Guddina ispoortii kubbaa miilaa Afrikaaf bu’uura kan ta’e Koreen Kubbaa Miilaa Afrikaa, kan wayita ammaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa jedhamuun beekamu kan hundeeffame Amajjii 8 ALA bara 1957 magaalaa guddittii Sudaan Kaartumitti.
Miseensonni Korichaas Misir, Itoophiyaa, Sudaaniifi Afrikaa Kibbaa yoo ta’an, baruma sana Walmorkiin Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa biyyootuma miseensotaa kanneen jidduutti akka adeemsifamu murtaa’e.
Haata’u malee, Afrikaan Kibbaa sababii bittaa appaartaayidii jala turteef akka hinhirmaanne yoo ta’u, walmorkiin kan adeemsifame qopheessituu waancaa Sudaan, Misiriifi Itoophiyaa jidduutti ture.
Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Ardii Afrikaa kunis erga jalqabamee waggoota 62 lakkofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti yeroo 31f yoo qophaa’u, biyyoonni 14 waancaa fudhataniiru.
Misir al 25 hirmaattee, yeroo afur qopheessitee, si’a torba waancaa fudhachuun tokkotti lammaffaa ta’uun Ardii Afrikaarraa biyya duraa ta’uun beekamti. Akkasumas, Afrikaa bakka bu’uun yeroo jalqabaaf Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaarratti hirmaachuun biyya duraati.
Misir Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa qofa osoo hinta’iin shaampiyoonaa kubbaa miilaa kilaboota Afrikaarrattis iddoo olaanaa qabdi. Afrikaa bakka bu’uunis shaampiyoonaa kilaboota addunyaarratti hirmaachuun maqaa gaarii galmeessiteetti.
Misir Ardii Afrikaatti kubbaa miilaan kan beekamtii argatte kilaboota ciccimoo keessumattuu kanneen akka Zamaalikiifi Alhaalii horachuun garee kubbaa miilaa dargaggoota guddattootaafi kan dargaggootaa horachuun garee biyyaaleessaa cimaa hundeeffachuu dandeesseetti.
Akkasumas, taphattoota beekamoo pirofeeshinaalii hedduu horachuun kilaboota biyyoota Awurooppaa kanneen akka Ingiliiz, Ispeen, Faransaay, Xaaliyaan, Beeljiyeemiifi Holaandi keessatti hirmaachisuun gareen biyyaaleessaa ishee akka cimu ta’eera.
Biyyattiin Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa 32ffaa Waxabajjii bara 2011 yeroo shanaffaaf adeemsifamu qopheessuuf carraa argatteetti. Carraa kanas kan argatte Afrikaa Kibbaa wajjiin dorgomuun sagalee 16 argachuudhaani.
Akka Ajaansi Firaansi Pirees addeeseetti, sagaleen kun kan kenname walga’ii miseensonni koree Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Sanbata dabre magaalaa guddoo Seeneegaal, Daakaaritti adeemsifameen ta’uun beekameera.
Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 32ffaa kana qopheessuuf Kaameeruun Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin filatamtuus dhumarratti “humna qopheessuu hinqabu” waan jetteef Misir carraa argatteetti.
Misir Waancaa kana kan keessummeessitu Istaadiyoomoota ammayyaa saddeet magaaloota shan jechuunis, Aleeksaandariyaa, Ismaailiyaa, Poorti Saa’id, Suziifi Kaayirootti akka argaman beekameera.
Misir qophii waancaa kana ji’a shan keessatti xumuruuf koreewwan addaddaa hundeessuun hojiishee hatattamaan gaggeessaa akka jirtuus hubachuun danda’ameera.
Yeroo jalqabaaf biyyoonni 24 ramaddii ja’aatti qoodamuun kan irratti hirmaatan walmorkiin kun rakkina tokko malee jalqabamee akka xumuramuuf Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ”CAF”fi Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa ”FIFA”n karaa addaddaatiin deggarsa akka taasisanis beekameera.
Tashoomaa Qadiidaatiin
8 Comments to “Misiriifi Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa”