Akka Dhaabatni Gumurukii Addunyaa ibsutti, kotirobaandii jechuun adeemsa seeraan alaatiin omishuu, bakkaa bakkatti geessuu, fudhachuu, abbaa itti ta’uu, raabsuu, bituufi gurguruu akkasumas haala mijeessuu jechuudha.
Labsiin Gumurukii Itoophiyaa 859/2006 akka ibsutti, seerotaafi qajeelfamoota bahan cabsuun meeshaalee karaa seeraan alaa gara biyyaatti galchuu, kuusuu, daddabarsuu akkasumas karaa seeraan alaa gara biyya alaatti erguuf haala mijeessuudha.
Kontirobaandiin meeshaalee fayyaa ummataa miidhan, nageenyaafi tasgabbii biyyaa booressan seeraan ala biyya keessaa baasuufi galchuun yakka raawwatamuudha akka ragaan Feesbuukii Ministeera Galiirraa arganne ibsutti.
Omishaaleen qonnaa, albuudonni, nyaatawwaniifi qorichoota adda addaa akkasumas meeshaaleen waraanaa, elektironiksii, sibiilaa, boba’aa, kosmotiksii, qarshiifi uffatni meeshaalee kontirobaandii isaan ijoodha. Kontirobaandiin yeroo gara yerootti babal’achaa dhufuunsaa nageenya, galii, misooma, guddina dinagdee, invasimantii biyyaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira.
Galii biyyattiin sharafa alaarraa argattus akka hir’atuuf sababa ta’eera. Lammiilee gidduuttis adda addummaa galii guddaan akka uumamu taasisaa jira. Kana malees qaala’inni gatii akka mudatu taasisuun keessumaa kutaalee hawaasaa galii gadaanaa qaban daran miidhaa jira.
Kontirobaandiin yeroo ammaa rakkoo hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa biyyattii ta’uurra darbee madda rakkoo nageenyaa ta’eera. Akka Labsiin Gumurukii 859/2006 ibsutti, namni kamuu utuu beekuus ta’e hinbeekin seerota, qajeelfamootaafi danbiiwwan gumruk yoo cabsuun meeshaalee karaa seeraan alaa gara biyyaatti yoo galche ykn gara biyya alaatti yoo erge hidhaa cimaa waggaa shanii hanga kudhaniitti akkasumas qarshii kuma 50 hanga kuma 10n adabama.
Namni meeshaalee seeraan ala gara biyyaatti galan kuuse, gurgurtaaf dhiyeresseefi bite hidhaa waggaa sadii hanga shaniifi qarshii kuma 50 hanga kuma 50tiin adabama. Yakki kungareedhaan ykn humna fayyadamuudhaan raawwate yoo ta’e ammoo hanga waggaa 15tti adabsiisa akka ragaan feesbuukii ministeerichaa ibsutti.
Kontirobaandiin galii biyyattiin sharafa alaa irraa argattu daran hir’isa. Akkasumas sirna daldalaa jeequun daldaltoota seeaa dorgommiidhaan ala taasisa. Galii ashuuraafi taaksii biyyattiin meeshaalee biyya alaatti ergamaniifi galan irraa argattu ni dhabsiisa. Qoodiinsi qabeenyaa haqa qabeessi akka hinjiraanne taasisa. Meeshaaleen waraanaa akkasumas qorichoonniifi nyaatawwan qulqullinni isaanii hinmirkanoofne gara biyyaatti akka galan taasisuudhaan nageenya ummataa balaarra buusaa jira.
Kontirobaandii yakka namoota dhuunfaa muraasa fayyadamoo taasisuufi ummata bal’aafi guddina dinagdee biyyaa ammoo daran miidhaa jiruudha. Ministeerichi yakka kana ittisuufi to’achuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin tarkaanfiilee adda addaa fudhachaa jira.
Kontirobaandii ittisuufi to’achuu irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu qindoominaan hojjechuu dhabuun, kellaawwan gumuruk cimsuu dhabuun, ilaachi hawaasni kontirobaandii irratti qabu laafaa ta’uun sababoota guguddoo kanaan dura yakkichi akka babal’atu taasisaa turaniidha.
Ministeerichi yeroo ammaa jijjiirama biyyattiitti mul’achaa jiru itti fufsiisuuf kontirobaandistootarratti tarkaanfiiwwan ciccimoo fudhachuun sirni daladalaa haqa qabeessi akka jiraatu taasisuuf hojjetaa jira. Rakkoo gama kanaan jiru furuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru duubatti hindeebi’u. Hawaasnis sochii yakka kontirobaandii to’achuufi ittisuurratti taasifamaa jiru akka deggeruuf ministeerichi waamicha dhiyeesseera.
Akka Gumrukiin damee Jigjigaa ibsutti, Sadaasa darbe qofa meeshaaleen kontirobaandii qarshii miliyoona 24fi kuma 315fi 069tti tilmaamaman qabamaniiru. Torbanuma kana qarshiin maddi isaa hinbeekamne kuntaala 16 (miliyoona 80) seeraan ala Dirre Dawaarraa gara Finfinnee deemaa osoo jiru Harargee Lixaa Aaanaa Mi’eessoo, Magaalaa Asabootitti kan qabame ta’uu Kominikeeshiniin aanichaa beeksiseera.
Itoophiyaan waggoota 27 darbanitti doolaara biiliyoona 36 (qarshii tiriiliyeenii tokkoofi miliyoona 80tti) tilmaamamu kan dhabe ta’uu Raadiyoon Shaggar torban kana gabaaseera.
Kontirobaandiin guddina dinagdee biyyattii laamshessuurra darbee rakkoo nageenyaa ta’aa waan jiruuf hojiin keellaawwan cimsuufi neetwoorkii hattootaa ciruu qaamolee mara hirmaachisuun kan itti fufuu qaba.
Sochii Ministeerri Galii qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin kontirobaandii ittisuufi to’achuurratti taasisaa jiruun bu’aa gaariin galmaa’aa jira. Kanaafis meeshaaleefi qarshiin guyyaa guyyaan karaa seeraan alaa utuu gara biyya alaatti ergamaniifi gara biyyaatti galanii qabaman ragaa ta’u.
Walumaagalatti, kontirobaandiin farra guddina, misoomaafi nageenya biyyattii waan ta’eef tarkaanfiin yakka kana ittisuufi to’achuu irratti fudhatamaa jiru cimee itti fufuu qaba. Knaafuu hawaasni sochii Ministeerri Galii, Ministeerri Daldalaa, Poolisii Federaalaa yakkicha ittisuufi to’achuuf taasisaa jiran deggeruun faayidaasaas ta’e guddina biyyaa mirkaneessuu keessatti gumaacha isarraa eegamu bahachuutu irraa eegama. Tarkaanfiin kontirobaandistootarratti fudhatamaa jirus cimee itti fufuu qaba.
Bariisaa Mudde 5/2011
Natsaannat Taaddasaatiin
3 Comments to “Hojiin kontirobaandii ittisuuf raawwatamaa jiru cimee ittifufuu qaba”