Oromoon harree gurguruuf yoo gabaa baasu mormasheetti kalaala mara. Kalaalli hidda jiidhaa baala qabu yoo ta’u, mallattoo harreen gurguramtu kan hin gurguramnerraa itti adda baatuudha. Oromoon hattuu hinqabu; kan safuu aadaa cabsee hate ammoo kaateenaa harkatti kaahuun gabaa keessa naannessee “Kan anarra gahe isinirra hingahiin” akka jedhan dirqisiisa. Kanaanis hanni sirrii akka hintaane hawaasni akka hubatu gochaa tureera.
Qe’ee warra guddaa muyiin hindhibdu akkuma jedhamu namootni dhuunfaa quuqama lammii hinqabneefi eenyummaasaanii horiin gurguranii alagaatti firoomu. Sabbata haadha hiyyeessaa hiikanii ofii nyaachaa lammiileen ammoo akka cunqurfaman gochaa turaniiru; hedduunis qe’eefi qabeenyaasaaniirraa akka buqqa’an taasisaa turan.
Cunqursaa ture kana hundeedhaa buqqisuuf warraaqsi siyaasaa qeerroon Oromiyaa keessatti ‘A’ jedhee jalqabe daangaa hanga daangaatti dhohuun kufaatii sirna saamtotaafi hattootaa akka saffisuuf sababa ta’e. Warraaqsi siyaasaa hadhaahaafi wareegama qaalii gaafatu kun haala itti fufiinsa qabuun kan finiinfame yoo ta’u, biiftuun haara galfii sabootaafi sablammootaaf akka baatuuf bu’uura buuseera.
Qabsoo Qeerroon taasisaa ture waliin Faannoofi Zarmaan jalaa qabuusaaniin hattuutti lafti dukkanaa’uu danda’eera. “Qunceen waliin taate Arba hiiti” jedhama mitiiree? Irreen warraaqsa Qeerroo, Faannoofi Zarmaa hattootarratti diriire humna meeshaa waraanaa ol hammaataa ta’ee argamuusaarraa kan ka’e hoggantoota mootummaa dirree siyaasaa sobaafi gola hannaa keessaa isaan baasuu danda’eera.
Humni gabronfataa hoggansa mootummaarra taa’uun tarkaanfii gara jabummaa fudhachaa kan ture yoo ta’u, kunis sirnichi yoo diigame ittigaafatamummaa seeraa jalaa bahuu akka hindandeenye gamanumaan waan beekaniif ture.
Qeerroowwan abdii biyyaa ta’an hedduun mana hidhaa keessatti qaamaan hir’atan, gariin lubbuudhaan wareegaman, kaawwan ammoo achi buuteensaanii dhibame, akkasumas biyyaa bahuun irbaata galaanaafi allaattii ta’anis lakkoofsa hinqabu.
Dacheen afaan banattee hindubbattu malee dhala namaa achi buuteensaa dhabameefi kan garaashiitti nyaatte osoo ragaa baati ta’eetii raajiitu dhagahama ture. Laftis waraabessa taatee nama meeqa nyaattee mootummaa abbaa irree meeshaa waraanaan biyya bulchutti michoomuun dargaggoo kumaatama liqimsite.
Boolli qadaada hinqabu jette boossuun boolli nama nyaachuu mi’eeffatte har’as hinqadaadamiin jirti. Boohichiifi watwaannaan lammiilee har’as kan qabbanaa’e fakkaatee sagalee dhokfachuun dhangala’uu dhiiga lammiilee hammeessaa jira.
Haaduun kaleessa dargagoota qaluuf qarame kan qara lamaa ta’uu hindidu. Dhaabachuu kan didefillee kanumaaf ta’innaa? Hattuun kaleessa qabeenyaafi lubbuu lammiilee lafarraa fixaa turte qabamuu jalqabnaan rakkoon nageenyaa ittumaayyuu babal’achaa jira. Qeerroon shira hattootaa kanaan burjaaja’uu dhiisee dammaqinaan injifannoo gonfate akka qaroo ijasaatti eeggachuu qaba.
Hattoonni waggoota digadamii torbaaf wayita saamaa, ajjeesaafi ukkaamsaa turan deggartoota isaaniin jajjabeeffamuun alatti mormiin tokkollee isaan mudatee hinbeeku. Kunimmoo warra hataniifi ilmaansaaniif cubbuu osoo hintaane qabeenya akka horachuutti kan lakkaa’amu ta’uusaati.
Hattuun kaleessa biyya saamaa turte akkuma hantuutaa boolla sagal har’a ifatti mul’isaa jirti. Boolla lixaa barte sana dhabuusheerraa kan ka’e sabummaa dahoo godhachuun ittigaafatamummaa seeraa jalaa bahuuf tooftaawwan addaddaa fayyadamtee wixxirfachuurratti argamti.
Kanaanis kallattiilee garagaraatiin shira uumuun saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii walitti buusuuf duula walirraa hincitne taasisaa jiru. Galmisaaniis injifannoo Oromoon argate kana beekamtii dhowwachuun akeekasaanii fiixaan baafachuudha.
“Hantuutni walgeessee cidha adurree dhaqxee kan keenya fakkaataa akeekkachaa sirbaa” jette akkuma jedhamu, Oromoo waliin sirbu hundi injifannoo Oromoon galmeessisetti gammadee osoo hitaane injifannoo kana miliqsee harkaa baasuun dhunfachuuf kan warraaqus akka jiru hubachuun barbaachisaadha.
Namni gurrisaa bara hiyyoolee duude otuma hiyyoolee jedhuu hafa akkuma jedhan, namoonni ilaalcha balaafamaa qaban hedduun sirna bulchiinsa abbaa irree, Dargii ykn sirna hattootaa hundeensaa nyaatamee kufetti lubbuu horuuf yaalii dhumaafi walirraa hincinne taasisaa jiraachuu hubachuun dirqama.
Harka nama biraatiin abidda qabachuun salphaa ta’us gubaa abiddaa isa gubatetu beeka. Fira fakkaatee kan nama nyaachuuf deemu ofirraa qolachaa bu’aa injifannoo argameef waardiyyaa dhaabachuun dirqama. Hattuun tokko lama qabamteef biyyi bilisoomteetti waan hinjechisiisneef hattuu haadhoon qabamee boquu buusee akka deemuuf akkuma kaleessaa waldhagahaa deemuun barbaachisaadha.
Oromoon kaleessa dhiitamaa, hidhamaa, ari’atamaafi ajjeefamaa ture har’as harka lafa jalaatiin ittifufeera. Kunis kallattiin siyaasa biyyattii adeemsasaa kan geddarate fakkeesseera. Miidiyaalee garagaraatti fayyadamuun ergama badii qabatanii socho’aa kan jiran tokko tokkos egeree Oromoorratti qormaata biraa ta’aa jiru.
Haalota kanneen hedduunsaanii afaan damma dibatanii biyyaaf kan hoo’an fakkaachuun fooyya’insa heeraa gaafachaa jiru.
Bulchiinsa sirna federaalizimii sabummaafi taa’umsa lafaarratti hundaa’uun walqixxummaa sabootaafi sablammootaa mirkaneesse diiguuf yaalaa jiru. Qeerroon Oromoo marti dammaqinaan hayyootaaf gurra ergisuun mootummaa hirmaannaasaatiin aangoo qabateef tumsuu qabu.
Sabootniifi sablammootni dur hacuuccaa jala turan mirga eenyummaafi namummaasaanii dhabuun biyyasaanii keessatti akka lammii lammaffaatti lakkaawamaa turan har’a kan gahaniifi qabeenya isaaniirrattillee mirga ajajuu mulqamaa turan.
Biiftuun dimokraasii har’a hunda walqixxeessite kun deebitee yoo seente cunqursaa kaleessaafi dheengaddaatu deebi’a. Dhalootatu sirna gabroomfataaf jilbeeffata. Kanarraa kan fayyadamu ammoo hattootaafi saamtota, akkasumas qaamolee badii qofa. Kanaaf waldhaggeeffachaafi waltumsaa injifannoowwan argaman kunuunfachuun gahee lammiilee hundaati.
Walumaagalatti, kallattiin qabsoo ummata Oromoofi saboota biroo kanaan dura sirna cunqursaarraatti qabsaa’an marti isa kaleessaarraa adda ta’uu qaba. Mootummaa ofii hundeeffatan kana waliin dhaabachuufi hattoota seecca’uun seeratti dhiyeessaa deemuunis murteessaadha.
Hundarra ammoo ummatni Oromoo kallattii hundaan caalaatti tokkummaasaa cimsachuu malee falli biraa akka hinjirre hubachuu qaba. Injifannoo cululuqaan argame kunis miliqee akka isa harkaa hinbaanetti mootummaa waliin hojjechuun murteessaadha.
Bariisaa Mudde 5/2011
Waasihun Takileetiin
6 Comments to “Biiftuun dimokraasii ifte akka deebitee hinlixneef”