Guddina ispoortiif hirmaannaa hawaasaa cimsuu gaafata

Ispoortiin ammayyaa biyya keenya kan seene yoomiifi eenyuun akka ta’e beekamuu baatus walakkaa jaarraa tokkoo ol lakkoofsiseera. Yeroo duraatiif kan jalqabames manneen barnootaafi dhaabbilee raayyaa ttisaa addaddaa keessatti ta’uu seenaan ni addeessa.

Ispoortiiwwan ammayyaa kanneen akka kubbaa miilaa, saaphanaa, harkaafi kachoo, akkasumas teenisa miinjalaa, Bunyaa, akkasumas atileetiksiifi kkfn dhawaata dhawaata qalbii ummataa hawachaa akka dhufan ragaaleen ni ibsu.

Ammaan tana mootummaanis damee kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa itti kennuudhaan komishiniin ispoortii qofaatti of danda’uun akka caaseffamu ta’eera. Magaalotaafi naannoleettis haaluma walfakkaatuun hundaa’anii hojichasaanii gaggeessaa jiru.

Sadarkaa biyyaatii kaasee hanga gandootaatti manneen marii ispoortii dhaabataniyyuu qaamni dhimmichi ilaallatu yeroo yeroodhaan hordoffii gochuu dhabuusaarraa kan ka’e ispoortiiwwan ammayyaa kanneen ummata biratti haalaan beekamtii argatan babal’achaa deemuurra quucaraa jiru. Kunimmoo hordoffii dhabuurraa kan ka’e iddoowwan oolmaa ispoortii bal’inaan waan hin ijaaramneef. Rakkoo kana hundeerraa akka furamuuf waldaaleen ispoortii yeroo baay’ee iyyaa turanis furmaata hin arganne.

Guddina ispoortiif dirreewwan ispoortii baldhinaan horachuun murteessaadha. Kanaaf ammoo ispoortii ummateessuun daraan barbaachisaa yoo ta’u, yoo hintaane akkuma kanaan duraa ispoortiin biyyaa keenyaa dagaaguurra quucaraa deemuunsaa waan hin oolledha.

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa edda jalqabamee waggoota 62 lakkoobsiseera. Itoophiyaan biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana hundeessan sadan keessaa takka ta’uushee seenaan himus tapha kubbaa miilaa Afrikaarraa edda fagaaetee ooltee bulteetti.

Wayita isheen waancaa kanarratti hirmaattu biyyoonni bay’een sirna kolonii jala waan turaniif, halaalumatti hordofaa turan. Har’a garuu faallaa kanaan ispoortiin kubbaa miilaa keenya dadhabaa dhufuudhaan hirmaannaan biyyattii waan hinjirreef nus dabareedhaan teenye biyyoota kaleessa nu jajaa turan jajaa jirra.

Dur akaakuuwwan ispoortii kanneen akka kubbaa saaphanaa, kubbaa kachoofi kubbaa harkaan shaampiyoonaawwan Afrikaarratti hirmaachaa turre. Teenisa miinjalaafi bunyaadhaan ammoo sadarkaa biyyooleessaatti hirmaannaan keenya olaanaa ture. Har’a garuu sun hundi hafee hirmaannaan keenya sababa gurmaa’ina ispoortiitiin biyya keessatti murtaa’eera.

Federeeshinoonni ispoortii oggeesota gahumsa qabaniin osoo hinta’iin kanneen siyaasa bakka bu’uun filatamaniin kan gaggeeffamu waan ta’eefi.
Ispoortiin kan ummataati; ispoortessitootniifi dargaggoonni ispoortiirratti hirmaatanis kanuma ummataati. Kunimmoo gaheen hawaasni guddina ispoortiif qabu olaanaa ta’uusaa kan agarsiisudha.

Oggansi gaariin dhibamuurraa kan ka’e ammaan tana dirreen ispoortii yeroodhaa yerootti bora’aa kan jiran yoo ta’u, jaallattotni ispoortii iddoowwan oolmaa ispoortiirraa fagaachaa jiru. Bakka daawataan ispoortii hinjirretti ammoo dirreen ispoortii miidhaguu hin danda’u.

Kanaaf ispoortii biyyaa keenyaa guddisuuf mootummaan warreen siyaasan ramadamuudhaan beekumsaa malee dameen ispoortii akka hinguddanneef gufuu ta’aa jiran ogeessotaafi hayyoota ga’umsa qabaniin bakka buusuun murteessaadha. Hirmaannaa hawaasaas waliin cimsuun barbaachisaadha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Guddina ispoortiif hirmaannaa hawaasaa cimsuu gaafata”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *