiyaa keessatti mul’atan kan lammiilee Afrikaafi hawaasa adunyaa raajeffachiiseedha. Anis gama kootiin guutummaatti deggaruufan dhufe.
  • Gadaan ammaa kan lolaa osoo hintaane kan jaalalaafi nagayaati. Kanaaf hunduu bakkumaafi akkuma jirutti waldhagahuun walta’uu qabna.
  • Kanaan booda ummata keenya dararamaa tureef nagaa hawwina.
  • Sammuufi humna kaleessaatiin labata har’aa gaggeessuun gonkumaa kan hindanda’amne waan ta’eef humna haaraaf bakka kennaa deemuun bilchina; ummata qabsaa’eefis ulfina kennuudha.
  • Sabootni, sablammootniifi ummatootni caalaatti tokkummaasaanii cimsatanii biyyattii gara misoomaafi badhaadhinaatti ceesisuu qabu.
  • Dhalootni haaraanis seenaa badaa darberraa barachuu qaba malee waldhaadhessuufi walwaraanuuhin qabu.
  • Baroota darbanitti mirgi saba keenyaa dhiitamaa waan tureef falmine; mormines. Amma garuu haalli siyaasaa fooyya’aa waan jiruuf waltaanee misooma biyyaatiif hojjechuu qabna.
  • Humni qawwee amma hindalagu; kanarra waliin haasa’uutu bu’aa barbaadamu saffisiisa.
  • Qabsoon ummata Oromoo waggoota shanan darbanii kan waggoota dheeraa dhodhooseera. Kana tikfachuu baannaan irbaata bineensaa taana.
  • Tokkummaa keenya jabeessinee qabannaan, nagaafi bilisummaan keenya harkuma keenya keessa jira.
  • Qeerroofi Qarreen, Abbootiin Gadaa, hoggansi jijjiiramaa, jaarmiyaalee siyaasaafi ummatni Oromoo marti warreen injifataniifi bu’aa injifannoo of harkaa qaban waan ta’eef caalaatti walta’uu qabu; gargar faffaca’uun garuu salphina.
  • Ummatni waan bilisummaa argateef ammaan booda paartiilee siyaasaarraa bilisummaa hinfedhu. Kanaaf hoggantootni siyaasaa walta’anii ummatatti dhiyaachuu qabu.
  • Qabsoo siyaasa Oromoo finiinsuu keessatti artiin gahee guddoo bahatteetti. Paartiilee siyaasaa walitti fiduurratti artistootarraa hojii guddaatu eegama.

 

 

Recommended For You

2 Comments to “Jijjiiramoonni mul’atan Artisti Umar Suleeymaaniin oggaa ibsaman”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *