Yaa’iin Caffee Oromiyaa 9fa iftaan eegalama

Finfinnee: Yaa’iin idilee 9fa waggaa afraffaa bara hojii 5fa Caffee Oromiyaa iftaanirraa eegalee guyyoota sadiif Magaalaa Adaamaatti kan adeemsifamu ta’uu Waajjirri Caffee Oromiyaa beeksise.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo yaa’icha  ilaalchisuun ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatii kennaniin akka jedhanitti, Caffeen Oromiyaa waggaa waggaatti yaa’iiwwan idileefi ariifachiisaa gaggeeffachuun karooraafi raawwii hojiilee qaama raawwachiistuu qoratee kallattii kaa’aa tureera; ammas gochaa jira.

Barana gara jalqabaattis Caffichi yaa’ii idilee 8fa adeemsisuun raawwii hojiilee bara 2010 eddii qoratee booda karoora qaamolee raawwachiistuu mootummaa naannichaa kan bara 2011 ilaalee bajata waliigalaa raggaasisuun  hojii keessa akka galamu taasifameera.

Ji’a Onkoloolessaa keessas caffichi yaa’ii ariifachiisaa adeemsisuun rakkoolee yaa’ii idilee saddeeffaarratti adda bahan keessumaa dhimma nageenya naannichaarratti mari’atee kallattii kaa’uusaas dubbataniiru.

Yaa’ii idileen caffichaa saglaffaan ammoo Guraandhala 17 hanga 20 bara 2011 Adaamaatti kan gaggeeffamu ta’uu himanii, raawwii karooraa qaamolee raawwachiistuu hojii mootummaa naannoo Oromiyaa qorachuun ajandaa ijoo yaa’ichaati jedhan. Keessumaa ammoo hojiileen nageenya naannichaa kabachiisuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjetamaa turan haalaan kan ilaalaman ta’uu afyaa’ittiin ibsaniiru.

Wixineen labsii babal’ina waldaalee hojii gamtaa fooyyessuuf qophaa’es sakatta’amee kan raggaasifamu ta’aa jedhanii, kana cinattis dhimmootni misoomaa, dimokraasiifi bulchiinsa gaariis kan ilaalaman ta’uu himaniiru.

Dhimmi abbummaa Finfinnees akka ajandaa tokkootti qabamuu baatus yaa’icharratti ka’ee mariin taasifamuu ni mala kan jedhan Aadde Loomiin, yaa’ichi nagaan eegalamee akka xumuramuuf jiraattotni magaalaa Adaamaafi naannawashee deggarsa barbaachisu gochuu akka qabanis gaafataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Guraadhala 15/2011

 

Recommended For You

3 Comments to “Yaa’iin Caffee Oromiyaa 9fa iftaan eegalama”

  1. Pingback: my response

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *