Garaan haadhaa burreedha takkaan haxxee takkaan ammoo gowwaa dahuunsaa hinoolu. Kaan hattuu kaan galtuu kaan ammoo utubaa biyyaaf abdii maatii ta’ee argamuun uumama dhala namaati. “Haxxee abbaatu jabeeffata gowwaa firatu gorfata” jedhe Abbaan Raajii gonfoo haxxummaaf kabajaa mataarraa baasee ilmoorra kaahuuf jennaan ilmoon diddee olii gadi fiignaan.
Gonfoon mataasaarra jiru kun barootaaf aduu hamaa irraa ittisuurra darbee iccitii molachuu mataasaa dhoksaafii tureera. Mataansaa kan molateef dhamaateetu itti hammaate, hacuuccaa sirnoonni gara garaa irratti gaggeessaa turetu rifeensa irraa dheedee fixe.
Hacuuccaa sirnoota darbaniirraa kan ka’e dhaloota meeqatu umrii ijoollummaan dulloome, osoo hindhalchiin maseene, osoo nyaatee hinquufiin beelaan darbe. Kaan mana hidhaatti kaan jiraatti dararamaa bara lakkoofsiseera. Oromoof takkaa darbuu dhabuunsaa isaan gaddisiisnaan Abbaan Raajii mankaraaranii boohu.
Ilmisaanii boru biyyaaf abdii ta’a jedhamee akeekames “singonfa” jennaan kan dagatu isatti fakkaatee diida diida foolata. Akka horii madaqoos fagoo fagoo isa yaachisa. Biyyi ormaa hamtuudha yoo itti seenanis haamtuudha nama kutti, nama murti.
Alagaan gonfoo kabajaa kana ofirra kaa’uuf kufee ka’a, shira meeqa xaxa, bishaan makaa hinqabne afaaniin mi’eessa, maal yaadaniiti laata? maal gochuufi laata? eessa gahuuf laata? jedhee Oromoon yaade, madaale waan jiru hinfakkaatu.
Raajiin homaa mul’ata muudamaa of keessa bulchee hinbeeku. Kan ormi itti maraatu kun isaaf tapha fakkaata har’a miti boru boossa jedha ture Abbaansaa. Qabsoo ilmaan Oromoo jaarraa hedduuf taasisaa ture bilchinaafi xiyyeeffannoo dhabuusaatiin Oromoo gara jijjiiramaatti oofee hinbeeku.
Kaan jaalala biyyaaf aarsaafi wareegama qaalii kaffaluun dhaloota baraaruuf kutannoon hojjeta. Kaanimmoo waaroo salphinaa Oromootti haguuguun laaqii dhiqatee keessaa hinbaanetti hambisuuf humnasaa guutuun dhama’aa jira.
Qabsoon wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu dargaggootaan taasifamuusaan booda siyaasni Oromoofi saboota biraa yeroof tasgabbii argatee tureera. Kan dhibamee biyyaa bahes, kan jibbamee ari’ames qabsoo warraqsa qeerroowwaniin gara biyyatti akka deebi’u ta’eera.
Warreen biyyatti deebi’aniifis simannaan ho’aa sadarkaa biyyaa hanga gandaatti taasifamaa tureera. Qabsa’aan walqixxummaa seeraatiif aarsaa kaffalaa ture wayita biyyatti deebi’u karaa seera qabeessaan caalee argamee dheebuu lammiileesaa barootaaf waxalaa ture qabatamaan mirkaneessee akka argamuuf akeekameeti.
Qabsoon qeerroowwanii kun saba Oromoofi saboota birootiif riqicha ce’umsaa ta’uun biyya hambaarraa yoo isaan deebisu kaayyoo ka’aniif kana biyya keessa seenuun olaantummaa seeraa kabajuun akka qabsaa’aniif bu’uura buuseera.
Paartiileen hedduus ergamsaanii olaantummaa seera jala taa’anii milkeeffachuuf warraaqsarra kan jiran ta’us paartiin maqaa Oromoon socho’u garuu, ammallee kan dammaqe fakkaatee hinmul’atu. Dammaquu dhabuun paartii kanaammoo bu’aa qabsoo qaalii qeerroowwaniin argame kanatti bishaan naquu ta’ee argamaa jira.
Paartiin maqaa Oromoon socho’u kamiyyuu ofiif osoo hintaane ummata Oromoo bal’aaf akka dhaabate beekuun irra jiraata. Injifannoon olaantummaa siyaasaa har’a hundumaa dirree siyaasaa tokko keessa qubachiise kun dhiigaafi aarsaa lubbuu dargaggoota jaalala biyyaa qabaniin kan haguugameedha.
Warraaqsi yeroo ammaa taasifamuu qabus siyaasa amansiisaa diriirsanii caalanii argamuun faayidaa ummata ofii qabatamaan mirkaneessuudha malee har’as akkuma kaleessaa meeshaa waraanaa baatanii qabsoon waraanaa taasifamu jira jedhanii yaaduun dogoggora.
Warraqsa kanaan dura taasifameen haadholii baay’eetu dhume, jaarsa biyyaatu wareegame, dargaggoota abdii boruutu itti dhiiga dhangalaase. Kanaafuu bu’aa qabsoo cimaa kanaan argame kunuunfachuun barbaachisaadha. Oromiyaan dirree waraanaa taatee lubbuu ilmaanshee gibira gootee kaffalaa jiraachuun ga’uu qaba.
Mootummaan biyya bulchus ta’e paartiin Oromoo bakka bu’ee socho’u kamuu olaantummaa seeraa jalatti siyaasa ifaafi hawaasa bal’aa hirmaachise diriirsuun yaada caalmaan injifachuuf of qopheessuu mala.
Hawaasni daldalee, qotee, dafqee ilmaansaa guddifachuuf kufee ka’utti karaa cufuun, deega labsuun dhaabachuu kan qabu yoo ta’u, wareegama qaalii ilmaan Oromoo kanarra tarkaanfatanii bu’aa qabsoo kana maseensuun seenaa jijjiirama siyaasa Oromoo galmaa’aa jirutti daaraa firfirsuu waan ta’eef seenaa gadheetti hafuurraa of qusachuun barbaachisaadha.
Biiftuun bilisummaa har’a baate kun qilleensa mijataafi hawaasa hunda walqixxeessu akka qilleensa’u bu’uura kan buuste ta’us, “singonfa” wayita jedhaman “dhaqeen mari’adha” jechuun haa ga’u.
“Eegeefi gaabbiin booda dhufti” akkuma jedhamu carraa kana ilmaan Oromoo harkaa yoo baasne seenaatu nu abaaraa hafa. Carraa kanatti haalaan yoo fayyadamne seenaan Oromoo jaarraa hedduuf waaroo salphinaatiin haguugamee ture qalama warqiitiin galmee seenaa addunyaarratti akka galmaahu kan godhuudha.
Waasihun Takileetiin
6 Comments to “Beekaan “Singonfa” jennaan, galeen mari’adha jedhe gowwaan”