Ispoortii Aadaa: Waltajjii dargaggoonni aadaasaanii itti calaqqisiisan

Ispoortiin ammayyaa biyya keenya utuu hinseeniin dura ispoortiin aadaa bal’inaan adeemsifamaa akka ture seenaansaa ni ibsa. Sabootaafi sablammoota jidduutti walitti dhufeenyi obbolummaafi jaalalaa akka uumamus ga’ee olaanaa kanneen taphatan keessaa tokko ispoortii aadaa kana.

Qonnaan bulaan yeroo haara galfannaasaafi guyyoota ayyaanonni ummataa kabajaman dirree tokkorratti walarguudhaan gita gitaan irratti qooda waan fudhatuuf guyyaa ispoortiin aadaa kun adeemsifamu hawwii olaanaadhaan eeggata.

Kanumarraa kan ka’e ispoortiin aadaa dargaggootaafi maanguddoota, qonnaan bulaafi horsiisee bulaa biratti jaalatamuummaadhaan kan hordofamuudha.

Ispoortiin kun guyyoota ayyaanaa qofa adeemsifamuudhaan daangeeffamee akka hinhafneef mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jira. Kanaan akkuma ispoortiiwwan ammayyaa seerri baheefi federeeshiniin ispoortii aadaa hundeeffamuudhaan akka gaggeeffamu taasifameera.

Keessuumattuu ispoortichi naannolee biyyattiif bulchinsoota magaalotaa kanneen baadiyaadhaan daangeffamanitti qotee bulaafi horsiisee bulaa bal’inaan hirmaachisuudhaan yeroo yerootti gaggeeffamuurratti kan argamuudha.

Ispoortiiwwan aadaa kanneen akka gombisa fardaa, wal’aansoo, qillee, korboo, saddeeqa abbaa boolla 18fi 12, bubii, shaa, urubeefi kkf akka hin dagatamneefi ummatni akka irratti hirmaatuuf waggaa waggaadhaan shaapiyoonaan ispoortii aadaa kun Itoophiyaatti qopheeffama.

Dorgommiin ispoortii aadaa waggaa waggaatti gaggeeffamu kun dargaggoota qonnaan bultootaafi horsiisee bulaa biyyattii wal barsiisuun alatti cimina ispoortii aadaaf bu’aa olaanaa qabaata.

Kana malees walmorkiiwwan ispoortii aadaa gara fuula duraatti sadarkaa biyyaaleessaatti adeemsifamaniif ga’umsaan hirmaachuuf kan kakaasuudha.

Shaampiyoonaan ispoortii aadaa Itoophiyaa kan waggaa waggaadhaan adeemsifamu kun baranas Guraandhala 16 bara 2011 yeroo 16faf Oromiyaa, magaalaa Ambootti adeemsifama jedhamee eegama.

Shaampiyoonaa kanarratti bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee naannoleen biyyattii marti akakuuwwan ispoortii adda addaatiin korniyaawwan lameeniinuu ni hirmaatu.

Qophii shaampiyoonaa kanaaf naannoleefi bulchiinsonni magaalotaa, gandaa kaasanii shaakala addaddaa gaggeessaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees qophii kanaaf kan isaa gargaaru shaampiyoonaa ispoortii aadaa Mudde 20 bara 2011 Akkaadaamii Ispoortii Dargaggootaatti kan jalqabe yoo ta’u, Dilbata iftaanii ni xumura jedhamee eegama.

Pirezedaantii ittaanaan Federeeshinii Ispoortii Aadaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Masfin Kabbadaa ibsa Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, walmorkiin ispoortii aadaa magaalattii yeroo 9faf kutaalee magaalattii kurnan jidduutti gageeffama.

Ayyaana Qillee sababeeffachuudhaan shaampiyoonaan kun kan adeemsifamu yoo ta’u, sadarkaa biyyaatti yeroo 16faf shaampiyoonaa ispoortii aadaa guutuu biyyattiirratti taphattoota ciccimoo filuun kan akeeke ta’uus ibsaniiru.

Shaapiyoonaan kun adeemsifamaa kan jiru akaakuuwwan ispoortii 10n yoo ta’u, gombisa fardaafi qilleerraa kan hafe dubartoonni ispoortiiwwan hundaanuu akka hirmaatan addeessaniiru.

Biyya teenyatti ispoortiin aadaa hangafaa ispoortiiwwan hundaafi bu’uura ispoortiiwwan ammayyaati kan jedhan Obbo Masfin, mootummaas ta’e ummata keenya biratti xiyyeeffannaan itti kennamuu dhabuurraa kan ka’e quucaraa jira jedhaniiru.

Qotee bulaafi horsisee bulaan biyya keenyaa harki 95 ispoortii kana dhiheenyatti beekus haala ammayyaatiin gareedhaan gurmaa’anii akka hirmaataniif hojjetamuu akka qabus himanniiru.

Federeeshinoonni ispoortii aadaa naannolees ta’an Komishiniin Ispoortii Federaalaa ilaalcha gadi bu’aa damichaaf qabaniin ispoortichi biyya keessaa alatti bahee akka hinmul’anne ta’eeraa jedhan.

Guddinniifi babal’inni ispoortichaa yoo barbaadame bakka ijoolleen baayi’inaan itti argaman manneen barnootaa keessatti bu’uura isaa buusuun barbaachisaa ta’uu Obbo Masfin, kun ta’uu baannaan guddinni damee ispoortii kun suuta harkifataa baduunsaa hin oolu.

Ispoortiin kun manneen barnootaa keessatti yoo babal’ate walitti dhufeenya dargaggootaaf murteessaadha kan jedhan Obbo Masfin, qaamoleen dhimmichi ilaallatu keessumattuu Ministeerri Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa, Komishiniin Ispoortii Federaalaafi naannolee xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Ispoortii Aadaa: Waltajjii dargaggoonni aadaasaanii itti calaqqisiisan”

  1. Pingback: blote borsten
  2. Pingback: pgslot168

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *