Lafa Abbaa Gadaatiin bulturratti waraanni banamuu hinqabu

Olaantummaan seeraa kabajamee nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hirmaannaan ummataa kallattii hundaanuu cimuu qaba.

Biyya keenyatti nagaa waaraan bu’ee fayyadamummaa haqaqabeessi akka dhugoomuuf keessumaa waggoota sadan darbanitti qabsoo hadhaawaan gaggeeffamaa tureera.

Loogummaafi cunqursaan sabummaa, qabeenya ofiitti sirnaan fayyadamuu dhabuufi rakkooleen bulchiinsa gaarii hundee gadi fageeffate fincila diddaa gabrummaatiif ka’umsa ta’uun qabsoo taasifameen wareegamoonni qaqqaaliin kafalamaniiru.

Wareegama kanfalame kanaanis mirgi abbaa biyyummaa ummata Oromoo mirkanaa’uu jalqabeera. Gidiraan ummaticharra gahaa hunkutaa’ee Oromoon nagaafi qabbana ta’uun obsaafi bilchinaan biyya bulchuu akka danda’u qabatamaan agarsiisuutti jira.

Akka naannoottis dhimma Oromoofi Oromummaarratti qaamonni hundi tokkummaan akka socho’aniif karaan banamee paartiileen siyaasaa maqaa Oromootiin socho’aniifi hayyoonni karaa dandeettii, beekumsaafi qabeenya isaaniin waa’ee Oromoofi Oromiyaarratti bilisaan akka hojjetaniif ulaan banameera.
Ta’us, warri aangoon harkaa baate shira xaxuun jijjiirama eegalame gufachiisuuf iddoowwan adda addaatti mumunyuuqaa jiru.

Qaamni kaleessa ummataafi biyya qorqaa ture har’as bifa jijjiirratee nagaa ummataa booressuun ‘akeekasaa’ badii milkeeffachuuf wixxirfachaa jira.
Waliigalteen paartiileen siyaasaa tokko tokko mootummaa wajjin taasisan hojiirra ooluu dhabuusaatiinis haala kaayyoo warra kaleessa nu cabsanii milkeessuu danda’uun burjaajjii uumaa jira.

Keessumaa godinaalee Wallagga afraniifi Gujii Lixaatti manneen barnootaa cufamanii har’a yeroo Oromoon dukkana keessaa ifatti bahuu eegalu daa’imman Oromoo doofummaa keessa akka turan taasifamaa tureera.

Dhaabbiileen fayyaa tajaajila dhaabuu isaaniin deessuun karaatti du’aaf saaaxilamteetti. Pirojektonni bishaaniifi daandii, sochiin daldalaa kamuu danqamanii turuun hawaasicha rakkoo hamaaf saaxilamuu bira darbee sodaa nageenyaa hamaa keessa akka seenamu taasisaa tureera.

Akkuma abbootiin Gadaa Gujii sadan Uraagaa, Maattiifi Hokkuun gochawwan sochii ummataa danqan kamuu balaaleffachuuf Wixata darberraa eegalanii “Lafa keenya, lafa abbaa Gadaatiin bulturratti paartiin kamuu waraana akka hinbaane” jechuun torban nageenyaa labsaniiru.
Kanaafuu hunduu bakka jirutti waanti nageenya caalu akka hinjirre hubachuun gochoota nagaa booressan kamuu ifaafi ifatti balaaleffachuun nagaa labsee nagaaf waardiyyaa dhaabachuu qaba.

Recommended For You

10 Comments to “Lafa Abbaa Gadaatiin bulturratti waraanni banamuu hinqabu”

  1. Pingback: hema4d
  2. Pingback: pilsakmens
  3. Pingback: online chat
  4. Pingback: Bauc ET
  5. GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES

    We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials  from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel. https://globalbusinessltd.co.uk/

    Global business elite
    copper cathode
    aluminium wire scrap
    scrap processor
    scrap cpus
    waste paper scrap
    fridge compressor scrap
    cable scrap
    scrap copper wire
    waste paper for sale
    ceramic cpu scrap
    icumsa 100
    cpu scrap
    wholesale sugar suppliers uk
    scrap processor
    scrap central processing units
    occ paper scrap
    occ waste paper scrap
    nut prosper globe
    ocopper cathode specifications
    sachet water filling and sealing machine
    insulated copper wire scrap
    waste paper supplier
    recycled copper wire
    copper scrap wire
    occ waste paper suppliers in uk
    processor gold recovery
    waste paper supplier
    ccopper wire scrap millberry

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *