Haadholee nageenyaa dirree ispoortii imimmaaniin tasgabbeessan

Ispoortiin fayyaaf, jaalalaaf, tokkummaafi guddinaaf faayidaa olaanaa qaba. Akkasumas ispoortiin waltajjii aadaa keenya boonsaa itti waljijjiirruufi walitti dhufeenya ummatoota biyya keenyaas ta’e biyyoota addunyaa cimsuuf shoora guddaa kan qabuudha.

Itoophiyaan dirreewwan ispoortii atileetiksii, keessumattuu olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyoolessaarratti maqaa guddaafi iddoo olaanaa qabattee jirti.

Beekamtii olaanaa kana kan argatte ammoo ijoolleenshee waltajjiiwwan irratti hiriiran kanneenirratti jaalala dhugaatiin tokko ta’uudhaan walgargaaraa atileetota biyyoota biroo osoo of jidduu hingalchiin tartiibaan mo’achuudhaan meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaa waan gonfachiisaniifi.

Itoophiyaan dirreewwan ispoortii atileetiksiitiin addunyaarratti haa beekamtu malee ispoortii kubbaa miilaatiin sadarkaanshee daran gadaanaadha.

Bakka ispoortiin kubbaa miilaa kun dadhabaa ta’uudhaan maqaan biyyattii hin dhahamnetti yeroo yeroodhaan daawwattootni ispoortichaa walqooduudhaan dirree waraana nageenyaa gochuurra bakka waraanaa dhugaa ta’uu eddii jalqabee oolee buleera.

Keessumattuu wayita shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii, shaampiyoonaa liigii biyyaalessaafi shaampiyoonaawwan kilaboota Itoophiyaa naannolee adda addaatti gaggeeffamu qaamoleen ergama biroo qaban dirree nageenyaa kana booressuudhaan daawwattootni nagaan bahanii nagaan akka hingalle okkora uumuu erga eegalanii bubbulaniiru.

Kanarraa kan ka’e dirreen ispoortii tasgabaa’urra sodaachisaa ta’uusaatti yaaddoo keessa kan gale mootummaan karaawwan adda addaatiin dargaggoota tasgabbeessuuf sochii olaanaa gochaa jira.

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kilaboota hangafoota lameen, Qiddus Giyoorgisiifi Buna Itoophiyaa jidduutti Dilbata darbe wayita gaggeeffamu haadholee nageenyaa uffata aadaa uffachuudhaan istaadiyooma galanii nageenyi akka hinboorofne daawwattoota kubbaa miilaa kadhataniiru.

Haadholeen nageenyaa kunneen jilbifatanii wayita nageenya dirree kubbaa miilaa akka hinboorofne imimmaan isaanii harcaasuudhaan gaafatan, daawwattootnis isaan waliin imimmaan isaanii dhangalaasuudhaan gochoota nageenya dirree ispoortii booressan balaaleffataniiru.

”Bakka booressaan jirutti eenyutu qulqulluu dhuga” akkuma jedhamu warreen ergama biroo qabatanii dirree kubbaa miilaa booressuuf qophaa’aa turan qaana’uu danda’aniiru. Walmorkiin kubbaa miilaa garuu nagaan jalqabamee nagaan akka xumuramu ta’eera.

Ministira Ministeera Nagaa Aadde Mufriyaat Kaamiliin kan dursame imalli haadholee nageenyaa milkaa’usaanitti gammachuudhaan deebi’aniiru.

Gareen kun gara fuula duraattis naannolee addaaddaatti imaluudhaan dirreewwan ispoortii dirree nageenyaa akka ta’aniifi daawattootnis ta’e jaallattootni ispoortii gammachuun bahanii akka galaniif ciminaan kan hojjetan ta’uu hubatameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

One Comment to “Haadholee nageenyaa dirree ispoortii imimmaaniin tasgabbeessan”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *