Araarri qaama miidheefi miidhame gidduutti nagaa buusa

Finfinnee: Caffeen Oromiyaa guyyaa saboota, sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa bor kabajamu sababeeffachuun kaleessa Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti hojjettoota waajjiraalee mootummaa naannichaa waliin marii paanaalii adeemsiseera. Maricharratti barreeffamni heddummina, waldanda’uu, araaraafi tokkummaa biyyaa cimsuufi haala nageenya naannoo Oromiyaa irratti xiyyeeffatu dhiyaatee irratti mari’tameera.
Barreeffamni mariif dhiyaate akka ibsutti, yeroo ammaa qaamoleen Oromiyaa keessatti walitti bu’iinsa uumuun sabaafi saba walitti buusuun uummatni sodaa nageenyaa keessa akka galuufi ummanni mootummaa irraa amantaa akka dhabuuf carraaqqii cimaa taasisaa jiru. Sababa walitti bu’iinsaafi rakkoo nageenyaa kanaan lammiileen heddu buqqa’aniiru, lubbuu isaaniis dhabaniiru.
Waldanda’uufi araarri rakkoo nageenyaa furuufi walitti bu’iinsa ittisuu keessatti gahee olaanaa qabu. Sirni Gadaas utubaa waldanda’uufi araaraati. Araarri qaama miidheefi miidhame walitti fiduun gidduu isaaniitti nageenyi akka bu’u taasisa. Jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaafi abbootiin amantiis araara buusuu keessatti gahee olaanaa qabu. Araarri summii jibbiinsaa balleessa. Rakkoo nageenyaa mudachaa jiruuf dursa kan gaafatamu mootummaa waan ta’eef sirnaafi seera kabachiisuu, araara buusuu, qaamolee waalitti bu’iinsa uuman adamsee seeratti dhiyeessuu, lammiilee sababa walitti bu’iinsaatiin buqqa’anis gargaaruufi gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an taasisuu qaba barreeffamichi.
Waldada’uun sirna dimokiraasii ijaaruu keessatti daran barbaachisaadha. Tattaaffiin hariiroo hawaasa jidduu jiru caalaatti cimsuuf taasifamaa ture garuu xiqqaadha. Duudhaa waldanda’uu irrattis qaawwi ni mul’ata. Walitti bu’iinsa booda dafanii araara buusuurrattis hanqinni ni mul’ata. Kan buqqa’es gargaarsa gahaa argachaa hinjiru. Rakoo walitti bu’iinsaa kana furuuf tokkummaa keenya cimsuu irratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhu hirmaatonni marichaa.
Walitti bu’iinsi utuu hinmudatin dursanii qoratanii ittisuufi erga mudatee booda ammoo dafee furmaata akka argatu gochuun barbaachisaa akka ta’es yaadachiisaniiru.

Gaazeexaa Bariisaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

9 Comments to “Araarri qaama miidheefi miidhame gidduutti nagaa buusa”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: cat888
  3. Pingback: dtr car detailing
  4. Pingback: โคมไฟ
  5. Pingback: pgslot
  6. Pingback: Douceur Beauty
  7. Pingback: Aviator
  8. Pingback: King Chance

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *