Dirreewwan kubbaa miilaa tasgabaa’aa jiru

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa duraa torban sagalaffaa magaaloota naannoolee addaddaatti Sanbataafi Dilbata darbe naamusa gaariidhaan jalqabamee xumurameera.

Bara 2010 irraa kaasee nageenyi dirree kubbaa miilaa boora’aa waan tureef daawwataan kubbaa miilaa nagaan ba’ee galuuf sodaa guddaa keessa kan ture yoo ta’u, erga haadholiin nageenya Istaadiyeemii Finfinneetti nagaa buusanii as qabbana’aa dhufuun tasgabbiin mul’achaa jira.

Keessumattuu bara darberraa kaasee akka diinaatti wal ilaalaa kan turan kilaboonni naannoolee Amaaraafi Tigraay walmorkii Dilbata darbe Magaalaa Faasiliifi Walwaaloo Addiigiraat jidduutti magaalaa Maqaleetti adeemsifatanitti rakkina tokko malee naamusa gaariidhaan taphasaanii xumuraniiru.

Walmorkii Istaadiyeemii Maqaleetti adeemsifame kanatti bakka bu’oonni naannoo Tigraay miseensoota kilaba Faasiil simachuun rakkina tokko malee gaggeessuun obbolummaasaanii mul’isaniiru.

Akkasumas, walmorkiiwwan naannolee Oromiyaafi Ummattoota Kibbaa jidduutti adeemsifamanis daawwataan kubbaa miilaa akkuma kanaan duraa istaadiyeemoota walmorkiiwwan itti gaggeeffaman nagaan seenee rakkina tokko malee gammachuudhaan gara manasaatti dacha’eera.

Walmorkiiwwan torban saglaffaa kan Sanbataafi Dilbata darbe adeemsifamanitti taphoonni saddeet kan adeemsifaman yoo ta’u, galchoonni 20 argamaniiru. Galchoota kanneen keessaa bulchiinsi magaalaa Adaamaa Raayyaa Ittisaarratti galchoota shan galchuudhaan rikardii torban kanaa qabateera.

Akkasumas, Magaalaan Hawaasaa Jimmaa Abbaa Jifaar, bulchinsi magaalaa Maqalee Buna Sidaamaa qabxii walfakkaatu 3-1n, Magaalaan Dirree Dawaa magaalaa Baahir Daar 2-1n mo’ataniiru.

Kana malees, Bunni Itoophiyaa Shiree Indasillaasee, Dadabiit Walaayittaa Diichaa, Qiddus Giyoorgis Poolisii Kibbaa haala walfakkaatuun 1-0n yoo mo’atan, Walwaaloo Addigiraatiifi Bulchiinsi Magaalaa Faasiil galcha malee 0-0n adda ba’aniiru.

Haaluma kanaan Bunni Itoophiyaa qabxii 18n liigicha dursaa kan jiru yoo ta’u, torban sadiif sadarkaa tokkoffaarra kan ture bulchiinsi Magaalaa Hawaasaa ammoo qabxii tokkoon gadi siqee sadarkaa lammaffaarratti argama.

Kilabni Ummattoota Kibbaa Bunni Sidaamaa qabxii 13n sadaffaadha. Kilabni hangaftichi Qiddus Giyoorgis, Magaalaan Faasiil, Baahir Daariifi Walwaaloon galchaan walcaalanii qabxii 12n sadarkaa arfaffaadhaa hanga torbaffaarratti argamu.

Magaalaan Maqaleefi Adaamaan ammoo garaagarummaa galchaan walcaalanii qabxii 11n saddeettaffaafi sagalaffaa, Dirree Dawaafi Walaayittaa Diichaanis akkasuma galchaan walcaaluun qabxii sagaliin kurnaffaafi kudha tokkoffaa, Raayyaan Ittisaa qabxii saddeetiin kudha lammaffaadha.

Shaampiyoonaa bara darbeetti abbaa waancaa ta’uun kan beekamu Kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar shaampiyoonaa baranaa kanatti qabxii saddeetiin sadarkaa 13ffaarratti argama. Shiree Indaasillaasee qabxii shaniin 14ffaa yoo ta’u, Poolisiin Ummataa ammoo 15ffaadha.

Shaampiyoonaan baranaa erga jalqabame mo’ate kan hinbeekne Kilabni Dadabiit Dilbata darbe Walaayittaa Diichaa 1-0n mo’achuun qabxii sadii qofa galmeessifateera.
Akkaataa sagantaan federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa mul’isutti walmorkiiwwan torban kurnaffaa Sanbataafi Dilbata dhufuus magaaloota naannoolee adda addaatti itti fufanii olu.

Haaluma kanaan, Bunni Itoophiyaa Buna Sidaamaa, Hawaasaan Maqalee, Qiddus Giyoorgis Raayyaa Ittisaa, Baahirdaar Dadabiit, Adaamaan Dirree Dawaa, Walaayittaa Diichaa Walwaaloo, akkasumas, Jimmaa Abbaa Jifaar magaalaa Faasiil waliin taphatu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Dirreewwan kubbaa miilaa tasgabaa’aa jiru”

  1. Pingback: visit the site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *