Waldaan Qonnaan Bultoota Luumee Adaamaa bara 1989 Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Moojootti miseensota nama afuriin yoo hundaa’u kaappitaala qarshii kuma 150 ka’umsa godhachuunidha.
Kaayyoon ijaaramuu waldichaa fayyadamummaa qonnaan bultootni gama maraan argachuu malan qabatamaan mirkaneessuu yoo ta’u, keessumattuu teknooloojii qonna ammayyaa babal’isuun omishaaf omishtummaa dabaluuf kan aggaamedha.
Hundaa’uun waldichaa qonnaan bulaatti abdii jijjiiramaa horuun alatti rakkoo hojidhabdummaafi eeggattummaa dargaggootarra ture cabsuu keessattis shoora olaanaa kan taphatedha.
Waldichi dhiyeessiiwwan qonnaa garagaraa kan akka sanyii filatamaa, qoricha farra aramaa, kombaayinarii, mana kuusaafi kkftiin deggarsa barbaachisaa taasisaa aantummaa qonnaan bulaaf qabu qabatamaaan agarsiisaa jira.
Gaggeessaan Hojii Waldaa Qonnaan Bultoota Luumee Adaamaa Obbo Taaddalaa Abdii gaaf deebii gaazeexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, fayyadamummaa qonnaan bultoonni gama maraan argachuu malan akka mirkanaa’uuf hojii hojjetameen bu’aan quubsaa galmaa’aa jira.
Yeroo ammaattis waldichi misooma qonna ammayyaa babal’isuun, loon furdisuu, warshaa daakuu banachuun, maashinii daabboo tolchu dhaabuun akkasumas, dhiyeessiilee misooma qonnaaf ijoo ta’an qonnaan bulaan gahuun aantummaasaa qabatamaan agarsiisaa jira jedhu.
Qonnaan bultoonni bittaa sanyii filatamaaf akka hinrakkanneef dhiyeessii sanyii tola kennaa akka ture gaggeessaan hojii kun yoo himan, erga omishnisaanii galee sanyii liqaan fudhatan akka bakka buusan taasifamaa jiraachuu himu.
Sanyii filatamaa qorannoo ogeessaan deggarame yeroorraa yerootti qonnaan bulaan gahamaa jira kan jedhan Obbo Taaddalaan bu’aan qonnaan bultootaas dabalaa akka jirudha kan dubbatan.
Rakkoo walitti hidhaminsa gabaafi ilbiisotaan oomishni callaa’e akka hinhubamneefis mana kuusaa ammayyaa waldichi ijaare qonnaan bultoota miseensa ta’an maraaf tajaajila kuusaa kennaa jira kan jedhan Obbo Taaddalaan, qisaasa’uu midhaanii baraaramaa akkasumas, gabaa tasgabbeessuun gatii gaariin akka gurgurtaniifis haalli mijataa akka uumamu ta’uusaa ibsu.
Nannawaan Shawaa Bahaa oomisha qamadiin daran beekamaa ta’uu eeranii, qamadii oomishame kana achumatti daaksisuun dhiyeessii daabboon hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraachuu dubbatu.
Hundaa’uun waldaa kanaa rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootarra ture cabsuurra darbee gatii madaalawaan daakuu qamadii, daabboofi liqaa maallaqa gaggeessituu hojii waldicharraa akka argatan isaan gargaaruusaa addeessu gaggeessaan hojichaa.
Waldaan kun waggoota dheeraaf dameelee misoomaa garagaraarratti bobba’uun tajaajila garagaraa kennaa kan ture yoo ta’u, har’as abdii qonnaan bultoonni ija irra boqochiifatan ta’aa jiraachuusaa himu.
Qonnaan bultoonni yaaddoo malee dhiyeessiiwwan kan akka sanyii filaatamaa, farra aramaa, guddistuu callaa, maashinii midhaan haamuufi mana kuusaa argachaa kan jiran waan ta’eef omishaafi omishtummaasaa daran dabaluuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu addeessu.
Akka Obbo Taaddalaan jedhanitti, waldichi lafa hektaara 385 irratti hojii sanyii baayyisuu hojjetaa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bultootaanis ga’aa jira. Rakkoon qulqullina oomishaa akka hinmudanneefis qopheessa lafa qonnaarraa hanga sassaabbii omishaatti laabiraatooriin yuunivarsiitii Amboo hordoffii barbaachisu kan taasisu waan ta’eef daran jajjabeessaadha.
Maashiniin midhaan sassaabame qulleessu kan jiru yoo ta’u, guyyaatti kuntaala 780 qulleessuun rakkoo qulqullinaa mudachuu danda’u gamanumaa hir’isuuf xiyyeeffannoon hojiitti senameera jedhu.
Yeroo ammaattis waldichi sanyiiwwan midhaanii afur shunburaa, xaafii, boloqqeefi qamadii baay’isuun qonnaan bulaan gahaa jiraachuu eeranii, bara bajataa 2011 kana keessas gosoota midhaanii arfan kanarraa sanyii haadhoo kuntaala kuma 11 argachuuf aggaamamee hojjetamaa jira.
Karoorri qabame kun haalaan akka milkaa’uufis hordoffiifi deeggarsi barbaachisaa kennamaa turuu kan himan Obbo Taaddalaan, jijjiiramni gama kanaan qonnaan bulaafi omisharraa argamaa jiru abdii kan namatti horu ta’uu himu.
Hojii midhaan qulleessuu, daaksisuu, daabboo tolchuu, mana kuusaa to’achuufi qulqullinasaa eegsisuurratti carraan hojii namoota 80 oliif dhaabbiin kennamuusaa addeessu.
Kana malees, hojii yeroon namootni hojidhabeeyyii fayyadamoo akka ta’aniif loon horsiisuurratti bobbaasnee jirra kan jedhan Obbo Taaddalaan waldichi lafee dugdaa qonnaan bulaafi jiraattota naannawichaa ta’ee tajaajilaa jira jedhu.
Aadde Asnaaquu Jiruu mana baaburaa qamadii daaku keessatti hojjettuu deggarsaa yoo ta’an, kanaan dura hojii itti boqatan dhabanii rakkataa akka turan dubbatu. Har’a garuu, sochii waldichi taasiseen jiruufi jireenyi isaaniifi maatiisaanii fooyya’aa jiraachuu himu.
Kana malees, dargaggoonni hedduu kanaan dura bakka oolmaa dhabanii miira hirkattummaa jala turan hojii loon furdisuutti bobba’anii of gargaaraa kan jiran yoo ta’u, waldaan kun miirri ofitti amanamummaa dargaggootni qabaatan akka cimu shoora olaanaa taphachaa kan jiraachuufi bu’a qabeessummaa waldaan ijaaramanii hojjechuu kan calaqqisiisu ta’uu himu.
Walumaagalatti Waldaan Qonnaan Bultoota Luumee Adaamaa sochii hawaas-dinagdee lammiilee fooyyessuun ce’umsa qonnarraa gara indastiriitti taasifamu kan saffisiisaa jiru waan ta’eef bal’inaan irratti hojjetamuu qaba.
4 Comments to “Waldaa Qonnaan Bultoota Luumee Adaamaa abdii uummata bal’aa”