Ministirri Muummee mootummaa Rippablika Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI) Doktar Abiyyi Ahmad, barsiisota yunvarsiitiiwwan addaddaafi hoggantoota olaanaa barnootaa kuma sadii ol ta’an waliin tibbana masaraa mootummaatti marii gaggeessaniiru.
Kanaanis dhimmoota fayyadamummaa barsiisotaa, rakkoolee qulqullina barnootaa, kenniinsa tajaajilaa, caasaa barnootaa, nageenyaa, akkasumas olaantummaa seeraa kabachiisuu ilaalchisee barsiisotarraa akka gaaffiitti ka’aniif ibsa bal’aa kan kennan yoo ta’u, akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Dubbii ijoon hoggantoonniifi ogeessotni barnootaa waraqaa ittiin eebbifaman osoo hintaane eenyutu hawaasa tajaajiluu danda’a kan jedhuudha. Bu’uurri waan hundaa barnoota; barnootni jalqabumaa kaasee yoo bade misoomni siyaas-dinagdees ni bada. Dameen barnootaa garuu qajeelaa taanaan siyaasnis ta’u dinagdeen daandii ni qabata. Kunimmoo dameen barnootaa tajaajila si’ataafi xiyyeeffannoo olaanaa kan barbaadu ta’uusaa mul’isa jedhu.
Akka Doktar Abiyyi jedhanitti, ogeessotni damee barnootaa hunduu rakkoolee qulqullina barnootaa waliin walqabatan qeequurraa kan hafe itti gaafatamummaa fudhachuun fooyyessuuf kan tattaafatan hinjiran. Kunimmoo qulqullinni barnootaa daranuu akka gad bu’u taasiseera. Rakkoolee qulqullina barnootaa furuuf garuu mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechaa jira.
Fakkeenyaaf, baay’ina manneen hojii ministeerotaa soddomii tokkorraa gara digdamaatti wayita gadi bu’u, kan barnootaa garuu damee lamaan akka caaseffamu ta’eera. Yeroo dhiyoo asittis sirna barnootaa fooyyessuuf ‘roodmaappiin’ haaraan qophaa’uun kutaaleen hawaasaa garagaraa irratti marii’achaa jiru. Kun marti ammoo xiyyeeffannoon mootummaan damee barnootaaf kennee hojjechaa jiru daran olaanaa ta’uusaa kan argisiisuu ta’uu eeru.
Mindaa barsiisotaa fooyyessuu ilaalchisee Ministeerri Barnootaa qorannoo yeroo garagaraatti taasisuun mootummaaf dhiyeessaa tureera. Haa ta’u malee, akkuma hundi keenyaa beeknu waggoota sadan darban keessa sirni mootummaa haalota tasgabbaa’aa keessa hinturre. Rakkooleen nageenyaa kutaalee biyyattii hunda keessa turan karoorri misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa galmaan akka hingeenye gochuusaanii dubbatu.
Kanarraa kan ka’e hojiileen baruu barsiisuufi fayyadamummaan barsiisootaallee akka hinmirkanoofne taasisuu danda’eera. Wayita ammaa garuu jijjiiramootni damee barnootaa keessatti mul’achaa jiran keessumaa fayyadamummaa barsiisotaa mirkaneessuuf haalotni mijataa uumamaniiru. Kunis adeemsa keessa kan dhugoomudha malee ammaan kana kan yaadamu akka hintaanu hubachiisu.
Mootummaan mindaa barsiisotaa dabaluuf yeroodhaa yerootti waadaa seenaa tureera. Si’a hedduus dabalameera; fooyya’eeras. Haa ta’u malee mindaan dabalamaa ykn fooyya’aa ture maaliif jiruufi jireenya barsiisotaa bu’uurarraa jijjiiruu hindandeenye? Kun gaaffii bu’uuraa qorannoo barbaadu ta’ullee deebii kennuun kan danda’amu ta’us ni ibsu.
Akka ministirri muummichaa jedhanitti, Itoophiyaan biyyoota guddachaa jiran keessaa ishee tokko waan taateef si’a tokkotti jiruufi jireenya lammiileeshee jijjiiruu hindandeessu. Chaayinaan baay’ina ummataa biliyoona 1.5 qabdu keessaa lammiileen miliyoona 25 ta’an sadarkaa hiyyummaa keessa jiraatu. Garuu lammiilee kanneen hiyyummaa keessaa baasuuf halkaniifi guyyaa waliigalteefi tokkummaatiin hojjechaa akka jiran hubachuun kan danda’amuudha. Itoophiyaanis biyya guddinarra jirtu waan taateef si’a tokkotti jireenya lammiileeshee fooyyessuu hindandeessu. Kanaaf, mindaa barsiisotaa dabaluun ykn fooyyessuutiin qofa rakkoolee jireenya barsiisotaa furuun waan hindanda’amneef, adeemsa keessa fayyadamummaa barsiisotaa mirkaneessuun kan danda’amu ta’a. Hangasitti garuu barsiisotni ciminaan akkaa hojjetan obsaan eeggachuu qabu.
Lafa mana jireenyaa barsiisotaaf kennuun walqabatees waggoota muraasa dura naannoo Oromiyaa keessatti iddoowwan duwwaa ta’an sektaroota mootummaafi abbootii qabeenyaarraa deebisiisnee barsiisota qofaaf kennaa turuu kaasanii, haala kanaanis barsiisotni kumaatamatti lakkaawaman lafa mana jireenyaa akka argatan ta’eera. Ji’uma darbe keessallee magaalaa Bahaar Daaritti barsiisotni hedduun lafa mana jireenyaa akka argatan godhameera jedhu.
Wanti hubatamuu qabu yoo jiraate garuu, mootummaan lafa mana jireenyaa barsiisota kennuuf dirqama akka hinqabneedha kan jedhan Dr. Abiyyi, muuxannoon akkasiis addunyaa kanarra akka hinjirre ibsu. Biyya baay’ina ummataa miliyoona 100 qabdu keessatti lammiilee hundaaf lafa mana jireenyaa dhiyeessuun dirqama miti; kan hinyaadamnedhas. Gaheen mootummaas tokkoo tokkoon lammiilee lafa mana jireenyaa akka argatan osoo hintaane haala salphaa ta’een akkaataa jireenyasaanii itti gaggeeffatan gochuudha. Kun sirnaan hubatamuu qaba. Itoophiyaa keessatti garuu hunda abbaa mana jireenyaa gochuuf guddinni dinagdee si’ataa akka hintaanes beekuun barbaachisaa akka ta’ees ni eeru.
“Ameerikaa Kaabaatti(USA) irra caalaan barsiisotaa mana jireenyaa dhuunfaasaanii hinqabani. Kunimmoo akka mootummaan Ameerikaa dirqamasaa hinbaaneetti kan ilaalamu ta’uu hinqabu. Itoophiyaattis akkasuma. Mootummaan garuu adeemsa keessa barsiisotni jireenya fooyya’aa akka jiraataniif haalota mijaawaa kan uumu taanaan dirqamasaa bahateera jechuun ni danda’ama. Ammaafi ammatti maaliif haalotni mijaawaa hinuumamne jedhanii komachuun garuu dogoggoradha. Kanaaf mootummaan keenya barsiisotaaf, ogeessota fayyaaf, poolisotaafi kanneen biroof lafa mana jireenyaa dhiyeessuuf yaaluun baay’ee ulfaataadha; gochuus waan hindandeenyedha” jedhu.
Waggoota kurnan lamaan darban keessa sochiin fayyadamummaa barsiisotaa mirkaneessuuf taasifamaa ture naannoleedhaa naannoleetti garaagarummaa guddaa akka qabu kan himan ministirri muummichaa, fakkeenyaaf, naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigiraayiifi Ummattoota Kibbaa keessatti lafti mana jireenyaa bal’inaan kennamaa turuusaafi naannolee Gambeellaa, Beenishaangul Gumuz, Affaariifi Hararii keessatti garuu hanqinoonni hedduu turu kaasu. Hojmaata walfakkaataa ta’an diriirsuu dhabuun ammoo hanqina mootummaa waan ta’eef, hoggantoota naannolee kanneenii waliin sirreessuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uufi sochiin Waldaa Barsiisotaas cimuu akka qabu hubachiisu.
Akka Dr. Abiyyi jedhanitti, manneen barnootaafi dhaabbilee barnootaa hunda keessatti baruu barsiisuu haala barbaadameen adeemsisuuf nageenyi murteessaadha. Nageenyi yoo hinjiraanne beekumsa argachuu feenuufi lammiilee bor biyyatii gaggeessan argachuuf abdii qabaachuun waan hinyaadamneedha. Kanaaf, nageenya amansiisaa uumuuf hoggantootni barnootaa sadarkaa sadarkaan jiran, barsiisotniifi barattootni yeroodhaa yerootti marii’achuun barbaachisaadha. Waltajjii mariitiin rakkoolee barnootaa hiikuun qaroomina guddaadha. Wal marii’annee rakkoolee nu mudatan yoo kan hinfurre ta’e, barumsaan beekumsa argachuun keenya dadhabbii bu’aa hinqabne ta’a.
Darbee darbees walitti bu’insota manneen barnootaafi dhaabbilee barnootaa olaanaa keessatti uumaman furuuf humna fayyadamuun gonkumaa barbaachisaa akka hintaaneefi kanarra karaa qaroominaafi tasgabbii qabuun furuun murteessaa ta’uu ibsu. Kana hojiirra oolchuuf ammoo aadaa waldhaggeeffachuu, waldanda’uufi obsuu gabbifachuu akka barbaachisu eeranii, barattootnis dandeettii akkasii akka horataniif itti gaafatamummaa olaanaatiin barsiisuufi hubachiisuun barsiisotarraa kan eegamuu ta’uu dubbatu.
Walumaagalatti xiyyeeffannoon mootummaan sektara barnootaaf kennee hojjechaa jiru daran olaanaa ta’uusaa Mistirri Muummee RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad marii barsiisota waliin taasisanirraa hubatameera. Kanaaf, qaamoleen hoggantootni damichaa marti barsiisota dabalatee misooma barnootaa qixa barbaadameen sochoosanii keessumaa qulqullina barnootaa fooyyeessuurratti bu’aa ummatniifi mootummaan barbaadu fiduu akka qabanis hubachiifameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
6 Comments to “Xiyyeeffannoon mootummaan damee barnootaatiif qabu olaanaadha”