“Kallattichi hanqina bajataatiin milkaa’ina dhabinnaa?

Imaammanni barnootaa milka’aafi bu’a qabeessa kan ta’u haala qabatamaa yeroo wajjiin wayita haaromfamaa deemudha. Bu’uura kanaan biyyoonni hedduu guddina dinagdeesaanii bu’uura godhachuun sirna barnootaasaanii haareessaa deemu.

Haala qabatamaa Itoophiyaatiinis imaammanni barnootaa yeroo garagaraatti kan jijiirame yoo ta’u, inni amma hojiirra jiru waggoota 18 tajaajileera. Imaammaticha irra deebiin haaromsuuf wixineen kallattii barnootaa waggoottan 15n dhufan hojiirra ooluu kan qophaahe yoo ta’u sadarkaa sadarkaan mariin irratti taasifamaa jira. Dhiheenya kanas miseensoonni mana maree bal’inaan irratti mari’ataniiru.

Waltajjirachi waraqaa marii kan dhiheessan Ministirri Ministeera Barnootaa Doktar Xilaayee Geetee akka jedhanitti, imaammata barnootaa isa amma jiru jijjiiruun kan barbaachise haala qabatamaa biyyattiin irra jirtu wajjiin deemsisuuf yaadameti.

Kana malees hanqinni qulqullina barnootaa mul’atu humna namaa barbaachisu horachuuf gufuu ta’uusaatiini. Akka waliigalaatti imaamatichi hanqinoota kanneen akka hawaasa hirmaachisuu dhabuu, haala qabatamaa naannawaa waliin walitti hidhamiinsa qabaachuu dhabuufi kkf kan qabu waan ta’ef akka jijjiiramuuf ogeessootaan qoratamee wiixineen kallattii barnootaa haaraa qophaa’eera.

Akkaataa istaandaardii barnootaarra taa’ee jiruun kutaa tokko keessa yoo baay’ate barattoonni 45-40 barachuu kan qaban ta’us naannoolee biyyattii tokko tokko keessa (fkn Somaaleetti) bakka barattoonni 300 ta’anii kutaa tokko keessatti barataa jiran akka jiru eeranii, sababa kanaan dhiphachuu dareerraa kan ka’e barattoonni harki caalu dhaabbatanii akka baratan dubbatu.

Dabalataanis kutaan barnootaa ga’aan dhibuufi mofa’uurraan kan ka’e bakkeewwan hedduutti (fkn naannoo Amaaraa keessa) barattoonni muka jala dhagaarra yookiin lafa taa’anii barachuuf dirqamaniiru jedhu. Barattoonni kunneenis yeroo aduu awwaaraafi balaqqeetiin arfaasaafi birraa keessammoo sababa roobaatiin rakkachaafi dhibeef saaxilamaa jiraachuu addeessu. Haala kanaan barsiisanii rakkoo walirraa hatuu dhabamsiisna jechuunis waan hinfakkaanneedha jedhu.

Haaloota kanneen keessatti qulqullina barnootaa galmaan ga’uun rakkisaa ta’uu eeranii, dabalataan imaammatichi haala qabatamaa naannawaa waliin kan hindeemne taanaan rakkinicha walxaxaa akka taasisudha kan himan. Kana malees imaamanni inni duraa sagantaa barnoota duraatiif xiyyeeffannaa kan hinkennine waan tureef lammii beekumsa ga’aa qabu horachuuf rakkisaa turuusaa ibsu.

Akka waliigalaatti, imaammanni barnootaa amma jiru gama hedduun hanqina kan qabuufi yoo sakkattaa’amee jijjiiramuudhaa baate rakkisaadha jedhu. Kallattii inni haaraa qophaa’u sirna barnootaa jijjiiruu qofa osoo hintaane humna jiruutti fayyadamuun sektericha haareessuuf kallattii waan kaa’uuf rakkoo jiru ni hiika qorannoon jedhu jiraachuu Doktar Xilaayeen dubbatu.

Ministir de’eetan ministeerichaa Obbo Mohaammad Amaddiinis gamasaaniin, rakkoolee eeraman furuuf kallattiin barnootaa haaraa barbaachisaa ta’uu kaasanii, kunis, sadarkaa barnoota duraarraa kaasee hanga sadarkaa lammaffaatti jijjiiramni kan itti taasifamudha jedhu. Kallattichi barnoota duraa ‘zeeroo kilaasii’ irraa kan egalu ta’ee sadarkaan tokkoffaa 1fa-6fa fi 7fa-8fa akkasumas, sadarkaa lammaffaan 9fa-12fa kan of keessatti qabatu ta’uu himu.

Akka Obbo Mohaammad jedhanitti, kana keessatti madaalliin barnootaa kan naannoo kutaa saddeetiitti kennamaa ture ja’aaffaatti akka ta’uufi kutaa saddeetiitti qormaata biyyooleessaa akka fudhatan ta’a. Qormaanni biyyooleessaa kutaa 10tti kennamu ammoo kutaa 12fatti kennama. Wayita kana barattoonni kutaa torbaa eegalee barnoota Afaan dhalootaan barataa turan ingiliffaan kan baratan ta’a. Afaan dhaloota isaanii akka akaakuu barnootaa tokkotti baratu. Yoo danda’ame ammoo afaan saba biraa akka dabalataatti baratu.

Barattoonni yommuu kutaa 12fa xumuran waggaa 18 kan guutan ta’uu kaasanii, umurii kanatti gara barnoota olaanaatti yoo deeman rakkisaa hinta’u jedhu. Barnoonni sadarkaa lammaffaas, turtii isa dura tureerratti waggaa tokko dabaluun waa’ee biyyasaaniifi naamusa gaarii waggaa jalqabaatti kan itti leenji’an waan ta’uuf bu’a qabeessummaan isaa olaanaa ta’a tilmaamni jedhu akka jiru addeessu.

Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa, Aanaa Siraarroorraa bakka bu’uun Miseensa Mana Maree kan ta’an Obbo Guutaa Laachoree gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, wixineen kallattii barnootaa haaraa kun seenaa barnootaa biyyattiin dura keessa turte qorachuun keessumaa qulqullina barnootaa fooyyessuurratti xiyyeeffatee kan qophaa’e ta’uusaatiin rakkoo jiru ni fura amantaa jedhu qabaachuusaanii himu. Akka fakkeenyaatti imaammata isa duraatiin daa’imni tokko waggaa torba yoo guute, barnoota duraa tokko malee osoo qubeellee adda hinbaafatiin kutaa tokkoffaa galuu eeranii, kunimmoo barnoota sadarkaasaatiin gitu akka hinarganne akka taasisu ibsu.

Akka waliigalaatti sirni barnootaa duraan ture qulqullina barnootaa qofa osoo hintaane ga’umsi barsiisota, mijatummaan dareefi naannawaa barnootaayyuu rakkoo qabaachuu eeranii, kunimmoo guddina biyyaarratti dhiibbaa olaanaa waan qabuuf imaammata haaraa qopheessuun sirriidha jedhu.

Wixineen qophaa’ee kun dhaabbiidhumasaatti yommuu ilaalamu rakkoo gama barnootaa jiru hundeerraa kan furu ta’us bajata guddaa waan barbaaduuf tarii sababa kanaatiin akka jedhame milkaa’uu dhabinnaa sodaa jedhu akka qaban himu.

Miseensi Mana maree biroo, Naannoo Amaaraa, Godina Gojjam Lixaa, Aanaa Dabuub Achafar bakka kan bu’an Aadde Agaree Minaalee Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, kallattii haaraa kun hojiirra kan oolu yoo ta’e rakkoolee sektaricha keessatti mul’atan hedduu ni hiiku amantaa jedhu akka qaban dubbatu. Isaanis garuu sodaan isaanii hanqina bajataatiin manii taa’eef sana qaqqabuu dhabaa laata kan jedhu ta’uu eeru.

Wiixinee kana erga ilaalanii booda gabaasni kana dura seektarri barnootaa milkaa’aadha jechuun dhihaataa ture eessaa dhufe gaaffii jedhu isaan keessatti uumuu kaasanii, kunis rakkoon walfakkaataa akka hinmudanneef mootummaan humnasaa guutuudhaan akka haaraatti itti seenuu akka qabu dhaamu. Yoo kana ta’e jijjiirama yaadame bira ga’uun akka danda’amu addeessu.

Walumaagalatti kallattiin barnootaa kun ummata sadarkaa sadarkaa jiru, abbootii ga’eefi ogeessoota kan mariisisaa jiru yoo ta’u, galtee argame ilaalacha keessa galchuun hojiirra kan oolu waan ta’eef rakkoolee baay’inaan ka’aan kan furu ta’uu mala. Kanarrattis keessumaa hayyoonni muuxannoofi beekumsasaanii qooduun milkaa’inasaaf gumaachuu qabu jenna.
Kallattiichi rakkoolee qulqullina barnootaan ka’an furuurratti xiyyeeffata.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

9 Comments to ““Kallattichi hanqina bajataatiin milkaa’ina dhabinnaa?”

  1. I can’t express how grateful I am for your article on [topic]. I was feeling completely overwhelmed by [problem], but your step-by-step guide has been a lifesaver. I followed your advice and [action], and I’m already seeing positive results. Thank you for taking the time to create such a helpful resource.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *