Faasikaan ayyaana Yihudoonni yeroo itti Waaqayyo garbummaa Gibxii jalaa isaan baase jechuunis DhKD bara 1513 yaadachuuf kabajaniidha. Waaqayyo Israaʼeloonni ayyaana iddoon guddaan kennamuuf kana waggaa waggaadhaan akka Yihudootaatti jiʼa Abiib jedhamuufi yeroo booda Niisaan jedhame guyyaa 14fatti akka kabajan ajajee akka tureedha ragaaleen kan ibsan.
Waaqayyo dhaʼicha cimaa fidu dura Israaʼeloonni hoolaa ykn reʼee qalanii dhiigasaa buusaa mataa balbala manneensaaniirratti akka dibanis ajajee ture. Waaqayyo mallattoo kana argee manasaanii ‘irra darba,’ akkasumas ilmaan angafaasaanii dhaʼicha kanarraa oolcha ture.
Waaqayyo Israaʼeloonni Faasikaa isa jalqabaa akkamitti akka kabajan ilaalchisees qajeelfama kenneefii ture. Qabiyyeewwan ayyaana Faasikaa Kitaaba Qulqulluu keessattis bal’inaan eeramaniiru. Kanneen keessaa akka ijootti kan eeramuufi hubatamu gochichi aarsaa jaalalaafi nagaa dhala namaatiif kaffalame ta’uusaati.
Kanaanis Faasikaan jaalala, dhiifama, nageenya, inni tokko isa kaaniif aarsaa ta’uufi kkf kan agarsiisuudha. Kanaaf ammoo gochoonni faallaa kanaa ta’an kanneen akka waraanaa, waldhiibuu, sanyiifi afaaniin walqooduu, walirratti ka’uu, walajjeechaaf meeshaa walirratti kaasuun, tokko isa biraa buqqisuun gocha tasumaa dhaabachuu qabuudha.
Akka dhaamsa abbootii amantiittis, bara qaroome keessa waan jirruuf warri waliihingalle taa’anii mari’achuu qabu. Nagaafi tasgabbiin kan argamu karaa nagaa qofa ta’uu hubatee hunduu xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qaba.
Hunduu dhimma nageenyaatiif xiyyeeffannaa kennuu qaba. Nageenya jechuun hokkaraafi gochoota biroo haaluma kamiinuu nagaa booressan, guutummaatti yaaddoorraa bilisa ta’anii jiraachuu, nagaadhaan jiraachuuf ammoo waraanni, hokkarriifi walitti bu’iinsi dhabamuu ta’us, waliigalaan yaadrimeen nageenyaa guutummaatti walitti bu’iinsarraa bilisa ta’uu jechuu otoo hintaane walitti bu’iinsota uumaman furaa waliiyaaduudhaan, walutubuudhaan, waldanda’uudhaan tokkummaadhaan jiraachuu danda’uu jechuudha.
Egaa nagaan waantota lubbuu qaban hundaaf kan barbaachisuudha. Nagaan keessumaa wabii jireenyaa dhala namaati. Nagaa kan namaa kennu Uumaa ta’us tokko tokkoon namaa dhugoomuu duudhaa kanaatiif qoodasaa bahachuu qaba.
Oggaa ayyaana Faasikaa kana kabajnu hunda caalaa nagaan duudhaa gaarummaa ooluu, yaaduufi raawwachuurraa kan maddu ta’uun hubatamuu qaba. Hafuura qabaatee kan nagaa jibbu hinjiru.
Kanaaf hunduu bakkuma jirutti dhimma nagaa kanaaf gumaachuun irraa eegama. Faasikaan, mallattoo nageenyaa, jaalalaa, aarsaa walii ta’uufi kkftikaa.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013