Maddeen faayinaansii hawaasaa, rakkoo faayinaansiitiin akka hingufanneef

Rakkoolee dhuunfaadhaan keessaa bahamuu hindandeenye wajjummaan mo’achuuf, qabeenyaafi beekumsa walitti fidanii irree gurmaa’een yemmuu hojjatan rakkoon hinfuramne hin jiraatu.

Adeemsi beekumsaafi qabeenya walitti fidanii rakkoolee hawaas diinagdee irra aanuuf itti hojjatamu kun immoo irra jireessaan karaalee waldaa hojii gamtaatiin kan raawwatamuudha.
Waldaaleen hojii gamtaa kunniin faayidaa miseensotasaaniif kennan cinatti cee’uumsi indaastirii akka milkaa’uufi babal’ina investimentii keessattis shoorri isaan bahatan olaanaadha.

Aadaan qusannoo hawaasa keessatti akka dagaaguufi waliinga’iinsi faayinaansii iddoowwan barbaadaman hundatti akka argamaniifis qooda olaanaa bahatu.

Haala qabatama biyya keenyaa isa amma jiruun waldaaleen hojii gamtaa sochii waliinga’iinsa faayinaansii keessatti fooyya’iinsa agarsiisaa jiraatanus waldaalee hojii gamtaa biyyoota birootiin yemmuu madaalaman garuu ammas rakkoo cimaa keessa kan jiran ta’uutu himama.

Keessumaa fadhiin liqii miseensotni qabaniifi dandeettiin liqii kennuu waldaalee wal simuu dhabuunsaa rakkoo guddaa uumaa kan jiru ta’uufi kanaanis miseensota gidduutti wal shakkii uumaa jiraachuu Waldaa Liqiifi Qusannaa Awaacitti ogeessi qunnamtii miseensotaa Obbo Masfin Baqqalaa ni dubbatu.

Waldaan isaanii miseensota kuma 15 ol kan hammate yemmuu ta’u, kaappitaalli yeroo ammaa waldichi qabu immoo qarshii miiliyoona dhibba 350 ga’eera.

Akka biyyatti yeroo ammaa rakkoon faayinaansii waldaalee hojii gamtaa hedduuf qormaata ta’uufi waldaan isaanii immoo dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jiraachuu ibsu.
Akka ibsasaaniitti; rakkoon faayinaansii waldicha keessatti mul’achaa kan jiru ta’us, ji’a ji’aan miseensota haaraa hanga 600 ta’an horachuudhaan hanqina faayinaansii uumamuuf fala kaa’aa jiru. Kanaanis fedhii liqii miseensota biraa dhihaatuufis furmaata guddaa ta’aa jira.

Ji’a Onkoloolessaa darbe qofatti miseensotni waldichaa 500 caalan liqii miiliyoona 80 ol kan gaafatan yemmuu ta’u, kanneen keessaa immoo liqii miiliyoona 45 ta’u kennuudhaan garaa garummaa fedhiifi dhiheessii gidduu jiru hir’isuun danda’ameera.

Rakkoolee faayinaansii yeroo ammaa hojiiwwan waldaalee hojii gamtaa irratti dhiibbaa uumaa jiran furuuf mootummaan waldaalee dameewwan akka dhiheessii galteewwanii, makaanaayzeeshiiniifi qonnaa daldala al ergii irratti bobba’aniif liqii qarshii biiliyoona 11 ol qopheessuusaa kan himan immoo Daariktara Ittaanaan Ejensii Hojii Gamtaa Federaalaa Obbo Abdii Muhaammad, fedhii faayiaansii amma jiruun yemmuu maadaalamu garuu kunis gahaa kan hintaane ta’uu dubbatu.

Rakkoo kana hunderraa furuuf garuu qaamota dhimmi ilaalu hunda hirmaachisuudhaan hojmaatotta sirraa’uu qaban sirreessuu, haala dhaabbileen faayinaansiifi waldaaleen hojii gamtaa qindoominaan waliin hojjachuu danda’an mijeessuufi yoo danda’ame immoo walfaaleen hojii gamtaa kunniin baankii ofiisaanii akka horatanii deeggarsa kan taasisan ta’uu himu.

Bara 2009tti qusannaan waldaalee hojii gamtaa giddugaleessaan birrii 3000 kan hincaalle ta’uu kan himan immoo ejensichatti daarekterri misooma waldaalee faayinaansii Obbo Birhaanuu Dhufeeraa, fedhiin liqii isaanirraa dhihaataa ture hanga qarshii kuma 16ti jedhu. Kunis garaa garummaa fedhii liqiifi qusannaa gidduu jiru kan mul’isuuudha.

Akka ibsa daarekterichaatti; tajaajiloota qusannoo babal’isuudhaan maallaqa funaanuun hojii ijoo isaanii ta’uu kan qabu yemmuu ta’u, kanaafis baay’ina miseensotasaanii yeroo yerotti dabaluuf hojjachuutu irraa eegama.
Kanaafis leenjiiwwan ogummaa faayinaansiifi ittifayadamasaarratti xiyyeeffatu waldaaleef kennamaa jira.

Yeroo ammaa akka Magaalaa Finfinnee qofatti waldaaleen hojii gamtaa maallaqaa bu’uraa kuma tokkoofi dhibba tokko kan jiran yemmuu ta’u, isaanis qarshii biiliyoona 4.5 ta’u horachuu danda’aniiru.

Kana keessaa immoo liqii qarshii biiliyoona 2.2 ta’u miseensotaaf kennuudhaan sochii faayinaansii magaalattiitti shoorasaanii bahachaa jiru.

Walumaagalatti, lafee dugdaa giddina biyya tokkoo kan ta’an waldaaleen hojii gamtaa rakkoolee faayinaansii yeroo ammaa mul’achaa jiraniin akka hingufanne deeggarsa barbaachisu hunda argachuu qabu.

Dhaabbileen yeroo ammaa harka kal’eeyyii hedduuf madda faayinaansii ta’aa jiran kunniin deebi’anii rakkoo faayinaansiitiif akka hinsaaxilamne miseensotasaanii dachaan dabaluunis furmaata birooti.

Bayyanaa Ibraahimii

Recommended For You

3 Comments to “Maddeen faayinaansii hawaasaa, rakkoo faayinaansiitiin akka hingufanneef”

  1. Pingback: sex tre em
  2. Pingback: autodetailing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *