Pirojektotni jallisii lafa hektaara kuma tokkoofi 280 misoomsan ji’oota afur booda ni eebbifamu

Dalloo Mannaa: Godina Baalee, Aanaa Harannaa Bulluqiifi Aanaa Dalloo Mannaatti kan argaman pirojektotni jallisii lafa hektaara kuma tokkoofi 280 misoomsan lama ji’oota afur booda kan eebbifaman ta’uu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ibse.

Ijaarsi pirojektota jallisii lameenii bara 2009 laga Walmal xiqqaafi guddaarratti jalqabame ji’oota sagalitti xumuruuf kan karoorfame ta’us utuu hinxumuramin waggoota lama lakkoofsiseera. Ijaarsi pirojektoota kanaa ji’a afur booda kan xumuramu ta’uunis himameera.

Harkifannaa pirojektota kanneeniitiif dhiheessiin meeshaalee ijaarsaa, rakkoon diizaayiniifi ummata iddoo sanarra qubatee ture achii kaasanii iddoo biraa qubsiisuun sababoota guguddoo ta’uu durataan ijaarsa pirojektichaa Injinar Balaachoo Zinaabuu gabaasaa Gaazexaa Bariisaa tibbana pirojekticha daaw’atetti himaniiru.

Geggeeddaramuun diizaayinii keessattuu laga Walmal xiqqaa irratti ture harkifannaa pirojektichaa qofa osoo hintaane, baasii dabalataatiifis kan isaan saaxile ta’uu kan himanii, diizaayinii pirojiktichaa jalqabaatiin lafta heektaara 200 misoomsuuf karoorfame fooyyessuudhaan lafa hektaara kuma tokkoo ol akka misoomsu kan taasifame ta’uu ibsaniiru.

Lagni Walmal kanaan dura daa’immaniifi maanguddoota fudhachuudhaan yeroo mara naannichatti gadda uumaa turuusaa kan himan immoo bakka bu’aa waajjira Misooma Jallisii Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibraahim Muhaammad, ummanni qarqara lagichaa jiraatu lagicharraa fayyadamuun hafee inumaayyuu miidhamaa turuusaa himaniiru.

Darbee darbee garuu qonnaan bultootni muraasni jallisii aadaatiin fayyadamuuf yaalaa turanis yeroo gannaa lagichi guututti ooyruu qonnaan bulaa haree fudhachaa turuusaatiin qonnaan bultoota abdii kutachiisaa turuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa pirojektiin ammayyaa’aa dhaabbata ‘IFAD’ (Internaational Fund for Agricaltural Development) jedhamuun achitti isaaniif ijaaramuun daran kan isaan gammachiise ta’uufi kunis hawwii yeroo dheeraa isaan keessa ture ta’uu dubbataniiru.

Pirojektichi yeroo qabameef keessatti xumuramee tajaajila kennuu dhabuusaatiif keessoosaaniitti komaatanis, yeroo ammaa sadarkaa xumuraa irratti argamuusaatiin qonnaan bultootni aanichaa hundi hojiitti galuuf abdiin eeggachaa jiraachuu himaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *