Fooramii magaalotaa: Waltajjii magaaloonni muuxannoo itti waljijjiiran

Fooramiin magaalota Itoophiyaa bara 2002 kabajamuu kan eegale yoo ta’u, kaayyoon isaa magaalonni qulqullinaan sadarkaa keessa jiran waliif moodela ta’uun muuxannoo waljijjiiruun guddina si’ataafi walfakkaatu akka galmeessaniif kan akeekedha. Baranas marsaa saddeettaffaaf naannoo Somaalee, magaalaa Jigjigaatti adeemsisuuf qophiin taasifamaa jira.

Marii paanaalii tibbana qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin Adaamaatti gaggeeffamaa turerratti fooramichi milkaa’ina akka qabaatuuf mootummaan naannichaa qarshii miliyoona 63 baasii gochuu Ministir Deetaan Ministeera Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii Itoophiyaa himaniiru.

Ministir Deetaan ministeerichaa Obbo Taazar Gabra’igzaabeer akka jedhanitti, kaayyoon fooramii kanaa magaalonni walirraa akka baratan, omishtoonnifi daldaltoonni naannoolee walbaranii walitti hidhamiinsa gabaa akka uummattan, muuxannoo kalaqa addaa akka waliif qoodaniifi beekmatiin akka kennamuuf kan akeekedha.

Fooramii magaalota Itoophiyaa kanaan dura marsaa torbaaf gaggeeffamerraa kalaqxoonni muuxannoo waljijjiiran dandeettiinsaanii akka cimu ta’uu eeranii, namoonni dandeettii kalaqaa qaban biroollee cimanii akka hojjetaniifi akka itti badhaafamaniif kan kaayyeeffate ta’uu dubbatu.

Qophaa’uun fooramii kanaa hariiroo sabaafi sablammoonni waliif qaban akka cimu gochuurraa darbe dinagdeen akka walhidhaniif kan gargaaru waan ta’eef sagantichi si’eessuuf bajanni qabamee hojiitti seenamuusaa ibsu.

Akka Obbo Taazar jedhanitti, fooramii magaalotaa Guraandhala 7-13tti magaalaa Jigjigaatti kabajamu kanaaf qarshiin miliyoona 63 baasii ta’eera. Kunis magaalicha qulqulleessuu, wiirtuu agarsiisoonni garagaraa itti dhiyaatan ijaaruu, wiirtuu keessummoonni itti simataman mijataa taasisuu, dhiyeessiileen garagaraa akka itti qopha’aaniif kan karoorfamedha.

Magaalonni biyya keessaa hedduu fooramicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, biyyoonni Afrikaa ollaa Itoophiyaa kanneen akka magaalaa Hargeessaa, Moqaadishoo, Juubaafi Asmaraan kan irratti hirmaatan ta’uu eeru.

Biyyoonni kunneen ollaa Itoophiyaa ta’uun alattis misooma magaalaatiin daran kan fooyyee qaban ta’uu Obbo Taazar himanii, icciitiin jijjiiramasaanii magaalota Itoophiyaaf galtee ta’uun akka tajaajilus ni himu.

Affeeramuun biyyoota ollaa kun misooma magaariisaa isaan bu’a qabeessa itti ta’aan Itoophiyaaf galtee akka ta’u muuxannoon irraa argama kan jedhan ammoo Ministir De’eetaa Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii duraanii Obbo Kaasaahuun Gofeeti.

Misoomni magaalota Itoophiyaa akkaataa yaadameen milkaa’uu akka hindandeenye kaasanii, waljijjiirraan muuxannoo fooramii kanarratti gaggeeffamu bu’uura kan buusu ta’uu dubbataniiru.

Akkasaan jedhanitti, magaalli tokko magaalaadha jedhamuuf pilaaniin deggaramuu kan qabdu ta’us jiraattota kuma lamaafi isaa ol qabaachuu qofa akka ulaagaatti fayyadamuun magaalonni xixiqqaa Itoophiyaa kuma lama guututti jiru. Magaalonni kunneen ulaagaa misooma magaalaa guutuu baatanis jiraattotaaf akka magaalaatti tajaajilaa waan jiraniif kallattii guddinasaanii fooyyessuuf fooramiin magaalotaa kun daandii kan saaqudha.

Keessattuu, magaalaa durii kan akka Finfinnee ammayyeessuurraa magaalaa haaraa hundeessuun akka salphatu eeranii, kan pilaanii malee dur ijaarame diigaa bakka buusaa deemuun kun baasii hinmalleefi gaaga’ama guddaa kan qaqqabsiisudha jedhu.

Guddinni magaalaa Finfinnees diigaa ijaaruu waan ta’eef rakkooleen bu’uura jireenyaa kan akka bishaanii, daandii, ibsaa, telekoom akkasumas, seermaleessummaan yeroorraa yerootti  hammaachaa deemuu kaasanii, biyyoota ollaarraa muuxannoo qooddachuun mala rakkoon kun itti salphatu keessaa isa tokko ta’uu Obbo Kaasaahun ni ibsu.

Yeroo ammaas magaalaan Jigjigaa qophii barbaachisaa xumururratti argamti. Magaalonni Itoophiyaa fooramicharratti hirmaatanis garasitti imaluuf qophiirra jiraachuus ni kaasu.

Fooramii kanarratti agarsiisni aadaa mallattoo eenyummaa naannoolee kan itti calaqqisu ta’uu kan himani Obbo Kaasaahun, aartistoonniifi gaazexeessitoonni ijaafi gurra ummataa ta’an hojii hubannoo uumuufi dadammaqinsaa akka gaggeesaniif mariin bal’aa taasifameera.

Fooramiin kabajamu kun magaalota qulqullinaan sadarkeessuun alatti walitti dhufeenyi magaalota Itoophiyaa cimsuun miirri tokkummaa akka jabaatu bu’uura kan buusudha.

Fooramiin magaalotaa marsaa torbaffaa waggaa darbe naannoo Amaaraa Gondaritti ture kan kabajame. Inni baranaa Jigjigaatti adeemsifamus mata duree “Miira idaa’amuun misooma magaalota Itoophiyaa lafa qabsiisna” jedhuun kabajama.

Walumaagalatti, qophaa’uun fooramii magaalota muuxannoo waljijjiirraa, omishtootaafi daldaltoota walitti fiduufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf kan akeeke waan ta’eef magaalaa qulqulluu bu’uura misoomaan badhaateefi moodela taate babal’isuuf aadaan walirraa barachuu kun itti fufuu qaba.

Waasihun Takileetiin

 

Recommended For You

2 Comments to “Fooramii magaalotaa: Waltajjii magaaloonni muuxannoo itti waljijjiiran”

  1. Pingback: check here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *