Qormaata kutaa 12fatiif gama hundaan qophiin taasifamaa jira

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Qormaata seensaa dhaabbilee olaanaa (kutaa 12fa) Guraandhala 29 hanga Bitootessa 2 bara 2013tti waraqaadhaan kennamuuf barattoonni, maatii barattootaafi manneen barnootaa Gaazexaan Bariisaa dubbise tokko tokko qophii gochaa jiraachuu ibsan.

Mana Barnootaa Bultii Addaa WMO Adaamaatti barataa kutaa 12fa kan ta’e Dinqisaa Jaalataa akka jedhetti, inniifi hiriyoonnisaa hundi qormaata kutaa 12fa bara 2012 fudhatee qabxii olaanaa galmeessisuuf qophii gochaa jiru.

“Kanaan dura wayita taableetiidhaan akka qoramnu ibsametti yaaddoo teknolojiitti madaquu dhabuu, hanqina networkii, yeroo sororamu qulqullina dhabinnaa jedhee yaadda’aan ture. Ammaa  qormaaticha waraqaadhaan fudhachuuf qophaa’uun keenyaa yaaddoo kanarraa bilisa nu taasiseera” jedha.

Wayita sababa vaayirasii koronaatiin maatii bira turretti barsiisonni karaa miidiyaa hawaasaa hanga danda’an qormaatichaaf isan qopheessaa turuu kan eere barataa Dinqiisaan, kanaafis barsiisotasaa galateeffatee yeroon qormaatichaaf murtaa’e keessumaa barattoota baadiyyaatiif daran mijataa ta’uu eereera.

Maatiin barattuu Betalihem Darajjee, Obbo Darajjee Baqqalaas, intallisaaniis Manuma Barnootaa Bultii Addaa WMO Adaamaatti barachaa turte qormaata kutaa 12fa akka fudhattu himanii, manni barnootichaa barattoota naamusa, dandeettiifi beekumsaan ga’oomsuurratti cimee hojjetaa jiraatullee isaanis akka maatiitti kitaaba garagaraa bituufiin qorqalbiidhaan qopheessaa jiraachuu ibsu.

Barattoonni tasgabbaa’anii qormaaticha akka fudhataniif maatiin kaanis yeroo hafe keessatti ijoolleesaa onnachiisuu qaba jedhaniiru.

Dura bu’aan Mana Barnootaa Sadarlaa 2fa Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Barsiisaa Deebisaa Moosisaa gamasaaniin, baratoonnisaanii qormaata kutaa 12fa fudhatan barnoota dabalataa fudhachaa, gaaffiilee addaddaa hojjechaafi mana kitaabaa fayyadamuun qophaa gahaa gochaa turuu eeraniiru. Ammas barattoonnisaanii mudaa tokko malee qormaaticha akka fudhataniif haaldureewwan barbaachisoon mijaa’uusaaniis beeksisaniiru.

Akka mana barnootaasaaniitti barattoonni kuma tokkoofi 688 sagantaa idileetiin galmaa’anii qormaaticha fudhachuuf qophaa’aa jiraachuu eeranii, qormaatichi waraqaadhaan kennamuun barattoota kan gammachiise ta’uu ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

8 Comments to “Qormaata kutaa 12fatiif gama hundaan qophiin taasifamaa jira”

  1. Pingback: nagaway
  2. Pingback: live cams
  3. Pingback: free tokens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *