Itiyoo Telekoom bara dhufu tajaajila intarneetii ‘5G’ ni eegala

  • Magaaloonni Rijinii Kibba Bahaa fayyadamtoota ‘4G LTE Advanced’ ta’an

Saamraawiit Girmaatiin

Adaamaa: Obbo Abinnat Taaddasaa hojjetaa Dhaabbata Inshuraansii Itoophiyaa damee Adaamaati. Hojiinsaanii baay’een interneetiidhaan kan walqabatu ta’uufi kanaan duras networkiin magaalattii laafaa ta’uusaatiin daran rakkachaa turuu kaasu. Sababa kanaan hojiileen harkifachaa, maamiltoonni deddeebi’aafi rakkooleen garagaraas mudachaa turuudha Gaazexaa Bariisaatiif kan ibsa.

Dheengaddarraa kaasee garuu magaalaa Adaamaa dabalatee magaalonni riijinii kibba bahaa jalatti argaman Awaash Malkaasaa, Mojoo, Bishooftuu, Dukamiifi Galaan fayyadamoo tajaajila intarneetii saffisa olaanaa ‘4G LTE Advanced’ jedhamuu ta’aniiru. Kunis hojiin hojjetamu saffisaafi qulqullina akka qabaatu taasisuun dhaabbileen waan guyyaatti hojjechuuf karoorfatan si’aayinaa hojjetaniif ni gargaara jedhu.

Si’achuun hojiimmoo galii waliin waan walqabatuuf fayyadamaa kan ta’u dhaabbileefi namoota hedduu ta’uu kaasa.

Sirna jalqabsiisa tajaajilichaarratti argamuun haasaa kan taasisan Raawwachiistuun Hojii Itiyoo Telekoom, Dubree Firehiwoot Taammiruu akka jedhanitti, Rijiniin Kibba Bahaa fayyadamni daataa olaanaa kan itti mul’ateefi waldhiphisna networkii kan qabu waan ta’eef rakkoo qulqullina tajaajilaa kan qabuufi fedhii maamiltootaa haala ga’aa ta’een kan guuttate hinturre.

Kanarraa ka’uun dhaabbatichi erga hojii bal’aa hojjechaa turee booda Finfinneen ala yeroo jalqabaatiif tajaajila intarneetii fooyya’aa ‘4G LTE Advanced’ magaalota riijinicha jalatti argamaniif kennuu eegaluu himu.

Itiyoo Telokoom dhaabbata ga’umsa qabu, dorgomaafi filatamaa ta’uun fedhii maamiltootasaa yeroodhaa yerootti dabalaa dhufe guutuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu kaasanii, ijaarsa dinagdee dijitaalawaas ittifufsiisuufi dhugoomsuuf hojiin babal’isaa hedduun hojjetamu eeru.

Kanaafis karoorri tarsimawaan waggoota sadiif turu qabamee hojjetamaa jiraachuu kan ibsan raawwachiiftuun hojii tun, hojiichis waggaa darbe eegaluusaafi kanaanis raawwii gaariin galmaa’uu akksumas, ji’oota ja’an bara bajataa baranaattis raawwii onnachiisaan galmaa’uu dubbatu. Yeroowwan hafanis teknolojiiwwan haaraa fiduufi babal’isuudhaan fedhii maamiltootaa guutuuf darbees, galii dhaabbatichaa daran guddisuuf ni hojjetama jedhu.

Akka Dubree Firehiwoot jedhanitti, gama tajaajila networkii fooyyessuutiin teknolojii addunyaa hordoofuun yeroo yerootti fooyyessaa dhufuun danda’ameera. Ammaan tanas hojiin fooyyessaa hojjetameen sadarkaa tajaajila intarniiti ‘4G LTE Advanced’ ykn tajaajila interneetii saffisa olaanaa dhaloota afraffaarra qaqqabeera. Kanaanis tajaajilicha kutaalee biyyattii ‘2Gfi 3G’ fayyadaman hunda biraan ga’uuf kan hojjetamu ta’a.

Tajaajilli ‘4G LTE Advanced kun saffisa olaanaa kan qabu waan ta’eef  hojii biznasii namoota dhuunfaas ta’e kan dhaabbilee daran kan fooyyessuudha jedhanii, humnaafi saffisa olaanaa waan qabuufis hojii maamiltootaa saffisiisuun tajaajila qulqulluu akka argataniif kan gargaaru ta’uu beeksisaniiru.

Amma akka waliigalaatti Wiirtuuleen Simattuu Bu’uuraa ykn ‘Base Transceiver Station, BTS’ Kuma torbaafi 300 Itiyoo Telokoom gaggeessuu sadarkaa biyyaatti jiraachuu eeranii,  baranas wiirtuulee dabalataa 769 ijaaruuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuufi kanneen keessaa 137 Finfinneetti ijaarsarra jiraachuu addeessu. 

Magaalota 103s fayyadamoo tajaajila ‘4G LTE Advanced’ akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu eeranii, akka waliigalaatti wiirtuuleen kuma tokkoofi 94 hanga xumura bara bajataa kanaatti fayyadamtoota akka ta’an ibsaniiru.

“Saayitiiwwan Rijiiniin Kibba Bahaa qabu 551 keessaa 110 irratti fooyya’insi hojjetamee tajaajila interneetii saffisa olaanaa argataniiru. Kana hojjechuun kan barbaachiseef rijinichi bakkee daldalli ho’aan itti adeemsifamuufi turistii bal’inaan keessummeessu waan ta’eef dursi kennemeef” jedhu.

Kana malees ALA bara 2022tti saffisa tajaajila intarneetii ‘5G’ ykn dhaloota shanaffaa eegaluuf haaldureewwan barbaachisan xumuraa jiraachuus ni ibsu.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

8 Comments to “Itiyoo Telekoom bara dhufu tajaajila intarneetii ‘5G’ ni eegala”

  1. Pingback: cam coins
  2. Pingback: saipay789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *