Oromiyaatti namoonni malaammaltummaan shakkaman 75 to’ataman

Finfinnee: Oromiyaatti namoonni sassaabdummaa kiraan shakkaman 75 to’annoo seeraa jala ooluu Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa beeksise.

Komiishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Abbabaa Kabbadaan ibsa Kibxata darbe miidiyaaf kennaniin akka beeksisanitti, qorannoo komishinichi damee isaa sagal irratti gaggeessaa tureen namoonni yakka malaammaltummaan shakkaman 75 ta’an to’annoo seeraa jala oolfamaniiru. Shakkamtoonni kunneenis;

1. Waldaa Liqiifi Qusannaa Oromiyaa duraanii keessaa; Obbo Tashoomaa Laggasaa, daareektara olaanaa, Obbo Tashoomaa Kabbadaa, koree maanaajimantii olaanaa, Aadde Maskaram Dabbabaa, koree maanaajimantii olaanaa

2. Ejensii Bittaafi Dhabamsiisa Meeshaalee Mootummaa duraanii keessaa; Daareektara olaanaafi koree maanaajimantii kan turaniifi yeroo ammaa hogganaa olaanaa naannoo kan ta’an; Obbo Mohaammad Qaasim, Obbo Indaalkaachoo Balaachoo, Obbo Yilmaa Dheereessaa,

3. Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa duraaniitti daareektara olaanaafi ammammoo daareektara olaanaa Intarpiraayizii Ijaarsa Bishaan Oromiyaa kan ta’an Obbo Abdoo Galatoo,

4. Biiroo Misooma Magaalaafi Manneen Oromiyaa duraaniirraa; hogganaa itti aanaa kan turan, yeroo ammaa Gaggeessaa Hojii Paarkii Indaastirii Boolee Lammii kan ta’an Obbo Mangistuu Raggaasaa,

5. Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa duraaniitti gaggeessaa hojii kan turaniifi amma Kantiibaa Magaalaa Galaan kan ta’an Obbo Bahaaruu Takilee,

6. Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneerraa; Kantiibaa duraanii Obbo Fayyisaa Raggaasaa, kantiibaa ittaanaa kan turan Obbo Abdoo Gabayyoo, gaggeessaa hojii kan turan obbo Gammadaa Badhaasoo,

7. Godina Jimmaatti; Bulchaa Aanaa Maanchoo kan turan Obbo Faantaa Baqqalaafi shakkamtoonni 75 to’annaa seera jala ooluu isaanii komiishinarichi ibsaniiru.

Namoonni shakkamanii to’annaa seeraa jala oolfaman kanneenis qarshii miiliyoona 71 qisaasaniiru jedhameera. Akka komiishinar Abbabaan jedhanitti, komiishiniin isaanii baatii shan keessatti namoota 143 irratti murtii adabbii hidhaa waggaa sadii amma 21 itti murteessiseera. Namoonni kanneenis qarshii miiliyoona dhibba lamaafi miiliyoona 50 qisaasuusaanii Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa odeeffanne.

Recommended For You

One Comment to “Oromiyaatti namoonni malaammaltummaan shakkaman 75 to’ataman”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *