Barnoonni madda beekumsaa, qaroominaa, bantuu ijaafi haqxuu dukkaanaati. Guddina dinagdee, hawaasummaafi siyaasa biyyaa keessattis qoodni qabu olaanaadha. Biyyoonni dinagdeen fagaatan dudduuba iccitiin jiru yeroo qoratamu barnoota ta’uunsaa kan haalamu miti.
Fakkeenyaaf jaarraa tokko dura guddinaan Itoophiyaan qixa kan turan biyyoota Isiyaa tokko tokko wayita ilaallu barnoota qulqullina qabu lammiileesaaniin gahuurraa kan maddeedha. Biyyoonni kunneen lammiileesaanii gara biyyoota gameeyyiitti erguun barnootaan gahoomsaa turaniiru. Kun ammoo guddinasaanii har’aa keessatti shoora olaanaa taphateera. Guddinni dinagdee biyyoota kanneenii har’a sadarkaa olaanaarratti argama jechuudha.
Mootummaan Itoophiyaas barnootaaf xiyyeeffannaa guddaa waan kenneef barnoonni sadarkaa tokkoffaa, hanga dhaabbilee olaanaatti leenjii gahaa ta’een ijaaruun humna nama baratee horachaa jira. Rakkoo qulqullina wajjin walqabatee ka’u maqsuufis paakeejiilee barnootaa bocaman hojiitti hiikuuf miira kutannoon hojjetaa jira.
Lakkoofsi yunivarstiiwwanii waggoota 20 dura lama ykn sadii hincaalle wayita ammaa gara 40 kan ga’e yoo ta’u, gara fuula duraattis ni dabalu jedhamee tilmaamama. Yunivarsiitiiwwan kanneen keessatti barumsi akaakuuwwan adda addaa kennamaa turus kanneen amantii muraasa.
Lammiileen keenya barumsa kanaaf biyyoota Arabaa keessumaa kan Islaamjummaatiif Sudaan, Misira, Morookoo, Sooriyaa, Iraaniifi Iraaqitti godaanuudhaan Quraana qara’uun biyyatti deebi’uun barumsa amantii barsiisaa turaniiru.
Haata’u malee barumsi amantii Musliimaa kun sadarkaa barumsa olaanaatti waggoota 20 dura akka hinkennamne dhorkamaa turus kutaa tokkoffaadhaa hanga saddeettaffaatti Finfinneetti kennamaa akka ture kan yaadatamuudha.
Dhaabbanni barumsaa kun sadarkaa kollejjiitti akka ol guddatu namoonni tokko tokkoo qabsoo olaanaa taasisanis heyyama dhabuudhaan kaan hidhamuurra darbanii kan wareegaman yoo ta’u, kanneen hafanimmoo biyyaa baafamaniiru.
Qabsoo waggoota dheeraa kan fudhate dhaabbanni barumsa amantii Musliimaa kun waggoota 17f Arsii, magaalaa Goondeetti sadarkaa dippiloomaatiin barsiisaa turuudhaan hanga marsaa saddeetiitti eebbisiiseera.
Haata’u malee sadarkaa yuniivarsiitiitti seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif Adaamaatti banamuudhaan tajaajila jalqabuusaa yunivarsiiticha kan hundeessan Sheh Hajii Ibraahim Tufaa dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, yunivarsiitii kolleejichi lafa kaaree meetira kuma 30 irrakan qubate yoo ta’u, hanga ammaatti kutaalee barumsaa 16, manneen kitaabaa, dormiiwwan dhiiraafi dubaraa ijaaramuudhaan tajaajila kennaa jiru.
Rakkina maallaqaatiin osoo hinxumuramiin kanneen hafan kutaaleen barnootaa 15 ammoo yeroo gabaabaa keessatti xumuramun tajaajila akka kennan kan ibsan Sheh Hajiin, gara fuula duraatti kan ammaa kana dabalatee lafa hektaara 40 irratti yunivarsiitii koleejicha babal’isuuf karoorri akka jirus himaniiru.
Yunivarsiitii kolleejicha kana giddugaleessa qorannoofi saayinsii taasisuuf qarshii miiliyoona 50 kan gaafatu akka ta’es himanii, kana hojiitti hiikuufis qaamoleen adda addaa deeggarsa barbaachisu akka godhaniif gaafatamaniiru.
Ibsa isaanirraa akka hubannetti yunivarsitiin kun warreen amantii Musliimaa qofa osoo hinta’iin lammiilee keenya kanneen amantii biroo hordofaniifi fedhii barumsaa qaban hundaa damee saayinsiifi teknolojii simachuun akka baratan kan taasisu ta’uu dubbataniiru.
Barumsi kennamu kun waa’ee quraanaa qofa osoo hinta’iin barnoota saayinsaawaa adda addaas kennuuf qophaa’aa jiraachuu himaniiru.
Dhaloota of beeku horachuun misoomaafi dinagdee biyyaa guddisuun hunda keenyarraa kan eegamuudha kan jedhan Sheh Hajiin, lammiileen ijoolleesaanii gara dhaabbata kanaatti erguun carraa kanatti fayyadamuu akka qaban gorsu.
Waggaa lamaan har’aa yunivarsitiiwwan amantii Afrikaa 44 walga’ii wayita gaggeeffatan argamuudhaan inistiitiyuutiin gara yunivarsitii kolleejiitti guddate kun maqaa Itoophiyaatiin miseensa yunivarsitoota amantii Afrikaa ta’uus addeessaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
6 Comments to “Itoophiyaatti Yunivarsitii Kolleejjii Islaamummaa isa jalqabaa”