“Ajajaafi miseensonni WBO waamicha nageenyaa fudhatan harka keenya jiru” -Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Labsii nageenyaa torban lamaan kana Gujiitti labsame fudhachuun Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Kibbaafi miiltoowwansaa harka abbootii Gadaa Jiraachuu Abbaa Gadaan Gujii ibsan.


Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaiin akka jedhanitti, Ajajaa WBO Eliyaas Gaambeellaa dabalatee miseensonni kudhan waamicha nagaa fudhachuun araaraaf dhufanii harka abbootii Gadaa jiru. 30 ammoo waamicha fudhatanii dhufaa kan jiran yoo ta’u, guyyoota muraasa keessatti abbootii Gadaa bira ni ga’u.

Kanas qaama mootummaatti akkasumas, ABO Shaneetti beeksisuusaanii eeranii, yaadni miseensonni kunniin kan ABO Shanee miti jedhu ka’aa waan jiruuf kana qulqulleeffachuuf sochii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

“Oromoon Oromoof harka hinkennu diina kennachiisa malee” kan jedhan Abbaa Gadaa Jiloon, miseensonni WBO harka abbootii Gadaa jiranis harka kan kennatan osoo hintaane kanneen waamicha araaraa fudhatan ta’uu hubachiisaniiru. Miseensota waamicha fudhatanii dhufanis galateeffataniiru. Labsii nageenyaa labsames hanga gaafa araarri bu’uutti kan ittifufu ta’uu eeraniiru.

Bulchaan Godina Gujii, Obbo Roobaa Tarcee gamasaaniin, ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, labsii torbee nagaa abbootii Gadaatiin taasifame fudhachuun miseensonni, Ajajaan WBO Eeliyaasiifi miiltoowwansaa abbootii Gadaa bira qaqqabuu quba qabaachuusaanii ibsaniiru.

“Abbaan Gadaa yommuu araara waamu guyyuuma namni itti dhufe qabatee hindhufu. Waan gaafatuufi walii mari’atu qaba. Kanaaf warri dhufaniiru jedhaman nu bira ga’uufi nu waliin walarguu baatanis abbootii Gadaa bira akka jiran odeeffanneerra” jedhu.

“Durumayyuu ijoolleen abbaa Gadaa masaraafi bosona taa’anii waldhabuun sirrii hinturre” kan jedhan Obbo Roobaan, kanneen waamicha araaraa fudhatanii dhufan kunneenis hammam abbootii Gadaa akka kabajaniifi sirna Gadaatiif bakka guddaa kennan kan mul’isu ta’uusaatiin kan jajjabeeffamuu qabu ta’uu ibsaniiru.

Akka Godina Gujitti yeroo ammaa labsii torban nagaatiin walqabatee haalli nageenyaa jirus gaarii eeranii, kun garuu furmaata waaraa waan hintaaneef keessumaa bakka qaamni hidhate lama jirutti bu’aa waan hinfidneef caalaatti irratti hojjetamuu qaba jedhaniiru. Ijoolleen abbaa Gadaas osoo rasaasa walitti hindhukaasiin waliigaltee uumuun qabsoo Oromoo utubuun fuulduratti tarkaanfachiisuu akka qaban dhaamu.

Dhimma “Ajajaan WBO Kibbaa waamicha araaraa fudhate jedhame miseensa ABO Shanee miti” jedhamu qulqulleeffachuuf hoggantoota dhaabichaa argachuuf yaaliin irra deeddeebiin taasifne nuuf hinmilkoofne.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

4 Comments to ““Ajajaafi miseensonni WBO waamicha nageenyaa fudhatan harka keenya jiru” -Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *