
Misooma qamadii bonaatiin bara kana lafa hektaara miliyoona afur ta’u, misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona 1.3 ta’u qotamee kan qophaa’e yemmuu ta’u, lafti hektaarri kuma 600 ta’u immoo faca’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa (BQO) ni mul’isa.
Misoomni qamadii bonaa godinaaleefi aanoota keessatti jiidhinsa amma jirutti gargaaramuun qophii lafaafi facaasaan haala gaarii ta’een gaggeeffamaa jiraachuufi ammas lafa omishni qonna gannaa irraa ka’ee misoomutti sassaabbii yeroon gaggeessuudhaan gara misooma bonaatti akka galamuuf sochiin taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuudha.
Waggoottan shanan darban gama seektara qonnaatiin seenaan haaraa kan itti galmaa’e yommuu ta’u, kanaanis biyyi waggoota dheeraadhaaf qamadii gargaarsa alaafi bittaa alaatiin maqaanshee beekamu Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif yeroo qamadii gara biyyoota alaatti erguu itti eegalteedha.
Qamadiin kanaan dura nyaata biyya keessaafuu hanqate akkamitti waggoottan gabaabaa kana keessatti dachaa hedduun dabalee hanga ala ergamuutti ga’ame? Gaaffii jedhuuf immoo deebiin, 1ffaa; lafti kanaan dura waggatti yeroo tokko qofaa rooba gannaatiin oomisha kennaa ture jallisii fayyadamuudhaan waggaatti yeroo lama akka omishamu taasifamuu, iddoowwan tanaan dura omishni qamadii itti hinbaramnetti bifa inisheetiiviitiin omishni qamadii karaa hammayyaatiin irratti babal’achuu jalqabuu, guddiftuu callaafi galteewwan qonnaatiif xiyyeeffannoon addaa kennamee yeroodhaan qonnaan bulaa harka akka gahan taasisuuniifi, lafa roobni itti baay’ate sanyii gahaa kennaa hinturre immoo nooraadhaan yaalamee omisha gaarii akka kennu taasisuun sababoota guguddoo daballi omishtummaa kanaatiif shoora olaanaa taphataniidha.
Milkii damee qonnaa waggoottan shanan darbanii keessatti mul’achaa turan keessaa inni lafa dulloome yookiin bishaan itti baay’atuusaatiin yookiin immoo yeroo hedduu sababa sanyiin gosa tokkoo irratti deddeebi’ee faca’uudhaan miidhamee biyyoonsaa gara asiidawaatti geeddarame nooraadhaan yaalanii deebi’ee omisha akka kennu taasisuu hojii haala addaatiin ilaallamu ta’uu Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Damee Qabeenya Uumamaa Obbo Eeliyaas Kadiir ni dubbatu.
Akka ibsasaaniitti, gadi fageenya rakkoo kanaa sirriitti hubachuun waggoottan shanan darbanitti warshaa nooraa omishu hundeessuu qofaa osoo hintaane, yeroo yerootti maashinootni dabalataa akka dhaabbataniifi haalli raabsaasaas akka fooyya’u taasisuudhaan warshaa Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Gudaritti argamu kanaan lafa Oromiyaa rakkoo asiidummaa qabu hundaaf raabsamaa jira.
Bara qonnaa darbetti lafa asiidummaa biyyootiin miidhame deebisanii misoomatti galchuuf hojii hojjatameen nooraa kuntaala kuma 300 ta’u omishuun qonnaan bultoota rakkoo akkasii qabaniif kan raabsame yoo ta’u, bara qonnaa eegalametti immoo Nooraa kuntaala kuma 800 ta’u omishuun qonnaan bultoota laftisaanii rakkoo asiidummaatiin miidhamaa jiraniif raabsuudhaaf karoorfamee jiraachuu himu.
Yeroo ammaa warshaan Nooraa omishu maashinoota jaha fayyadamuudhaan naannichatti lafa sababa dulloomuutiin asiidummaa biyyootiif saaxilame deebisanii bayyanachiisuuf sochii taasifamu tumsaa kan jiru yemmuu ta’u, maashinootni Warshaa Nooraa Gudar keessatti argaman kunniin akka biyyaattis kan muuxannoon irraa fudhataman ta’uu kaasu.
Lafa naannoo Oromiyaa keessaa lafti dulloomee biyyoonsaa asiidawaa ta’e hektaara miliyoona 2.3 yommuu ta’u, naannoo Oromiyaatti godinoota 15 ta’an keessatti rakkoon kun akka mul’atus ni eeru.
Lafa sababa biyyoo asiidawaatiin osoo omisha hinkennine waggoota saddeetii ol ture nooraa fayyadamuun yeroo ammaa omisha gaarii argachaa jiraachuu immoo qonnaan bultootni Godina Shawaa Lixaa ni dubbatu.
Lafti tokko rakkoo asiidummaa biyyee horate jechuun kanaan dura akka waan deebi’ee omisha hinkennineetti fudhatamaa turuu kan himan immoo Daarektarri Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomee Boggalaa, hojiin waggoottan muraasa darbanitti rakkoo kanaaf fala barbaaduuf hojjatamaa ture garuu ilaalcha kana cabsuun deebisanii omisha akka kennu taasisuun kan danda’amu ta’uusaa kan itti mirkaneeffame ta’uu dubbatu.
Akka yaadasaaniitti, lafa sababoota garagaraatiin dulloomee biyyoonsaa omisha kennuu dhiise yaalanii akka deebi’ee omisha kennu taasisuudhaaf hojiiwwan qorannoo walirraa hincitne taasifamaa kan turan yemmuu ta’u, tattaaffiin qorannoo rakkoo kana furuudhaaf taasifamaa ture immoo deeggarsa hoggansaa guutuu argachuusaatiin yeroo ammaa furmaata bira gahamuu dubbatu. Asiidummaan yookiin dhangaggaa’ummaan biyyee kun yeroo hedduu kan uumamu lafa roobni itti heeddumatuufi hawaasni irratti baayyatee jiraaturratti ‘Ph’n lafaa 7 gadi ta’e ta’uus ni kaasu.
Lafa haala kanaan albuudni keessoosaa jiru keessaa hir’atee omisha barbaachisu kennuu dhaabe immoo nooraan yoo yaalame omisha dachaan argachuun waan danda’amuuf hojii isaa babal’isuurratti hojjetamuu akka qabu hubachiisu.
Obbo Bariisoo Fayyisaa Hogganaa Ittaanaa Biiroo Qonna Oromiyaa daawwannicharratti argamuun lafa dhangaggaa’ummaan miidhame nooraan yaaluun omishtummaa lafaa dabaluuf hojii amma jalqabame caalmaatti babal’isuun galma omishtummaa guddisuuf qabame milkeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsuun, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraattis hojiin fakkeenyummaa qabuufi muuxannoo gaarii ta’e hojjetamuu eeraniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa gamasaaniin, dhangaggaa’ummaan lafaa akka Godina Shawaa Lixaatti bal’inaan jiru Nooraadhaan yaaluun omishtummaa guddisuuf hoji jalqabbii amma jiru caalmaatti cimsuuf qophii ta’uusaanii ibsaniiru.
Godinichatti rakkoon kun bal’inaan kan mul’atu ta’uusaatiin duulli lafa dhangaggaa’ummaa biyyootiif saaxilame nooraan yaalanii gara omishaatti galchuudhaan badhaadhina eegalame dhugoomsuuf yeroo kamiyyuu caalatti kan hojjetan ta’uus ni himu.
Qonnaan bultoonni Aanaa Walmaraa lafa dhangaggaa’ummaa biyyeen miidhamee waggoota kudhaniif omisha kennuu didee taa’aa ture nooraan yaaluun garbuu irratti misoomsan haala gaariirra jiraachuufi omisha guddaa irraa argachuuf abdii kan qaban ta’uu ibsu.
Omishaafi omishtummaa damee qonnaa waggoottan shanan darbaniif osoo addaan hincitiin cimsanii itti fufsiisuudhaaf hojiin biyyoo dulloomee asiidummaan itti baay’ate yaalanii misoomaaf oolchuun kun shoora olaanaa kan bahatu ta’us, kun qofti garuu gahaa miti jedhu.
Bu’aan gama seektara qonnaatiin galmaa’aa jiru kun cimee akka itti fufuuf karooraafi qorannoo raawwii ogeessaafi hoggansa hammate taasisuu, ragaa sakatta’insa sassabbii duraa xumuruu, sassaabbii omishaa qopheessuu, itti fayyadama makaanaayizeeshinii cimsuun maloota sassaabbii ammayyaa’ootti gargaaramuudhaan omisha ga’e yeroon sassaabuun barbaachisaadha.
Badhaadhina maatii waliin walqabatee hojii omishaa guddisuurra darbee qonnaan bultootniifi horsiisee bultoonni omisha gabaaf dhiheessuuf karoorfatan dhiheessuun kan gurguratan irraa immoo qusachuun gara invastimantiitti akka ce’aniif xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu akka qabu hubachiisu.
Hojii misooma qamadii bonaan omishtummaa dabaluuf yeroo kalaandarii facaasaa ta’e keessatti facaasuun xumuruu, galteewwaniifi paampii bishaanii barbaachisan yeroon akka qaqqabuufi hojiirra oolmaa isaanii hordofuu, sakatta’insa maasaa yeroon taasisuun kunuunsa barbaachisu taasisuu, ragaa GPSn fudhachuu, sakatta’iinsa ilbisoota weerartuu qamadii jallisii bonaa yeroo yeroon taasisuufi karoora raawwii hojii guyyaa guyyaa ilaalaa deemuunis dirqama ta’uu kaasu.
Misooma muduraafi kuduraa bonaa gaggeeffamaniifis galteewwan barbaachisan xiyyeeffaannoon dhiheessuun deeggarsaafi hordoffii ogummaa barbaachisu taasisuunis waan dagatamuu hinqabne ta’uu yaadachiisu.
Omishaafi omishtummaa beeyladaa guddisuuf hojii misooma aannanii mala namaan loon rimaa qabsiisuurratti jalqabame cimsuu, misooma furdisa horii foonii, sagantaa maaddii guutuu hojiirra oolchuuf paakejiiwwan barbaachisan hunda xiyyeeffannoon raawwachuu, inisheetiivii misooma dammaa raawwachuuf dhiheessiifi raabsa gaaguraa cimsuun omishatti galuu isaa hordofuu akka barbaachisus ni himu.
Misooma qabeenya uumamaatiin qophii kompoostii idileefi raammoorratti hojii jalqabame cimsuufi giddugaleessota qophii kompoostii raammoo ijaaraman hojiitti galchuu, kunuunsa biqiltuu ganna dhaabbatanii kunuunsa isaa cimsuun itti fufuu, sanyii biqilaa bara dhufu dhaabbatuu yeroon qopheessuun hojiitti galuu, hojii eegumsa biyyeefi bishaanii yeroo bonaa hojjetamaniif qophii barbaachisu taasisuunis murteessaadha.
Walumaa galatti, milkiiwwan damee qonnaatiin waggoottan shanan darbanitti galmaa’aa turan itti fufsiisuudhaaf kunuunsa qabeenya uumamaa irraa ka’ee hanga lafa miidhame yaalanii deebisanii omishaaf oolchuutti walitti hidhamiinsi uumame cimee itti fufuu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 7 Bara 2017